1Waaqayyo ammas Museedhaan,
2?Israa'eloonni nama lamxaa'aa, nama saala isaa keessaa waa dhangala'u, nama reeffatti bu'uudhaan of xureessu hundumaa iddoo buufataa keessaa akka baasan abboomi!
3Iddoo ani isaan gidduu jiraadhu iddoo buufata isaanii akka hin xureessinetti warra xuraa'oo ta'an dhiiras, dubartiis iddoo buufataa keessaa ala isaan baasi!? jedhe.
4Israa'eloonnis kana godhanii iddoo buufataa keessaa ala isaan in baasan; akkuma Waaqayyo Museetti himes in godhan.
5Waaqayyo ergasii Museedhaan,
6?Israa'elootaan, ?Dhiirri yookiis dubartiin Waaqayyoof amanamuu dhabuudhaan karuma namni cubbuu hojjetu tokkoon dabaa yoo hojjete yakkuu isaa ti;
7inni, isheenis cubbuu isaanii sana haa himatan, yakka isaaniitiifis gatii guutuu haa baasan, isa irrattis gatii isaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalanii isa yakkame sanaaf haa kennan!
8Namichi dabaan isa irratti hojjetame sun aantii gatiin sun itti kennamuuf hin qabu yoo ta'e garuu, gatiin sun kan Waaqayyoo haa ta'u! Kana malee immoo korbeessi hoolaa ittiin araarri isaaf buufamu lubatti haa kennamu*!
9Kennaa qulqullaa'aa isa Israa'eloonni dhi'eessan hundumaa keessaa, kennaan sochoofamu qooda lubaa haa ta'u*!
10Wanti namni Waaqayyoof addaan baasu, wanti namni lubaaf kennus kanuma lubichaa haa ta'u!? jedhi!? jedhe.
11Waaqayyo ammas Museetti dubbatee,
12?Ati Israa'elootaan, ?Waaqayyo akkana jedha:- Dubartiin tokko abbaa manaa isheef amanamuu dhabuudhaan seera irraa kaattee,
13namni kan biraa ishee bira akka ga'u yommuu gootu, kanas abbaan manaa ishee hin argine yoo ta'e, xuraa'ummaan ishee akkuma dhokatetti hafee, isheenis kana irratti hin qabamne ta'e, ishee irrattis kan dhugaa ba'u yoo dhibe iyyuu,
14abbaa manaa isheetti hafuurri hinaaffaa galee, haadha manaa isaa ishee of xureessitetti in hinaafa; yookiis immoo utuma haati manaa isaa of hin xureessin hafuurri hinaaffaa isatti galee isheetti in hinaafa ta'a;
15yommus namichi haadha manaa isaa kana lubatti haa geessu! Akkasuma immoo kennaa barbaachisuuf daakuu garbuu harka kurnaffaa eefaa tokkoo haa geessu! Kennichi kennaa midhaanii isa waa'ee hinaaffaatiif dhi'eeffamu, isa yakka yaadachiisu waan ta'eef, dhadhaa ejersaa fi ixaana isa irratti hin naqin!
16? ?Lubichi dubartii sana dhi'eessee, fuula Waaqayyoo dura ishee haa dhaabachiisu!
17Lubichis bishaan qulqullaa'aa qodaa supheetti naqatee, godoo sana keessaa biyyoo fuudhee, bishaanicha keessa haa buusu!
18Inni mataa dubartittii irraa haguuggii buusee, kennaa midhaanii isa yakka yaadachiisu isa waa'ee hinaaffaatiif dhi'eeffamu harka ishee keessa kaa'ee fuula Waaqayyoo dura ishee haa dhaabachiisu! Ofii isaatii immoo bishaan hadhaa'aa isa abaarsa fidu harkatti haa baatu!
19Lubichi ishee haa kaksiisu! Isheedhaanis:- Ati dubartii heerumtee abbaa manaa qabdu taatee utuu jirtuu, dhiirri kan biraa si bira hin geenye yookiis ati seera irraa kaattee of hin xureessine yoo ta'e, bishaan hadhaa'aan abaarsa fidu kun si hin miidhin!
20Ati garuu abbaa manaa kee jala utuu jirtuu seera irraa kaattee abbaa manaa kee malee dhiira kan biraa wajjin ciiftee xureeffamteetta yoo ta'e,
21abaarsa kanatti aanee jiruun ofitti qorobi! haa jedhu. Itti fufees:- Waaqayyo gudeeda kee haa raammessu, ulfas si irraa haa baasu! Sanyii kee keessatti muka abaarsaa fi muka kakaa si haa godhu!
22Ulfa akka si irraa baasutti gudeeda kees akka raammessutti bishaan abaarsa fidu kun garaa keetti haa galu! haa jedhu.
23? ?Lubichi yommus abaarsa kana hundumaa waan itti caafanitti haa caafu! Bishaan hadhaa'aa sanaan immoo irraa haa dhiqu!
24Bishaan hadhaa'aa isa abaarsa fidu sana dubartittii haa obaasu! Bishaanichis garaa dubartittiitti in gala, waraansa hamaas isheetti in fida*.
25Kana booddee lubichi kennaa midhaanii isa waa'ee hinaaffaatiif dhi'eeffamu sana dubartittii harkaa fuudhee, fuula ana Waaqayyo duratti haa sosochoosu, gara iddoo aarsaattis haa dhi'eessu!
26Lubichi kennaa midhaanii sana irraa kaballaa tokko fuudhee seenaadhaaf akka ta'utti iddoo aarsaa irratti haa gubu! Kana booddees bishaanicha dubartittii haa obaasu!
27Isheen of xureessitee abbaa manaa isheef amanamuu dhabdeetti yoo ta'e, yommuu inni bishaan abaarsa fidu sana ishee obaasu, bishaanichi garaa isheetti galu sun waraansa hamaa itti fidee, ulfa irraa baasee, gudeeda ishee in raammessa; isheen akkasitti saba ishee keessatti abaaramtuu in taati.
28Dubartittiin garuu of hin xureessine, qullooftuu dhas yoo taate, in hofkalti, dhalas in godhatti.
29? ?Seerri waa'ee hinaaffaatiif kenname isa kana; dubartiin utuma abbaa manaa jala jirtuu seera irraa kaattee ofii ishee yoo xureessite,
30yookiis hafuurri hinaaffaa abbaa manaa isheetti galee haadha manaa isaatti yoo hinaafe, dubartittii fuula ana Waaqayyo duratti haa fidu! Lubichi immoo akka seera kanaatti ishee irratti haa raawwatu!
31Abbaan manaa yakka akka hin qabne akkasitti in beekama, haati manaa immoo akka hojii isheetiitti in argatti? jedhi!? jedhe.