Seera Lakkoobsaa 29:1-40 GAZB1997 - Bible AI

1?Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa duraatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa! Inni guyyaa itti malakata dhageessiftan isiniif haa ta'u!

2Isin qalma gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti toluuf tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba qopheessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

3Akkasumas tuntunoo sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii daakuu qamadii ba'eessa isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii, korbeessicha hoolaa sanaa wajjin immoo harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama,

4tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa torban sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko,

5akkasumas isiniif araarsuudhaaf aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko qopheessaa!

6Isaan kun qalma gubamu isa ji'a ji'aan dhi'aatuuf kennaa midhaanii isaa akkasumas qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa warra akka amala ta'ee fudhatameetti, urgaa fooliin isaa garaa ciibsuuf dhi'eeffaman irratti dabalamanii ana Waaqayyoof aarsaa ibiddaan gubaman ta'anii dhi'aatanii dha.

7?Ji'a torbaffaa kana keessaa gaafa guyyaa kurnaffaa wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaatii soomuudhaan gad of deebisaa! Gaafas hojii tokko illee hin hojjetinaa*!

8Garuu tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba qalma gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

9Akkasumas tuntunoo sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, korbeessicha hoolaa sanaa wajjin immoo harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama,

10tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa torban sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko,

11korbeessa reettii tokkos aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, kun araara buusuudhaaf aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatuu fi kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabalamee dhi'aatuu dha.[103]

12?Ji'a torbaffaa keessaa gaafa guyyaa kudha shanaffaa wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa! Ayyaana guyyaa torbaa ana Waaqayyoof ayyaaneffadhaa*!

13Gaafa guyyaa jalqabaaf kan qopheeffaman, tuntunoo kudha sadii, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur, qalma gubamu, aarsaa ibiddaan dhi'aatu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu dhi'eessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

14Tokkon tokkon tuntunoo kudha sadanii wajjin kennaan midhaanii isaanii daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkamame akkasumas tokkon tokkon korbeeyyii hoolaa lamaanii wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama,

15tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa kudha arfanii wajjin immoo harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko haa ta'u!

16Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabaltanii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa![104]

17?Gaafa guyyaa lammaffaaf immoo kan qopheeffaman, tuntunoo kudha lama, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

18Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sanaa fi korbeeyyii hoolaa sana, xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii dhi'eessaa!

19Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa, kennaa dhugaatii isaa irratti dabaltanii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

20?Gaafa guyyaa sadaffaaf kan qopheeffaman, tuntunoo kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu kan mudaa hin qabne haa ta'an!

21Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sana, korbeeyyii hoolaa sana, xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

22Qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabalamee aarsaa sababii cubbuutiif korbeessi reettii tokko haa dhi'aatu!

23?Gaafa guyyaa afuraffaaf kan qopheeffaman, tuntunoo kudhan, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

24Akka lakkoobsa isaaniitii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sana, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaaniitii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

25Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa kennaa dhugaatii isaa irratti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

26?Gaafa guyyaa shanaffaaf kan qopheeffaman, tuntunoo sagal, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

27Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sanaa fi korbeeyyii hoolaa sana, xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaaniitii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

28Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaatiitti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

29?Gaafa guyyaa ja'affaaf kan qopheeffaman, tuntunoo saddeet, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

30Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sana, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

31Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

32?Gaafa guyyaa torbaffaaf kan qopheeffaman tuntunoo torba, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

33Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sanaa fi korbeeyyii hoolaa sana, xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

34Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaatiitti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

35?Guyyaa saddeettaffaa wal ga'ii ulfina-qabeessa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!

36Qalma gubamuuf aarsaa ibiddaan gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti toluuf tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba dhi'eessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

37Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoo sana, korbeessa hoolaa sanaa fi xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

38Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa kennaa dhugaatii isaa irratti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

39?Isin guyyoota ayyaanaa beekaman irratti, aarsaa wareega keessanii fi kennaa jaalala keessaniin dhi'eessitan irratti, isaan kanas qalma keessan isa gubamuuf, kennaa midhaanii keessanii fi kennaa dhugaatii keessanii fi qalma araaraa keessaniifis in qopheessitu? jedhe.

40Akkasitti Museen waan Waaqayyo isa abboome hundumaa Israa'elootatti in hime.

cle>