Seera Lakkoobsaa 34:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo ammas Museedhaan,

2?Ati Israa'elootatti himi, isaaniin, ?Waaqayyo:- Biyya Kana'aan isa akka isin dhaaltaniif isiniif kennamutti yommuu galtan daariin isaa akka kanatti fufee jiru haa ta'u!

3Karaa gara mirgaa daariin keessan Siin lafa onaadhaa ka'ee daarii Edoom qabatee isa jiruu dha; gara ba'a-biiftuutiin immoo dhuma galaana soogiddaatii ka'ee daarii keessan isa gara mirga keessanii isiniif haa ta'u!

4Daariin keessan karaa Aqrabiim gara mirgaatti deebi'ee Siinitti ce'ee harka mirgaa Qaadesh-Barne'aa ga'ee in dhaabata; achii immoo gara Haazar Adaaritti in adeema, gara Azmoonaattis in darba.

5Daarichi Azmoonaatii gara laga Gibxiitti haa deebi'u, galaana bira ga'ees haa dhaabatu*!

6Daariin keessan karaa lixa-biiftuudhaa galaanichaa fi biyya qarqara galaanicha guddaa isa Mediteraaniyan jedhamu sana jiranii dha; kun daarii keessan isa karaa gara lixa-biiftuutti*.

7Daariin keessan inni gara bitaa immoo galaanicha guddaa Mediteraaniyanii hamma tulluu Hooritti haa ta'u!

8Tulluu Hoorii hamma karra Haamaatitti daarii itti godhi! Dhumni daarii sanaas Zedaadaat in ta'a.

9Achiis hamma Ziifronitti darbee in bal'ata; dhumni daarii sanaas Haazar Enaanitti in ta'a; kun daarii keessan isa karaa gara bitaa ti.[119]

10? ?Daarii keessan isa gara ba'a-biiftuutiif Haazar Enaanii hamma Shefaamitti milikkita itti godhaa!

11Daarichi Shefaamii ka'ee Aayin irraa gara ba'a-biiftuutiin Riiblaatti gad bu'a; achiis karaa gara ba'a-biiftuutiin gaara irra ba'ee galaana Kiineret[120] isa Galiilaa jedhamee beekamu in ga'a.

12Achii ka'ees hamma Yordaanositti gad in bu'a; dhumni daarii sanaas galaana soogiddaa ga'ee in dhaabata; kun daarii isaa hundumaa wajjin biyya keessan in ta'a jedha? jedhi!? jedhe.

13Museen yommus Israa'elootatti himee, isaaniin, ?Biyyichi inni Waaqayyo, gosoota sagalii fi walakkaa gosa Minaaseetiif akka kennamutti abboomnaan isin buufata mukaatiin dhaala godhattanii fudhattan isa kana*;

14gosi maatii Ruubenii fi gosi maatii Gaadi, walakkaan gosi Minaasees akka mana mana abbaa isaaniitti dhaala isaanii fudhataniiru.

15Gosi kun lamaanii fi walakkaan gosa Minaasee, laga Yordaanos gamaa Yerikoo irraa gara boruutiin biyya isa gara ba'a-biiftuu dhaala isaanii fudhataniiru? jedhe.[121]

16Waaqayyo itti fufee Museedhaan,

17?Maqaan namoota biyyicha dhaala godhanii isiniif hiranii kanatti fufee kan jiruu dha; Ele'azaar lubichaa fi Iyaasuu ilma Nun*.

18Biyyicha dhaalaaf akka isiniif hiraniif gosa hundumaa keessaa angafa tokko tokko fo'adhaa!? jedhe.

19Maqaan namoota fo'amanii kanatti fufee jira; gosa Yihudaa keessaa Kaaleb ilma Yofunee;

20gosa Shimi'oon keessaa Shemu'el ilma Amiihud;

21gosa Benyaamiin keessaa Eliidaad ilma Kiislon;

22gosa Daan keessaa angafni Bukii ilma Yogliit;

23gosa Minaasee ilma Yoseef keessaa angafni Haanii'el ilma Efod;

24gosa Efreem keessaa angafni Kemu'el ilma Shiiftaan;

25gosa Zebuloon keessaa angafni Eliizaafaa ilma Phaarnaak;

26gosa Yisaakor keessaa angafni Phaalti'el ilma Aazaan;

27gosa Asheer keessaa angafni Ahiihud ilma Shelomiit;

28gosa Niftaalem keessaa angafni Phedaahel ilma Amiihud;

29biyya Kana'aan keessaa namoonni Israa'elootaaf dhaala akka hiraniif Waaqayyo isaan abboome isaan kana turan.[122]

cle>