Seera Lakkoobsaa 3:1-51 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo tulluu Siinaa irratti Museetti yommuu dubbate, sanyiin Aaronii fi Musee akka kanatti fufee jiru turan.

2Maqaan ilmaan Aaron, Naadaab isa angafa, Abiihuu, Ele'azaar, Itaamaar*.

3Isaan kun warra luboota ta'anii hojii lubaa hojjechuudhaaf dibamanii dha*.

4Naadaabii fi Abiihuun Siinaa lafa onaatti ibidda alaa Waaqayyo duratti yommuu dhi'eessan in du'an; ijoollees hin qaban turan; Ele'azaarii fi Itaamaar garuu fuula abbaa isaanii Aaron duratti luba ta'anii in hojjetan*.[8]

5Waaqayyo yommus Museedhaan,

6?Sanyiin Lewwii, Aaron lubicha akka gargaaraniif dhi'eessiitii fuula isaa dura isaan dhaabi!

7Isaan godoo sana keessa hojjechuu isaaniitiin, wanta isa irraa barbaadamuu fi guutummaa waldichaa irraa barbaadamu dunkaana wal ga'ii sana duratti in raawwatu.

8Isaan hojii godoo sanaa hojjechuu isaaniitiin mi'a dunkaana itti wal ga'an sanaa in eegu; Israa'eloota irraa wanta barbaadamus in raawwatu.

9Lewwoonni guutummaatti Israa'eloota keessaa Aaronii fi ilmaan isaatiif waan kennamaniif, ati Aaronii fi ilmaan isaatiif isaan kenni*!

10Aaronii fi ilmaan isaa luboota ta'anii akka hojjetaniif ati hojii irra isaan dhaabi! Namni kan biraa iddoo qulqullaa'aatti yoo dhi'aate garuu haa ajjeefamu!? jedhe.[9]

11Waaqayyo ammas immoo Museedhaan,

12?Kunoo! Israa'eloota keessaa ani qoodan angafa karra saaqu hundumaa fudhadhu, Lewwoota fudhadheera; kanaaf Lewwoonni kan koo ti.

13Ani Waaqayyoo dha; angafni hundinuu kan koo waan ta'eef, ani guyyaan biyya Gibxii keessaa angafa hundumaa dha'e sanatti Israa'el keessaa angafa hundumaa, namaa hamma horiitti, addaan nan baafadhe; kanaaf Lewwoonni kan koo ta'aniiru? jedhe*.[10]

14Waaqayyo Siinaa lafa onaa keessatti Museedhaan,

15?Ijoollee Lewwii dhiirota dhalatanii ji'a fixanii jalqabdee hamma warra isaa oliitti, akka mana mana abbaa isaaniittii fi akka maatii maatii isaaniitti lakkaa'i!? jedhe.

16Museen akkuma Waaqayyo isa abboometti isaan in lakkaa'e.

17Maqaan ilmaan Lewwii Gershoon, Qehaat, Meraarii ture.

18Maqaan ilmaan Gershoon immoo akka maatii maatii isaaniitti Liibnii fi Shime'ii ture.

19Maqaan ilmaan Qehaat, akka maatii maatii isaaniitti Amraam, Yizhaar, Kebroon, Uzii'el ture.

20Maqaan ilmaan Meraarii, Maahilii, Mushiis ture; isaan kun akka mana mana abboota isaaniitti maatiiwwan Lewwootaa ti.

21Maatiiwwan Liibnii fi Shime'ii qomoo Gershoon turan; kanaaf isaan ?Gershoota? jedhaman.

22Lakkoobsi dhiirota isaanii mucaa ji'a tokkootii jalqabee hamma warra isaa oliitti, kuma torbaa fi dhibba shan ture.

23Maatiiwwan Gershootaa godicha dugda duuba gara lixa-biiftuutiin haa buufatan!

24Geggeessituun qomoo Gershoon, Eliyaasaaf ilma Laa'el.

25Dunkaana itti wal ga'an sana keessaa wanti ijoolleen Gershoon eegan, godicha, dunkaanicha irra-buusa isaa wajjin, golgaa balbala dunkaana itti wal ga'anii,

26golgaa oobdichaa, golgaa balbala oobdichaa isa godichaa fi iddoo aarsaatti naanna'ee jiru, funyoo isaa, wanta isa duukaa jiru hundumaas ture.

27Amraamii fi Yizhaar, Hebronii fi Uzii'el qomoo Qehaat turan; isaan kun maatiiwwan Qehaat.

28Lakkoobsi dhiirota isaanii mucaa ji'a tokkootii jalqabee hamma warra isaa oliitti, kuma saddeetii fi dhibba ja'a[11] ture; isaan kun warra iddoo qulqullaa'aa isa itti gaafataman sana eeganii dha.

29Maatiiwwan ilmaan Qehaat cinaacha godoo sanaa gara harka mirgaatiin haa buufatan!

30Geggeessituun maatiiwwan Qehaat akka mana abbaa isaaniitti Elzaafaan ilma Uzii'el.

31Isaan kun sanduuqa kakuu, gabatee, baattuu ibsaa, iddoowwan aarsaa, mi'a iddoo qulqullaa'aa isa luboonni ittiin hojjetan, golgaa, mi'a golgaa sanaaf barbaachisu hundumaas eeguutti in gaafatamu.

32Ele'azaar ilmi Aaron lubichaa geggeessituu geggeessitoota warra Lewwootaa ture; inni warra iddoo qulqullaa'aa eeguudhaaf itti gaafataman sana irra adeemee in ilaala.

33Qomoowwan Maahilii fi Mushii kan Meraarii ti; isaan kun qomoowwan Meraarii ti.

34Lakkoobsi dhiirota isaanii mucaa ji'a tokkootii jalqabee hamma warra isaa oliitti, kuma ja'aa fi dhibba lama ture.

35Geggeessituun maatiiwwan qomoo Meraarii akka mana abbaa isaaniitti Zurii'el ilma Abiihaayil ture; isaan cinaacha godoo sanaa gara harka bitaatiin haa buufatan!

36Ilmaan Meraarii tuggee godichaa, danqaraa isaa, utubaa isaa, miiloo isaa, mi'a miiloo sanaaf barbaachisu hundumaa,

37utuboota oobdichatti naanna'anii jiran, miiloo isaanii, qofoo isaanii fi funyoo isaanii, godichas eeguutti in gaafatamu.

38Museenii fi Aaron, ilmaan Aaronis godoo sana gara boruutiin dunkaana itti wal ga'an dura qixa ba'a-biiftuutiin haa buufatan! Isaan ofii isaaniitiif, Israa'elootaafis iddoo qulqullaa'aa eeguutti in gaafatamu; isaan irraa kan hafe namni kan biraa yoo itti dhi'aate haa ajjeefamu!

39Warri Museenii fi Aaron akka Waaqayyo isaan abboometti Lewwoota keessaa akka maatii maatii isaaniitti lakkaa'an, dhiironni hundinuu mucaa ji'a tokkootii jalqabee hamma warra isaa oliitti, kuma digdamii lama turan*.[12]

40Waaqayyo ergasii Museedhaan, ?Israa'eloota keessaa dhiirota angafa dhalatan hundumaa mucaa ji'a tokkootii jalqabdee hamma warra isaa oliitti lakkaa'i! Maqaa isaaniis tarreetti caafi!

41Ani Waaqayyoo dha; ati qooda angafa Israa'elootaa hundumaa warra Lewwootaa anaaf fuudhi! Qooda angafa horii warra Israa'el hundumaas horii warra Lewwootaa anaaf fuudhi!? jedhe.

42Museenis akkuma Waaqayyo isa abboome Israa'eloota keessaa angafa hundumaa in lakkaa'e.

43Akka tarree maqaa isaaniitti mucaa ji'a tokkootii jalqabee isaa ol kan jiran lakkoobsi dhiirota isaanii warra angafaa walitti qabaatti kuma digdamii lamaa fi dhibba lamaa fi torbaatamii sadii.

44Ammas Waaqayyo Museedhaan,

45?Ani Waaqayyoo dha; ati qooda angafa Israa'eloota hundumaa warra Lewwootaa anaaf fuudhi! Qooda horii Israa'elootaa warra angafa dhalataniis horii warra Lewwootaa anaaf fuudhi! Lewwoonni kan koo haa ta'an!

46Israa'eloota keessaa baay'inni warra angafaa, baay'ina warra Lewwootaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadiin in caala; isaan kana furuudhaaf immoo,

47tokkon tokkon isaaniitiif akka madaalii godoo qulqullaa'aatti sheeqelii shan shan fuudhi! Sheeqeliin tokko geeraa digdama.

48Horii warra lakkoobsi isaanii lakkoobsa warra kaanii caalee furamanii sana Aaronii fi ilmaan isaaf kenni!? jedhe.

49Museen horii warra lakkoobsi isaanii kan warra kaanii caale warri Lewwootaa deebisanii furatanii sana in fuudhe.

50Horiin inni Israa'eloota keessaa warra angafa dhalatan irraa fuudhe, akka madaalii godoo qulqullaa'aatti sheeqelii kuma tokkoo fi dhibba sadii fi jaatamii shan ture.

51Museenis akkuma Waaqayyo isa abboometti horii isaan ittiin furaman sana Aaronii fi ilmaan isaatiifis in kenne*.[13]

le>