Seera Lakkoobsaa 36:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Dura-buutonni abboota qomoo Giil'aad ilma Maakiir akaakayyuu Minaasee warri mana abboota ijoollee Yoseef dhi'aatanii Musee duratti, warra geggeessitoota duratti, dura-buutota maatiiwwan Israa'elootaa durattis in dubbatan;

2isaan, ?Gooftaan keenya biyyicha buufata mukaatiin Israa'elootaaf dhaala godhee akka kennu Waaqayyo isa abboomeera; gooftaan keenya dhaala Zelofehaad obboleessa keenyaa durboota Zelofehaadiif akka kennuuf Waaqayyo isa abboomeera*.

3Garuu isaan Israa'eloota keessaa ilmaan gosa kan biraatti yoo heeruman, dhaalli isaanii kan abboota keenyaa keessaa fuudhamee gara dhaala qomoo isa kan isaaniitti in dabalama; akkasittis hirmaata dhaala keenyaa keessaa nu duraa in fudhatama.

4Ayyaanni waggaa shantammaffaa Israa'elootaa yommuu dhufu, dhaalli isaanii dhaala gosa isa isaan amma itti galaniitti in dabalama; akkasitti dhaalli isaanii dhaala gosa abboota keenyaa irraa in fudhatama? jedhan*.[128]

5Yommus Museen akka dubbii Waaqayyootti ajaja kanatti fufee jiru Israa'elootatti hime, ?Gosi sanyii Yoseef dhugaa qabu;

6Waaqayyo waa'ee durboota Zelofehaadiif yommuu dubbate ?Nama qomoo gosa abbaa isaanii keessaa haa ta'u malee, isaan nama ija isaaniitti toletti haa heeruman!

7Israa'eloonni adduma addaan dhaala gosa abboota isaaniitti jabaachuun isaan irra waan jiruuf, dhaalli Israa'elootaa gosa tokko keessaa gara gosa biraatti hin darbin!

8Kanaaf namni Israa'el adduma addaan dhaala abboota isaatii keessaa akka qabaatuuf, durboonni gosa Israa'el keessaa dhaala qaban hundinuu qomoo gosa abbaa isaanii keessaa tokkotti haa heeruman!

9Gosi Israa'elootaa adduma addaan dhaala isaatti akka jabaatutti, dhaalli tokko illee gosa tokko keessaa gara isa kaaniitti hin darbin!? jedheera? jedhe.

10Intaloonni Zelofehaad akkuma Waaqayyo Musee abboome in godhan.

11Intaloonni Zelofehaad Maahilaa, Tiirzaa, Hoglaa, Miilkaa fi, No'aa ilmaan obboloota abbaa isaaniitti in heeruman*.

12Isaan maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yoseef keessatti in heeruman; dhaalli isaaniis qomoo gosa abbaa isaanii keessatti in hafe.[129]

13Abboommiinii fi wanti qajeelaa ta'e warri Waaqayyo karaa Musee fuullee Yerikoo, bukkee laga Yordaanos dachaawwan Mo'aab keessatti Israa'eloota abboome isaan kana turan.

cle>