Seera Lakkoobsaa 28:1-31 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo yommus Museedhaan,

2?Ati Israa'elootatti dubbadhu! Isaaniin, Waaqayyo, ?Aarsaa, buddeena isa ibiddaan gubamee anaaf dhi'aatu, isa fooliin isaa garaa ana ciibsu, eeggadhaatii yeroo isaatti anaaf dhi'eessaa!? jedhi!

3Yeroo isaanitti himtus, ?Aarsaa guyyaa guyyaatti itti fufee aarfamuu fi kennaan isin ibiddaan gubdanii, ana Waaqayyoof dhi'eessitan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa hin qabne lama lama;

4xobbaallaa isa tokko ganama, xobbaallaa isa kaan immoo dimimmisa galgalaa aarsaa dhi'eessaa!

5Akkasumas kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnaffaa eefaa tokko isa cuunfaa ejersaa isa calalamaa liitrii tokkoon sukkuumame dhi'eessaa!

6Kun seera aarsaa ittuma fufee gubamuu, isa foolii garaa ciibsuu fi kennaa isa ana Waaqayyoof ibiddaan gubamuuf seera tulluu Siinaa irratti dhaabatee dha.

7Kennaan dhugaatii inni xobbaallaa isa tokkoo wajjin dhi'aatus liitrii tokko haa ta'u! Isin kennaa dhugaatii cimaa iddoo qulqullaa'aatti ana Waaqayyoof in dhangalaaftu.

8Xobbaallaa isa kaan immoo dimimmisa galgalaa, kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatii isaas akkuma isa aarsaa ganamaa wajjin dhi'eessitanii, aarsaa gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu godhaatii dhi'eessaa!? jedhi!

9?Guyyaa Sanbataatti immoo xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa hin qabne lama akkasumas kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, kennaa dhugaatii isaatii wajjin dhi'eessaa*!

10Kun aarsaa Sanbatuma Sanbatatti gubamuu dha; inni aarsaa gubamuu fi kennaa dhugaatii isaa isa ittuma fufee dhi'aatu sana irratti dabalamee in dhi'eeffama.[99]

11?Jalqaba ji'a keessaniitti, aarsaa gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa! Qalma dhi'aatu kanaafis tuntunoo mudaa hin qabne lama, korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa hin qabne torba,

12akkasumas tokkon tokkon tuntunoo wajjin kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, korbeessicha hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama, isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame,

13tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa wajjinis kennaa midhaaniif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, qalma gubamu isa fooliin isaa garaa ciibsu, ana Waaqayyoof in dhi'eessitu.

14Kennaan dhugaatii isaaniis tokkon tokkon tuntunoo wajjin daadhii waynii liitrii lama, korbeessicha hoolaa sanaa wajjin liitrii tokkoo fi harka shanaffaa isaa; tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa wajjin liitrii tokko, qalmi gubamu inni ji'oota waggaa keessa jiran hundumaafuu adda addaan dhi'aatu isa kana.

15Akkasumas korbeessi reettii aarsaa sababii cubbuutiif ana Waaqayyoof in dhi'aata; inni qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatuuf kennaa dhugaatii isaa irratti dabalamee in dhi'aata*.[100]

16?Ji'a isa duraatti, ji'ichattiis guyyaan kudha afuraffaan guyyaa Faasiikaa kootii ti*;

17ji'a kanattii guyyaan kudha shanaffaan guyyaa ayyaanaa ti; guyyaa torbaaf maxinootu nyaatama*.

18Guyyaa isa duraatti wal ga'ii qulqullaa'aan haa godhamu! Guyyaa sanatti hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!

19Garuu aarsaa aarfamuuf, qalma gubamuufis tuntunoo lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba ana Waaqayyoof dhi'eessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

20Tokkon tokkon tuntunoo wajjin kennaa midhaanii isaaniitiif daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame akkasumas korbeessicha hoolaa sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama qopheessaa!

21Tokkon tokkon xobbaallaa torban sanaa wajjin immoo harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko dhi'eessaa!

22Akkasumas isiniif araarsuudhaaf korbeessa reettii tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf dhi'eessaa!

23Kanas qalma gubamu isa ganama ganama itti fufee dhi'aatu sana irratti dabalaatii dhi'eessaa!

24Akkuma kanattis kennaa midhaanii qalma gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu guyyaa torbaaf guyyuma guyyaan dhi'eessaa! Kun qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatuu fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabalamee in dhi'aata.

25Guyyaa torbaffaatti immoo wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa![101]

26?Ayyaana makariitti gaafa ija midhaan keessanii isa duraa kennaa midhaan haaraa gootanii ana Waaqayyoof dhi'eessitan, wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa*!

27Garuu tuntunoo lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba, qalma gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu dhi'eessaa!

28Tokkon tokkon tuntunoo wajjin kennaa midhaanii isaanii daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame akkasumas korbeessicha hoolaa sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama,

29tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa torban sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko dhi'eessaa!

30Kana malees isiniif araarsuudhaaf korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

31Kun kennaa dhugaatii isaatii wajjin qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatuu fi kennaa midhaanii isaa irratti dabalamee haa dhi'aatu! Horiin dhi'eeffaman kun mudaa kan hin qabnee haa ta'an![102]

cle>