1Ergasii Museen dura-buutota gosa Israa'eliin, ?Wanti Waaqayyo abboome kanatti fufee jira;
2innis, ?Namni Waaqayyoof waa yoo wareege yookiis kakaa tokko kakate, wanta isa giddisiisutti yoo of galche akkuma wanta afaan isaa keessaa ba'e sana hundumaatti haa hojjetu malee, sagalee isaa hin geddarin*!
3Intalli tokko ijoollummaa isheetti mana abbaa ishee utuu jirtuu wareega Waaqayyoof wareegdee, wanta ishee giddisiisutti yoo galte*,
4abbaan ishees wareega ishee fi kakuu isheen ittiin wanta ishee giddisiisutti of galchite sana dhaga'ee, waan tokko illee isheetti utuu hin dubbatin yoo dhiise, wareegni ishee sun hundinuu, kakuun isheen ittiin wanta ishee giddisiisutti of galchites dhaabataa in ta'a.
5Garuu abbaan ishee gaafa dhaga'e harkatti diduu isaa yoo mul'ise, wareegni ishee tokko illee, kakuun isheen ittiin wanta ishee giddisiisutti of galchites tokko illee dhaabataa hin ta'u; abbaan ishee ishee harkatti waan dideef, Waaqayyo isheedhaaf in dhiisa.
6? ?Isheen wareegni ishee yookiis dubbiin yaada-malee afaan isheetii ba'e, inni isheen ittiin wanta ishee giddisiisutti of galchite sun utuma jiruu, nama tokkotti yoo heerumte,
7abbaan manaa ishee dhaga'ee, gaafa dhaga'e sana isheetti homaa utuu hin dubbatin yoo dhiise, yommus wareegni ishee dhaabataa in ta'a; kakuun isheen ittiin wanta ishee giddisiisutti of galchites dhaabataa in ta'a.
8Abbaan manaa ishee gaafuma dhaga'e ishee harkatti diduu isaa yoo mul'ise garuu, wareegni ishee irra jiruu fi dubbiin yaada-malee afaan isheetii ba'ee isheen ittiin wanta ishee giddisiisutti of galchite akka irraa bu'u in godha; Waaqayyos isheedhaaf in dhiisa.
9? ?Wareegni dubartii abbaan manaa irraa du'ee yookiis abbaa manaa jalaa baatee garuu inni isheen ittiin wanta ishee giddisiisu keessa of galchite hundinuus dhaabataa in ta'a.
10Isheen mana abbaa manaa isheetii utuu jirtuu yoo wareegde yookiis kakuudhaan wanta ishee giddisiisu keessa yoo of galchite,
11abbaan manaa ishees immoo dhaga'ee ishee harkatti utuu hin didin yoo hafe, yommus wareegni ishee hundinuu, inni isheen ittiin wanta ishee giddisiisutti of galchites dhaabataa in ta'a.
12Garuu abbaan manaa ishee waa'ee wareega ishee fi wanta afaan isheetii ba'e gaafuma dhaga'e sana akka inni dhugumaan irraa bu'u yoo godhe, sababii abbaan manaa ishee irraa buuseef Waaqayyo isheedhaaf in dhiisa.
13Wareegnii fi kakuun isheen gad of deebisuudhaaf galtus dhaabataa akka ta'u yookiis akka irraa bu'u abbaan manaa ishee gochuu in danda'a.
14Haa ta'u iyyuu malee, abbaan manaa ishee guyyaa dhufaa-darbaa, homaa utuu isheetti hin dubbatin yoo hafe, wareegni ishee hundinuu, wanti ishee giddisiisu hundinuus dhaabataa akka ta'u gochuu isaa ti; inni dubbicha guyyuma dhaga'etti ishee harkatti waan hin didiniif dhaabataa akka ta'u gochuu isaa ti.
15Inni dubbicha erga dhaga'ee takka turee akka inni irraa bu'u yoo godhe garuu, yakka isheetti in gaafatama? jedhi!? jedhe.
16Isaan kun seerrata abbaa manaa fi haadha manaa akkasumas abbaa fi intala ishee yeroo ijoollummaa isheetii mana abbaa ishee jirtu gidduutti eegamuun akka ta'uuf Waaqayyo Musee abboomee dha.