1Israa'eloonni macca isaanii wajjin geggeessaa Musee fi Aaroniin biyya Gibxii keessaa yeroo ba'an iddoon isaan buufachaa adeeman kanatti fufee jira;
2Museen akkuma Waaqayyo isa abboometti iddoo isaan buufachaa ka'aa adeeman akka kanatti fufee jirutti in caafe.
3Israa'eloonni ji'a duraatti, ji'ichattii gaafa guyyaa kudha shanaffaa Faasiikaa ba'ee bule warri Gibxii hundinuu utuu ilaalanii Raamsesii ka'anii eegumsa irree cimaatiin in adeeman*.
4Warri Gibxii immoo angafa ta'ee kan isaaniif dhalate warra Waaqayyo isaan keessaa ajjeese hundumaa in awwaalu turan; Waaqayyo akkasuma waaqayyolii warra Gibxii irratti firdii in raawwate*.
5Israa'eloonni Raamsesii ka'anii Suukoot buufatan*;
6Suukootii ka'anii Etaam qarqara lafa onaa in buufatan*.
7Etaamii ka'anii Phiihahiirot isa Ba'aal-Zefon irraa gara ba'a-biiftuu jirutti gara galanii fuullee Miigdol in buufatan*.
8Phiihahiirotii ka'anii galaana keessa ba'anii gara lafa onaatti darbanii, karaa guyyaa sadii adeemanii Maaraa in buufatan*.
9Maaraadhaa ka'anii Eliim iddoo burqituun bishaanii kudha lamaa fi mukkeetiin meexxii torbaatamni jiran dhufanii achi in buufatan*.
10Eliimii ka'anii qarqara galaana diimaa in buufatan;
11qarqara galaana diimaatii ka'anii Siin lafa onaa keessa in buufatan*.
12Siin lafa onaadhaa ka'anii Dofqaa in buufatan;
13Dofqaadhaa ka'anii Aluushin in buufatan.
14Aluushii ka'anii Refiidiimin in buufatan; iddoo sanaa jarri bishaan dhugan hin arganne*.
15Refiidiimii ka'anii Siinaa lafa onaa in buufatan*.
16Siinaa lafa onaatii ka'anii Kibrot-Hataawaa in buufatan.
17Kibrot-Hataawaatii ka'anii Haseroot in buufatan.
18Haserootii ka'anii Riitmaa in buufatan*.
19Riitmaadhaa ka'anii Rimoon-Faares in buufatan.
20Rimoon-Faaresii ka'anii Liibnaa in buufatan.
21Liibnaadhaa ka'anii Riisaa in buufatan.
22Riisaadhaa ka'anii Qehelaataa in buufatan.
23Qehelaataadhaa ka'anii tulluu Shaafer bukkee in buufatan.
24Tulluu Shaaferii ka'anii Haraadaa in buufatan.
25Haraadaadhaa ka'anii Maqhelot in buufatan.
26Maqhelotii ka'anii Taahaat in buufatan.
27Taahaatii ka'anii Taaraa in buufatan.
28Taaraadhaa ka'anii Miitqaa in buufatan.
29Miitqaadhaa ka'anii Haashmonaa in buufatan.
30Haashmonaadhaa ka'anii Moseroot in buufatan.
31Moserootii ka'anii Beneyaa'aakaan in buufatan.
32Beneyaa'aakaanii ka'anii Hoor-Haagidgaad in buufatan.
33Hoor-Haagidgaadii ka'anii Yoxbaataa in buufatan*.
34Yoxbaataadhaa ka'anii Abronaa in buufatan.
35Abronaadhaa ka'anii Eziyon-Geberii in buufatan.
36Eziyon-Geberiidhaa ka'anii Siin lafa onaa keessa Qaadesh in buufatan.
37Qaadeshii ka'anii qarqara biyya Edoom tulluu Hoor bukkee in buufatan.
38Israa'eloonni biyya Gibxii ba'anii waggaa afurtammaffaatti, waggichattii ji'a shanaffaatti, ji'ichattiis guyyaa tokkoffaatti Aaron lubichi ajaja Waaqayyootiin tulluu Hooritti ol ba'ee achitti in du'e.
39Aaron tulluu Hoor gubbaatti yommuu du'e nama waggaa dhibbaa fi digdamii sadii ture*.
40Mootiin Araad Kana'aantichi inni biyya Kana'aan keessaa gara mirgaa jiraate dhufaatii Israa'elootaa in dhaga'e*.
41Israa'eloonni tulluu Hoorii ka'anii Xalmonaa in buufatan.
42Xalmonaadhaa ka'anii Phuunon in buufatan.
43Phuunonii ka'anii Oboot in buufatan*.
44Obootii ka'anii daarii biyya Mo'aab keessa Iyye-Abaariim in buufatan.
45Iyyemii ka'anii Diibon-Gaadi in buufatan.
46Diibon-Gaadii ka'anii Almoon-Diiblaataayim in buufatan.
47Almoon-Diiblaataayimii ka'anii fuullee tulluu Neboo, tulloota Abariim irra in buufatan.
48Tulloota Abariimii ka'anii fuullee Yerikoo laga Yordaanos dachaa Mo'aab keessa in buufatan*.
49Dachaawwan Mo'aab keessaa immoo qarqara Yordaanos irraa Bet-Yeshiimootii hamma Abeel Shiixiimitti in buufatan.
50Waaqayyo, fuullee Yerikoo, bukkee laga Yordaanos dachaawwan Mo'aab keessatti Museetti in dubbate;
51inni Museedhaan, ?Ati Israa'elootaan ?Waaqayyo akkana jedha:- Isin Yordaanosin ceetanii gara biyya Kana'aanitti yommuu darbitan,
52warra biyyicha keessa jiraatan hundumaa of duraa ari'aa baasaa! Dhagaa isaanii warra bifni itti baafaman hundumaa, waaqayyolii isaan wanta baqfamaa irraa tolfatan hundumaas balleessaa! Iddoo sagadaa isaanii warra ol ka'oo hundumaa balleessaa!
53Ani biyyicha akka qabattaniif isiniif kenneera, qabadhaatii isa keessa taa'aa!
54Biyyichas akka maatii maatii keessaniitti hirmadhaa! Isa maatii baay'ee qabuuf akka baay'ina maatii isaatti, isa maatii muraasa qabuuf immoo akkuma maatii isaatti kennaa! Nama tokkoof mukti yommuu buufamu lafuma mukichi baaseef haa fudhatu! Akka akka gosa abboota keessaniitti dhaala keessan hirmadhaa*!
55Isin warra biyyicha keessa jiraatan of duraa ooftanii hin baaftan yoo ta'e garuu, warri isin hambiftan sun ija keessanitti qoraattii, cinaacha keessanitti quuqaa in ta'u; biyyicha isin keessa jiraachuuf jettan sana keessatti isin in rakkisu*.
56Anis wantan isaan irratti hojjechuuf jedhe isin irratti nan hojjedha? jedhi!? jedhe.