1Dha'icha sana booddee Waaqayyo Musee fi Ele'azaar ilma Aaron lubichaatiin,
2?Guutummaa waldaa Israa'el keessaa namoota waggaan isaanii digdama guutee fi warra digdamaa olii, Israa'el keessaa lola dhaquu kan danda'an hundumaa akka mana mana abbaa isaaniitti lakkaa'aa!? jedhe.
3Museenii fi Ele'azaar lubichi fuullee Yerikootti bukkee laga Yordaanos dachaa Mo'aab keessatti,
4akkuma Waaqayyo Musee abboometti, namoota waggaan isaanii digdama guutee fi warra waggaa digdamaa olii walitti in qaban; Israa'eloonni warri biyya Gibxii ba'an kanatti aananii kan jiranii dha.
5Ruuben, ilma Israa'el isa angafa; ilmaan Ruuben immoo warra kanatti aananii jiranii dha; Henok, abbaa qomoo Henokootaa ti; Faluu, abbaa qomoo Faluuwotaa ti;
6Hezron, abbaa qomoo Hezronootaa ti; Karmiin, abbaa qomoo Karmii'otaa ti.
7Isaan kun qomoowwan Ruuben; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii sadii fi dhibba torbaa fi soddoma turan.
8Ilmi Faluu immoo Eliiyaab.
9Ilmaan Eliiyaab, Nemu'el, Daataanii fi Abiiram; Daataanii fi Abiiram kun warra Musee fi Aaroniin mormanii dha; akkasumas yeroo Qoraahii fi gareen isaa Waaqayyoon morman isaan keessa turan*.
10Yommus lafti banamee Qoraahii wajjin isaan in liqimse; warri garee Qoraahi immoo yeroo ibiddi namoota dhibba lamaa fi shantama fixe dhuman; kanaanis isaan milikkita namoonni ittiin of eeggatan ta'an.
11Haa ta'u iyyuu malee, ilmaan Qoraahi hin ajjeefamne.
12Ilmaan Shimi'oon akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Nemu'el, abbaa qomoo Nemu'elootaa ti; Yaamiin, abbaa qomoo Yaamiinotaa ti; Yaakiin, abbaa qomoo Yaakiinotaa ti;
13Zeraan, abbaa qomoo Zerootaa ti; Shaawul, abbaa qomoo Shaawulootaa ti*.
14Isaan kun qomoowwan Shimi'oonotaa ti; lakkoobsi isaanii kuma digdamii lamaa fi dhibba lama ture.
15Ilmaan Gaadi akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Zefoon, abbaa qomoo Zefoonotaa ti; Haagiin abbaa qomoo Haagotaa ti; Shuniin, abbaa qomoo Shunootaa ti;
16Ozniin, abbaa qomoo Oznootaa ti; Eriin, abbaa qomoo Erootaa ti;
17Aarod, abbaa qomoo Aarodootaa ti; Arii'eliin, abbaa qomoo Arii'elootaa ti.
18Isaan kun qomoowwan ilmaan Gaadi; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan.
19Ilmaan Yihudaa Erii fi Onaan turan; isaan garuu biyya Kana'aanitti in du'an*.
20Ilmaan Yihudaa akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shelaan, abbaa qomoo Shelootaa ti; Faares, abbaa qomoo Faaresootaa ti; Zaaraan, abbaa qomoo Zaarotaa ti.
21Ilmaan Faares immoo Hezron, abbaa qomoo Hezronootaa ti; Hamul abbaa qomoo Hamulootaa ti*.
22Isaan kun qomoowwan Yihudaa ti; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma torbaatamii ja'aa fi dhibba shan turan.
23Ilmaan Yisaakor akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Tolaan abbaa qomoo Tolaawotaa ti; Fuwaan, abbaa qomoo Fuwootaa ti;
24Yaashub, abbaa qomoo Yaashubootaa ti; Shimroon, abbaa qomoo Shimroonotaa ti.
25Isaan kun qomoowwan Yisaakor; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma jaatamii afurii fi dhibba sadii turan.
26Ilmaan Zebuloon akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Sered, abbaa qomoo Seredootaa ti; Eloon, abbaa qomoo Eloonotaa ti; Yaahile'el, abbaa qomoo Yaahile'elootaa ti;
27isaan kun qomoowwan Zebuloon; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma jaatamaa fi dhibba shan turan.
28Ilmaan Yoseef akka qomoo qomoo isaaniitti, Minaasee fi Efreem.
29Ilmaan Minaasee, Maakiir, abbaa qomoo Maakiirotaa ti; Maakiir kun abbaa Giil'aad ture; Giil'aad immoo abbaa qomoo Giil'aadotaa ti.
30Ilmaan Giil'aad immoo warra kanatti aananii jiranii dha; Yi'ezer, abbaa qomoo Yi'ezerootaa ti; Helek, abbaa qomoo Helekootaa ti;
31Asrii'el, abbaa qomoo Asrii'elootaa ti; Sheekem, abbaa qomoo Sheekemootaa ti.
32Shemiidaan, abbaa qomoo Shemiidotaa ti; Hefer, abbaa qomoo Heferootaa ti.
33Zelofehaad ilmi Hefer immoo intaloota malee, ilmaan hin qabu ture; maqaan intaloota Zelofehaad, Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa ture*.
34Qomoowwan Minaasee isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma shantamii lamaa fi dhibba torba turan.
35Ilmaan Efreem akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shutelaan, abbaa qomoo Shutelootaa ti; Beker, abbaa qomoo Bekerootaa ti; Taahaan, abbaa qomoo Taahaanotaa ti.
36Ilmaan Shutelaa immoo Eraan, abbaa qomoo Eraanotaa ti;
37qomoowwan ilmaan Efreem isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma soddomii lamaa fi dhibba shan turan; ilmaan Yoseef akka qomoo qomoo isaaniitti isaan kana turan.
38Ilmaan Benyaamiin akka qomoo qomoo isaaniitti, Belaa'i abbaa qomoo Belaa'otaa ti; Ashbel, abbaa qomoo Ashbelootaa ti; Ahiiraam, abbaa qomoo Ahiiraamotaa ti;
39Shefufaam, abbaa qomoo Shefufaamotaa ti; Hufaam, abbaa qomoo Hufaamotaa ti.
40Ilmaan Belaa'i immoo Aardii fi Na'aamaan turan; Aardiin, abbaa qomoo Aardotaa ti; Na'aamaan, abbaa qomoo Na'aamaanotaa ti.
41Isaan kun akka qomoowwan isaaniitti ilmaan Benyaamiin; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii shanii fi dhibba ja'a turan.
42Ilmaan Daan akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shuhaam, abbaa qomoo Shuhaamotaa ti; qomoowwan Daan akka qomoo qomoo isaaniitti isaan kana.
43Qomoowwan Shuhaamotaa hundumaa keessaa warri lakkaa'aman kuma jaatamii afurii fi dhibba afur turan.
44Ilmaan Asheer akka qomoo qomoo isaaniitti, Yiimnaan, abbaa qomoo Yiimnotaa ti; Yishwiin, abbaa qomoo Yishwootaa ti; Beriiyaan, abbaa qomoo Beriiyotaa ti.
45Ilmaan Beriiyaa immoo Heber, abbaa qomoo Heberootaa ti; Malkii'el, abbaa qomoo Malkii'elootaa ti.
46Maqaan intala Asheer, Seraa ture;
47qomoowwan ilmaan Asheer isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma shantamii sadii fi dhibba afur turan.
48Ilmaan Niftaalem akka qomoo qomoo isaaniitti, Yaahize'el, abbaa qomoo Yaahize'elootaa ti; Guniin, abbaa qomoo Guniiwotaa ti;
49Yezer, abbaa qomoo Yezerootaa ti; Shiilem, abbaa qomoo Shiilemootaa ti.
50Isaan kun qomoowwan Niftaalem; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii shanii fi dhibba afur turan.
51Namoota Israa'el keessaa warri lakkaa'aman isaan kana turan; lakkoobsi isaanii walumatti kumaatama dhibba ja'aa fi kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi soddoma ture.
52Waaqayyo yommus Museedhaan,
53?Akka lakkoobsa maqaa isaaniitti biyyichi isaan kanaaf dhaala ta'ee haa hiramu!
54Qomoo guddaadhaaf dhaala guddaa, qomoo xinnaadhaaf dhaala xinnaa kenni! Tokkon tokkon qomoo akka lakkoobsa namoota isaatiitti dhaala isaa haa argatu!
55Biyyichi garuu buufata mukaatiin haa hiramu! Isaan akka maqaa gosa abboota isaaniitti haa dhaalan!
56Dhaalli sun qomoowwan gurguddaa fi qomoowwan xixinnaa gidduutti buufata mukaatiin haa hiramu!? jedhe*.
57Lewwoonni akka qomoo qomoo isaaniitti lakkaa'aman immoo kanatti aananii warra jiranii dha; Gershoon, abbaa qomoo Gershoonotaa ti; Qehaat, abbaa qomoo Qehaatotaa ti; Meraariin, abbaa qomoo Meraarotaa ti*.
58Warri kanatti aananii jiranis qomoowwan Lewwootaa ti; qomoo Siibnaa'ot, qomoo Heronootaa, qomoo Maahilootaa, qomoo Mushootaa, qomoo Qoraahotaa ti; Qehaat immoo abbaa Amraam ture.
59Maqaan haadha manaa Amraam Yokebeed ture; isheen intala Lewwii ishee biyya Gibxiitti dhalatte turte; isheen immoo Aaronin, Musee fi Miiryaamin obboleettii isaanii Amraamiif deesse.
60Aaroniif immoo Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaartu dhalate.
61Garuu Naadaabii fi Abiihuun ibidda alaa isa Waaqayyo isaan hin abboomin Waaqayyo duratti yeroo dhi'eessan du'an*.
62Dhiirota dhalatanii ji'a fixanii jalqabee hamma warra isaa oliitti isaan keessaa kan lakkaa'aman hundinuu kuma digdamii sadii turan; isaan Israa'eloota gidduudhaa dhaalli waan isaaniif hin kennaminiif isaan keessatti hin lakkaa'amne.
63Isaan kun warra yeroo Museenii fi Ele'azaar lubichi fuullee Yerikootti bukkee laga Yordaanos dachaa Mo'aab keessatti Israa'eloota lakkaa'an sana lakkaa'amanii dha.
64Garuu warra yeroo Musee fi Aaron lubichi Siinaa lafa onaa keessatti Israa'eloota lakkaa'anitti lakkaa'aman keessaa namni tokko illee isaan kana keessa hin turre.
65Israa'eloonni sun lafa onaa keessatti akka dhuman Waaqayyo dubbatee akkuma ture, isaan keessaa Kaaleb ilma Yofunee fi Iyaasuu ilma Nun malee, namni tokko iyyuu hin hafne.