1Ilmaan Ruubenii fi ilmaan Gaadi horii qe'ee sonaan baay'ee qabu turan; isaan biyya Yaazerii fi biyya Giil'aad ilaalanii, iddoon isaa iddoo horiidhaaf ta'u akka ture in argan.
2Kanaaf isaan gara Musee fi Ele'azaar lubichaa, gara dura-buutota waldaa sanaas dhufanii,
3?Ataarot, Diibon, Yaazer, Niimraa, Heshboon, Ele'aale, Sebaam, Neboonii fi Be'on,
4biyyichi inni Waaqayyo waldaa Israa'el duratti rukute, biyya horiidhaaf ta'uu dha; nuyi hojjetoonni kee immoo horii qabna.
5Nuyi si duratti faara tolaadhaan ilaalamneerra yoo ta'e, biyyi kun nuyi hojjetoota keetiif dhaala ta'ee haa kennamu! Yordaanos gamatti nu hin ceesisin!? jedhan.
6Museen garuu ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeniin, ?Isin as teessu obboloonni keessan immoo duula dhaquu ree?
7Israa'eloonni gara biyya Waaqayyo isaaniif kenneetti akka hin ceeneef isin maaliif humna isaan buuftu?
8Biyyicha akka ilaalaniif yeroo ani abboota keessan Qaadesh-Barne'aadhaa erge isaanis akkasuma godhan.
9Isaan hamma dachaa Eshkolitti dhaqanii, biyyicha yeroo argan, Israa'eloonni biyyicha isa Waaqayyo kenneefitti akka hin galleef humna isaan in buusan*.
10Gaafa sana dheekkamsi Waaqayyoo isaan irratti boba'e; kakatees,
11?Dhugumaan namoonni biyya Gibxii ba'an warri waggaa digdamaa fi warri digdamaa olii garaa guutuu ana duukaa waan hin bu'iniif, isaan keessaa tokko illee biyya isa ani Abrahaamii fi Yisihaqii fi Yaaqoobiifis kennuudhaaf kakuudhaan abdachiise sana hin argu*.
12Isaan keessaa Kaaleb ilma Yofunee Qenazichaa fi Iyaasuu ilma Nun warra garaa guutuu ana Waaqayyo duukaa bu'an malee, tokko illee hin argu? jedhe*.
13Dheekkamsi Waaqayyoo Israa'eloota irratti boba'e; dhaloonni fuula Waaqayyoo duratti hamaa hojjete sun hamma dhumutti, namoonni Israa'el waggaa afurtama lafa onaa keessa akka jooran in godhe.
14Kunoo amma immoo isin sanyiin namoota cubbamootaa, dheekkamsa Waaqayyoo isa sodaachisaa ittuma caalchiftanii Israa'elootatti baay'isuudhaaf iddoo abboota keessanii buutaniittu.
15Ammas isin isa duukaa bu'uu dhiiftanii isa irraa yoo gara galtan, inni ammuma iyyuu lafa onaa keessatti saba kana in dhiisa; isin egaa sabni kun hundinuu akka badu in gootu? jedhe.
16Yommus isaan gara isaatti dhi'aatanii, ?Nuyi asitti horii keenyaaf iddoo bultii, ijoollee keenyaaf immoo mandaroota in ijaarra;
17ofii keenyaa garuu mi'a lolaa fudhannee, hamma iddoo isaaniitiin isaan geenyutti Israa'eloota dura buunee adeemuudhaaf qophaa'oo dha; ijoolleen keenya immoo harka warra biyya sana jiraatanii ooluudhaaf, mandaroota masaraa qaban sana keessa in jiraatu.
18Hamma Israa'eloonni adduma addaan dhaala isaanii argatanitti nuyi gara mana keenyaatti hin deebinu.
19Sababii dhaalli keenya Yordaanos gamana ba'a-biiftuutii nu ga'eef, nuyi ceenee Yordaanos gamaan isaanii wajjin hin dhaallu? jedhan*.
20Kana irratti Museen, ?Isin kana yoo gootan, lola dhaquudhaafis Waaqayyo duratti mi'a lolaa hidhattanii yoo argamtan,
21warri mi'a lolaa hidhattanii lolaaf qophooftan hundinuus fuula Waaqayyoo dura Yordaanosin ceetanii hamma inni diinota isaa fuula isaa duraa oofee baasutti,
22biyyichis fuula Waaqayyo duratti hamma mo'amutti yoo turtan, wanta Waaqayyoo fi Israa'eliifis gochuudhaaf isin irraa barbaadamu raawwachuu keessan; isa booddee deebi'uu in dandeessu; biyyi kunis Waaqayyo duratti dhaala keessan in ta'a.
23Akkas yoo gochuu dhabaattan garuu kunoo Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuu keessan; cubbuun keessanis akka isin qabatu beekaa!
24Isin mandaroota ijoollee keessaniif, iddoo bultiis horii keessaniif ijaaraa! Garuu wanta abdachiiftanis immoo raawwadhaa!? jedheen.
25Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubenis Museedhaan, ?Nuyi hojjetoonni kee akka gooftaan keenya abboome in goona.
26Ijoolleen keenya, dubartoonni keenya, bushaayeen keenya, saawwan keenyas achi mandaroota Giil'aad keessatti haa hafan!
27Nuyi hojjetoonni kee garuu warri mi'a lolaa hidhannee lolaaf qophoofne hundinuu akkuma gooftaan keenya jedhe, Waaqayyo duratti loluudhaaf in ceena? jedhan.
28Kana booddee Museen waa'ee isaaniitiif Ele'azaar lubicha, Iyaasuu ilma Nun, mana mana abboota gosaa Israa'elootaatti dura-buutota warra ta'anis abboomee,
29?Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruuben keessaa, namoonni Waaqayyo duratti loluudhaaf mi'a lolaa hidhatan hundinuu isinii wajjin Yordaanosin ce'anii, biyyichis harka keessan jala yoo galfame, isin biyya Giil'aad dhaala godhaa isaaniif kennaa!
30Isaan garuu mi'a lolaa hidhatanii isinii wajjin hin ce'an yoo ta'e, dhaalli isaanii biyya Kana'aan keessaa haa kennamuuf!? jedhe.
31Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruuben immoo deebisanii, ?Nuyi hojjetoonni kee akkuma Waaqayyo nuun jedhe in goona.
32Nuyi mi'a lolaa hidhannee fuula Waaqayyoo dura gara biyya Kana'aanitti in ceena, qabeenyi nuyi dhaallu Yordaanos gamanatti nuuf haa hafu!? jedhan.
33Yommus Museen mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa fi mootummaa Oog mootii Baashaan, biyyicha akka daarii mandaroota isaatiitti, mandaroota biyya naannoo isaa jiranii wajjin, gosa Gaadii fi, gosa Ruubeniif, walakkaa gosa Minaasee ilma Yoseefiif in kenne*.
34Gosi Gaadi mandaroota Diibon, Ataarot, Aro'er,
35Atrot-Shofaan, Yaazer, Yogbehaa,
36Bet-Niimraa, Bet-Haaraanis masaraa itti godhanii, dallootas bushaayeedhaaf in ijaaran.
37Gosi Ruuben immoo mandaroota Heshboon, Ele'aale, Kiriiyat-Aayim,
38Neboo, Ba'aal-Me'on (warra maqaan isaanii geddarameef), Siibmaa turan; jarris mandaroota ijaaran sanaaf maqaa kan biraa kennaniif.
39Ijoolleen Maakiir ilma Minaasee dhaqanii biyya Giil'aad in fudhatan; Amoorota warra achi turan irraa laficha in fudhatan.
40Museen yommus Giil'aadin Maakiir ilma Minaaseef in kenne, innis biyyicha keessa in jiraate.
41Yaa'iir ilmi Minaasee ba'ee mandaroota isaanii qabatee, ?Mandaroota Yaa'iir? jedhee moggaase*.
42Nobaanis dhaqee Qenaatin gandeen isaa wajjin in qabate; maqaa ofii isaatiittis ?Nobaa? jedhee isaan moggaase.