1Waaqayyo, fuullee Yerikoo, bukkee laga Yordaanos dachaawwan Mo'aab keessatti Museetti in dubbate;
2inni Museedhaan, ?Israa'eloonni dhaala isaanii keessaa mandaroota Lewwoonni keessa jiraatan, naannoo mandaroota sanaattiis iddoo isaan horii tikfatan akka isaaniif kennan abboomi*!
3Isaan akkasitti mandaroota keessa jiraatan, saawwan isaanii fi bushaayee isaanii, horii qe'ee warra kaanis iddoo dheechifatan in qabaatu.
4Iddoon isaan naannoo mandaroota sanaatii horii isaanii akka dheechifataniif Lewwootaaf kennan, dallaa mandaroota sanaa irraa ka'ee karaa hundumaa gara alaatti naanna'ee dhundhuma kuma haa bal'atu!
5Mandaricha walakkaatti hambisanii karaa ba'a-biiftuu dhundhuma kuma lama, karaa gara mirgaa dhundhuma kuma lama, karaa lixa-biiftuu dhundhuma kuma lama, karaa gara bitaa dhundhuma kuma lama haa safaran! Naannoon kun iddoo isaan horii mandaroota isaanii dheechifatan haa ta'u!
6?Mandaroota isaan Lewwootaaf kennan keessaa mandaroonni ja'a warra namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu haa ta'an! Isaan kana malees mandaroota kan biraa afurtamii lama isaaniif haa kennan*!
7Mandaroonni isaan lafa tikaa isaanii wajjin warra Lewwootaaf kennan walumatti mandaroota afurtamii saddeet in ta'u.
8Mandaroota dhaala Israa'elootaa irraa akka dhaala gosa gosa isaaniitti fuudhanii yommuu kennan, gosa dhaala baay'ee qabu irraa baay'ee, gosa dhaala muraasa qabu irraa muraasa haa fuudhan! Tokkon tokkon gosaa akka ga'aa isaaniitti dhaala isaanii irraa Lewwootaaf haa kennan!? jedhe*.
9Ergasiis Waaqayyo Museedhaan,
10?Ati Israa'elootatti dubbadhu! Isaaniin ?Yordaanosin ceetanii biyya Kana'aanitti yommuu lixxan,
11mandaroota namni utuu hin beekin yoo nama ajjeese baqatee kooluu itti galu qopheeffadhaa!
12Namni yoo nama ajjeese firdiidhaaf waldaa duratti utuu hin dhi'aatin akka hin ajjeefamnetti mandaroonni kun iddoo inni isa gumaadhaaf isa barbaadu jalaa baqatee kooluu itti galu isiniif haa ta'an!
13Mandaroonni isin kennitan kun ja'an mandaroota isin kooluu itti galtan isiniif haa ta'an!
14Mandaroonni sadii Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuutii, mandaroonni sadii immoo biyya Kana'aan keessaa, mandaroota namoonni kooluu itti galan ta'anii haa kennaman!
15Mandaroonni kun ja'an isin Israa'eloota keessaa, galaadhaa fi orma isin gidduu jiraatu keessaas namni utuu hin beekin yommuu nama ajjeesu iddoo inni itti baqatee kooluu galu isiniif haa ta'an*!
16? ?Namni mi'a sibiila irraa hojjetameen yoo nama rukute, inni rukutame sunis yoo du'e, inni rukute sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa ajjeefamu!
17Namni dhagaa of harkaa qabu tokkoon nama rukutee yoo ajjeese inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa ajjeefamu!
18Namni ulee mukaa of harkaa qabu tokkoon nama rukutee yoo ajjeese inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa ajjeefamu!
19Inni gumaa baafachuudhaaf barbaadu sun namicha yoo argate haa ajjeesu!
20Namni nama jibbu tokko riphee eeggatee waraanee yoo ajjeese, kanas waa itti darbachuudhaan,
21yookiis abootuudhaan yoo rukute, inni rukutame sunis yoo du'e, namichi rukutee ajjeese sun haa ajjeefamu! Inni nama gumaa waan ta'eef, inni gumaa baafachuudhaaf barbaadu sun namicha yoo argate haa ajjeesu!
22? ?Haa ta'u iyyuu malee, namni tokko diinummaa utuu irraa hin qabaatin, riphees utuu hin eeggatin, utuu itti hin yaadin waa darbatee nama yoo rukute,
23dhagaan inni utuu nama hin argin darbate sun nama rukutee yoo ajjeese, duraan diinummaa irraa hin qabu waan ta'eef, hamaa itti yaaduu isaa miti.
24Kanaaf waldaan akka firdii qajeelaa kanaatti isa ajjeesee fi isa gumaa baafachuudhaaf barbaadu gidduutti firdii haa kennu!
25Waldaan isa gumaa baafachuuf barbaadu, isa gumaadhaaf barbaadamuttii haa eegu! Mandara isaa isa inni itti baqatee kooluu galetti haa deebisu! Namichi sunis hamma angafni lubootaa inni dibata qulqulluudhaan dibame sun du'utti mandara sana keessa haa jiraatu*!
26Namichi nama ajjeese kun daarii mandara isa itti baqatee kooluu gale keessaa ala yoo ba'e,
27inni gumaa baafachuudhaaf isa barbaadu daarii mandara inni itti baqatee kooluu gale keessaa alatti isa argatee yoo isa ajjeese, gumaadhaaf hin gaafatamu.
28Namichi nama ajjeese angafni lubaa inni yeroo sana hojii irra jiru sun hamma du'utti mandara isaa isa itti baqatee kooluu gale sana keessa haa taa'u! Angafni lubaa sun erga du'ee garuu namichi nama ajjeese sun gara biyya dhaala isaatiitti haa deebi'u!
29Wanti kun iddoo isin jiraattan hundumaatti, dhaloota keessan hundumaa keessatti seerrata firdii qajeelaa isiniif in ta'a.
30? ?Namni yoo nama ajjeese, namoonnis isa nama ajjeese sana irratti dhugaa yoo ba'an, inni haa ajjeefamu! Garuu dhugaa ba'uu nama tokkootiin namni tokko illee hin ajjeefamin*!
31Namni du'i itti faradame haa ajjeefamu malee, isa oolchuudhaaf gumaa irraa hin fudhatinaa*!
32Nama mandara kooluu itti galanitti baqate tokko irraa utuu angafni lubichaa hin du'in deebi'ee biyya isaa keessa akka inni jiraatuuf gumaa irraa hin fudhatinaa!
33Dhiigni biyya waan xureessuuf, biyya keessa teessan dhiigaan hin xureessinaa! Dhiiga namicha dhiiga dhangalaaseetiin malee, dhiiga kan biraa isa keessatti dhangalaafameen biyyichaaf araarri hin godhamu*!
34Ani Waaqayyo isin Israa'eloota gidduu waanan jiraadhuuf, isin biyya isa keessa teessan isa ani keessa jiraadhu hin xureessinaa!? jedhi!? jedhe*.