Seera Lakkoobsaa 27:1-23 GAZB1997 - Bible AI

1Kunoos maatiiwwan Minaasee ilma Yoseef keessaa intaloonni Zelofehaad ilma Hefer in dhi'aatan; Hefer kun ilma Giil'aad; inni immoo ilma Maakiir Minaasee ture; maqaan intaloota isaatii Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa ture.

2Isaan balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti, fuula Musee, fuula Ele'azaar lubichaa, fuula warra geggeessitootaaf guutummaa waldaa dura dhaabatanii,

3isaaniin, ?Abbaan keenya lafa onaa keessatti du'e; inni garee Qoraahi warra Waaqayyoon mormuudhaaf walitti qabaman sana keessa hin turre, garuu cubbuu ofii isaatiitiin in du'e; ilma immoo tokko iyyuu hin qabu ture*.

4Obboloota abbaa keenyaa gidduudhaa dhaala nuuf kennaa malee, egaa maaliif sababiidhuma ilma hin godhatiniif, maqaan abbaa keenyaa qomoo isaa keessaa balleeffama?? jedhan.[97]

5Yommus Museen dubbii isaanii Waaqayyo duratti in dhi'eesse;

6kana irratti Waaqayyo Museedhaan,

7?Dubbiin intaloota Zelofehaad kun qajeelaa dha; ati obboloota abbaa isaanii gidduudhaa ga'aa dhaalaa kenniif, dhaalli abbaa isaaniis isaaniif akka darbu godhi!

8Israa'elootaan immoo, ?Namni tokko ilma utuu hin godhatin yoo du'e, dhaalli isaa intala isaaf akka darbu godhaa!

9Intalas hin qabu yoo ta'e immoo, dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa!

10Inni obbolootas hin qabu yoo ta'e garuu, dhaala isaa wasiillan isaatiif kennaa!

11Abbaan isaa obboloota hin qabu yoo ta'e, qomoo isaa keessaa fira dhiigaa isatti aanuuf dhaala isaa kennaa, innis qabeenya isaa haa godhatu! Kunis akkuma Waaqayyo Musee abboome Israa'elootaaf seerrataa fi abboommii haa ta'u!? jedhi!? jedhe.

12Waaqayyo yommus Museedhaan, ?Tulluu Abaariim kana irratti ol ba'iitii, biyya ani Israa'elootaaf kenne ilaali!

13Erga isa argitee booddee, akkuma obboleessa kee Aaron, atis gara saba keetti in sassaabamta*.

14Kun sababii yommuu waldichi bishaan isa Siin lafa onaa keessaa biratti didee ana irratti ka'e, atii fi obboleessi kee ija waldichaa duratti ana qulqulleessuu diddanii abboommii koo irratti kaataniif, isinitti in dhufa; bishaanichis Mariibaa isa Qaadesh isa Siin lafa onaa keessaa ture? jedhe*.

15Museen immoo Waaqayyoon,

16?Yaa Waaqayyo gooftaa hafuura nama hundumaa, ati waldichaaf nama tokko kaasi*!

17Innis waldaan kee akka hoolota tiksee hin qabnee akka hin taanetti, isaan dura kan adeemu, kan gad ba'uu fi kan ol galu, kan gad isaan baasuu fi kan ol isaan galchuu dha? jedhe*.

18Waaqayyo immoo deebisee Museedhaan, ?Iyaasuu ilma Nun nama hafuurri ogummaa keessa jiru fuudhiitii, harka kee isa irra kaa'i!

19Ele'azaar lubichaa fi guutummaa waldaa dura akka dhaabatu godhi, hojii inni itti gaafatamu kanas ija isaanii duratti itti kenni!

20Guutummaan waldaa Israa'el akka isaaf abboomamutti aboo kee irraa waa kenniif*!

21Inni fuula Ele'azaar lubichaa dura haa dhaabatu! Lubichi immoo murtoo Waaqayyo duratti Uriimiin beeksifamuu isaaf haa gaafatu! Israa'eloonni hundinuus guutummaatti isaa wajjin akka dubbii lubichaatti gad haa ba'an, akkuma dubbii isaatiittis ol haa galan!? jedhe*.

22Museen akkuma Waaqayyo isa abboome in godhe; Iyaasuus geessee Ele'azaar lubichaa fi guutummaa waldaa sanaa dura in dhaabe.

23Harka isaas mataa isaa irra kaa'ee, akkuma Waaqayyo isa abboometti hojii inni itti gaafatamu kana isatti in kenne*.[98]

cle>