Seera Lakkoobsaa 25:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Warri Israa'el Shiixiimin buufatanii utuu jiranii, isaan keessaa jarri tokko dubartoota Mo'aabii wajjin ejjuutti in ka'an*.

2Dubartoonni kun jara kana gara aarsaa waaqayyolii tolfamoo isaaniitti in waaman; isaanis nyaatanii, waaqayyolii isaaniitiifis in sagadan.

3Warri Israa'el Ba'aal isa Phe'or waaqessuutti in qabaman; yommus dheekkamsi Waaqayyoo Israa'el irratti in boba'e*.

4Waaqayyo ammoo Museedhaan, ?Dheekkamsi koo inni sodaachisaan Israa'el irraa akka deebi'utti, ati angafoota saba kanaa fuudhii ajjeesiitii hamma aduun lixxutti fuula koo duratti isaan rarraasi!? jedhe*.

5Museen kana irratti abboota firdii warra Israa'eliin, ?Isin tokkon tokkon keessan nama keessan keessaa Ba'aal isa Phe'or nama waaqeffatu ajjeesaa!? jedhe*.[88]

6Kunoo, Museenii fi guutummaan waldaa saba Israa'el dunkaana itti wal ga'an dura dhaabatanii utuu isaan boo'anii, namoota Israa'el keessaa tokko utuma isaan ilaalanii, dubartii warra Miidiyaan tokko fudhatee gara maatii isaatii dhufe.

7Yommus Fiinehaas ilmi Ele'azaar ilma Aaron lubichaa kana argee, ka'ee waldicha keessaa ba'ee eeboo fudhatee,

8hamma gola isa keessaatti namicha Israa'el sana duukaa dhaqee, namicha, dubartittiis waraanee keessa in baase; akkasitti dha'ichi Israa'eloota irraa in ittifame.

9Haa ta'u iyyuu malee, warri dha'icha sanaan ajjeefaman namoota kuma digdamii afur turan*.[89]

10Waaqayyo yommus Museedhaan,

11?Israa'eloota keessaa Fiinehaas ilmi Ele'azaar ilma Aaron lubichaa, waa'ee kootiif hinaafaa waan tureef, ani hinaaffaa kootiin akkan isaan hin fixnetti dheekkamsa koo isaan irraa deebiseera.

12Kanaaf, ?Kunoo ani kakuu nagaa kootii isaaf nan kakadha*.

13Inni ana Waaqayyo isaatiif hinaafaa waan tureef, saba Israa'eliifis waan araarseef, kakuun lubummaa bara baraan isaaf, isa booddeedhaanis sanyii isaatiif in ta'a? jedhii dubbadhu!? jedhe.[90]

14Maqaan namicha isa dubartittii warra Miidiyaanii wajjin ajjeefamee Ziimrii ture; inni immoo ilma Saaluwaa, gosa Shimi'oon keessaa mana abbaa isaatiitti isa geggeessitu turee dha.

15Maqaan dubartii warra Miidiyaan ishee ajjeefamte immoo Kozbii ture; isheen intala Zuur isa Miidiyaan keessatti dura-buutuu maatii tokkoo turee ti.

16Waaqayyo ammas Museedhaan,

17?Warra Miidiyaan kana rakkisaa, isaan rukutaas!

18Isaan haxxummaa isaanii isa waa'ee Phe'oriif, waa'ee Kozbii intala bulchaa biyyaa warra Miidiyaan obboleettii isaanii, ishee guyyaa dha'icha sababii Phe'oriif dhufe sanaatti ajjeefamte sanaan isin gowwoomsanii isin rakkisaniiru? jedhe.

cle>