1Waaqayyo yommus Museedhaa fi Aaroniin,
2?Lewwoota keessaa ilmaan Qehaat akka qomoo qomoo isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti,
3waggaa soddomaa hamma waggaa shantamaatti kan jiran dhiirota hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf dhufan hundumaa lakkaa'aa*!
4Hojiin ilmaan Qehaat dunkaana itti wal ga'an keessaa wanta hundumaa irra qulqulluu ta'e eeguudhaaf itti gaafataman kanatti fufee jira;
5yommuu buufanni ka'uuf jedhu Aaronii fi ilmaan isaa ol galanii golgaa isa sanduuqa dhuga-baatuu dhoksu gad fuudhanii sanduuqichatti haa uffisan!
6Isa irras raroo hoolaa bishaanii haa buusan, uffata guutummaatti bifni isaa bifa waaqaa ta'e isa irra diriirsanii danqaroota iddoo isaaniitti haa galchan!
7Gabatee buddeena ilaalchaa irra uffata guutummaatti bifni isaa bifa waaqaa ta'e afanii, harkee, waciitii, xoofoo, cuggee ittiin kennaa dhugaatii dhi'eessan, buddeena har'aa bor dhi'eeffamus irra haa kaa'an!
8Uffata bildiimaa isaan irra haa diriirsan! Isa irra immoo raroo hoolaa bishaanii buusanii danqaroota iddoo isaaniitti haa galchan!
9?Ibsaadhaaf immoo uffata bifni isaa bifa waaqaa ta'e sana fuudhanii, baattuu ibsaatii fi ibsaa isaatti, waan ittiin fo'aa ibsaa irraa kutanii fi baattuu daaraa isaa, qodaa cuunfaan ejersaa isaa keessa taa'uu fi mi'a isaa hundumaatti haa uffisan*!
10Isaan mi'a isaa hundumaa wajjin raroo hoolaa bishaaniitiin maranii danqaraa ittiin wasaasaa baatan irra haa kaa'an!
11Iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame irras uffata bifni isaa bifa waaqaa ta'e sana diriirsanii, raroo hoolaa bishaanii itti haguuganii, danqaroota isaa iddoo isaaniitti haa galchan*!
12Qodaa ittiin iddoo qulqullaa'aa keessaa hojjetan fuudhanii, uffata bifni isaa bifa waaqaa ta'e sana itti maranii, raroo hoolaa bishaanii itti haguuganii, danqaraa ittiin wasaasaa baatan irra haa kaa'an!
13Iddoo aarsaa irraa daaraa haranii, wayyaa dhiilgee irra haa afan!
14Mi'a naannoo iddoo aarsaattii ittiin hojjetan hundumaa, baattuu irratti ibidda bobeessan, fileewwan foonii, caabiidhaa fi waciitii ittiin aarsaa dhi'eessan isa irra haa kaa'an! Isa irra immoo raroo hoolaa bishaanii haa diriirsan! Danqaroota isaas iddoo isaaniitti haa galchan!
15Buufanni buqqifatee yommuu ka'uuf jedhu, Aaronii fi ilmaan isaa godoo qulqullaa'aa sanaa fi mi'a godichaa sana hundumaatti erga haguuganii booddee, ilmaan Qehaat immoo isaan kana baachuudhaaf haa dhufan! Ilmaan Qehaat mi'a dunkaana itti wal ga'an keessaa in baatu! Garuu akka hin duunetti wanta qulqullaa'aatti bu'uun isaan irra hin jiru*!
16?Ele'azaar ilmi Aaron lubichaa ibsaadhaaf kan barbaachisu cuunfaa ejersaa, ixaana foolii tolu, kennaa midhaanii isa har'aa bor dhi'eeffamu, dhadhaa dibataa, godichaa fi wanta godicha keessa iddoo qulqullaa'aa jiruu fi mi'a isaa hundumaa eeguutti in gaafatama? jedhe.
17Waaqayyo ammas Musee fi Aaroniin,
18?Maatiiwwan Qehaat, gosa Lewwii keessaa akka hin balleeffamne godhi!
19Aaronii fi ilmaan isaa iddoo qulqullaa'aatti ol lixanii wanta hundumaa irra qulqulluu ta'etti yommuu dhi'aatan akka hin duunetti wanta tokkon tokkon isaanii hojjechuun ta'uu fi ba'aa isaan baachuun irra jiru akka isaan qabsiisan godhi! Yoo kana goote isaan du'a in oolu.
20Qehaatonni garuu wanti qulqullaa'aan sun utuu haguugamaa jiruu ilaaluudhaaf iyyuu ol hin galin!? jedhe*.
21Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
22?Ilmaan Gershoon akka mana mana abbaa isaaniitti, akka maatii maatii isaaniitti,
23waggaa soddomaa hamma waggaa shantamaatti kan jiran, hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf kan dhufan hundumaa lakkaa'i!
24Hojiin maatiin Gershoon hojjetanii fi ba'aan isaan baatan akka kanatti fufee jiruu dha;
25isaan golgaa godichaa, dunkaana itti wal ga'an, irra-buusa isaa, raroo hoolaa bishaanii isa irra-keessa buufamu, golgaa balbala dunkaana itti wal ga'anii,
26golgaa oobdichaa, golgaa balbala karra oobdichaa isa godichaa fi iddoo aarsaatti naanna'ee jiru, funyoo isaanii, waanuma achi keessatti hojjetamuu barbaachisu kan ittiin hojjetan hundumaa haa baatan!
27Hojii isaanii hundumaa ba'aa baachuu, hojii kan biraa hojjechuus taanaan akka Aaronii fi ilmaan isaa isaanitti argisiisanitti haa hojjetan! Wanta isaan baachuudhaaf itti gaafataman isin isaanitti himaa!
28Hojiin maatiiwwan ilmaan Gershoon dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjetan kana; isaan hojii isa itti gaafataman geggeessaa Itaamaar ilma Aaron lubichaa jalatti haa hojjetan!?
29Ilmaan Meraarii akka maatii maatii isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti,
30waggaa soddomaa hamma waggaa shantamaatti kan jiran, hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf kan dhufan hundumaa lakkaa'i!
31Akka hojii isaanii isa dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjetaniitti ba'aan isaan itti gaafataman kanatti fufee kan jiruu dha; tuggeewwan godichaa, danqaroota isaa, utuboota isaa, miiloowwan isaa,
32utuboota oobdiitti naanna'anii jiran miiloowwan isaanii wajjin, qofoowwan isaanii, funyoowwan isaanii, mi'a isaanii hundumaa, wanta isaan ittiin hojjetan hundumaas adda adda baasi! Ba'aa tokkon tokkon isaanii baachuun irra jirus itti himi!
33Guutummaan hojiin maatiiwwan ilmaan Meraarii geggeessaa Itaamaar ilma Aaron lubichaa jalatti dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjetan isa kana.
34Museenii fi Aaron, geggeessitoonni waldichaas ilmaan Qehaat akka maatii maatii isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti,
35waggaa soddomaa hamma waggaa shantamaatti kan jiran, hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf kan dhufan in lakkaa'an.
36Lakkoobsi isaanii akka maatii maatii isaaniitti kuma lamaa fi dhibba torbaa fi shantama ture.
37Isaan kun warra akkuma Waaqayyo Musee abboometti, Museenii fi Aaron maatiiwwan Qehaatotaa warra dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjetan lakkaa'anii dha.
38Ilmaan Gershoon akka maatii maatii isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti,
39waggaa soddomaa hamma waggaa shantamaatti kan jiran, hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf kan dhufan in lakkaa'aman.
40Lakkoobsi isaanii akka maatii maatii isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti kuma lamaa fi dhibba ja'aa fi soddoma.
41Isaan kun warra akkuma Waaqayyo abboometti, Museenii fi Aaron maatiiwwan ilmaan Gershoon warra dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjetan lakkaa'anii dha.
42Ilmaan Meraarii akka maatii maatii isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti,
43waggaa soddomaa hamma waggaa shantamaatti kan jiran, hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf kan dhufan in lakkaa'aman.
44Lakkoobsi isaanii akka maatii maatii isaaniitti kuma sadii fi dhibba lama.
45Isaan kun warra akkuma Waaqayyo Musee abboometti, Museenii fi Aaron maatiiwwan ilmaan Meraarii keessaa lakkaa'anii dha.
46Museenii fi Aaron, geggeessitoonni warra Israa'elis Lewwoota hundumaa akka maatii maatii isaaniitti, akka mana mana abbaa isaaniitti in lakkaa'an.
47Dhiironni waggaa soddomaa hamma waggaa shantamaatti jiran, hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuuf, dunkaanichas baachuuf kan dhufan,
48kuma saddeetii fi dhibba shanii fi saddeettama turan.
49Isaan akkuma Waaqayyo karaa Musee isaan abboometti, hojii hojii isaaniitii fi ba'aa ba'aa isaanii in qaqqabatan; akkasitti isaan akkuma Waaqayyo Musee abboometti in lakkaa'aman.