Seera Lakkoobsaa 6:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo itti fufee Museetti dubbatee,

2?Ati Israa'elootaan, ?Waaqayyo akkana jedha:- Dhiirri yookiis dubartiin tokko ana Waaqayyoof addaan of baasuudhaaf wareega addaa yommuu raawwatu,

3daadhii waynii irraa, dhugaatii nama macheessu irraa, dhangaggaa'aa daadhii waynii fi dhangaggaa'aa dhugaatii cimaa irraa of haa eeggatu! Inni cuunfaa ija mukaa isa dhangaggaa'e hin dhugin! Ija waynii isa asheetii yookiis isa gogaa hin nyaatin!

4Bara itti ana Waaqayyoof addaan of baasee jiru hundumaatti, ija wayniitii jalqabee hamma qola isaatiitti waanuma waynii irraa hojjetame tokko iyyuu hin nyaatin*!

5Bara itti ana Waaqayyoof addaan of baasuudhaaf wareege hundumaatti qarabaan mataa isaa irra hin ga'in! Hamma barri inni itti ana Waaqayyoof addaan of baasuu isaatii raawwatamutti qullaa'aa haa ta'u! Rifeensi mataa isaatii immoo akka guddatuuf gad haa dhiisu*!

6Bara itti anaaf addaan of baase hundumaatti reeffa namaatti hin dhi'aatin!

7Milikkinni ana Waaqayyoof addaan of baasuu isaatii mataa isaa irra waan jiruuf, abbaan isaa yookiis haati isaa, obboleessi isaa yookiis obboleettiin isaa yoo du'an iyyuu reeffatti dhi'aachuudhaan of hin xureessin*!

8Inni bara itti addaan of baase hundumaatti ana Waaqayyoof qullaa'aa dha.[19]

9? ?Namni tokko dingata isa biratti du'ee, mataa isaa isa inni ittiin ana Waaqayyoof addaan ba'e sana yoo duraa xureesse, guyyaa torbaffaa isaa guyyaa itti of qulleessutti mataa isaa haa haaddatu!

10Guyyaa saddeettaffaatti immoo balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti gugee horaa lama yookiis gugee sosookkee lama lubatti haa fidu!

11Inni reeffa namaatti bu'uun cubbuu waan isatti ta'eef, lubichi gugee tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf, isa tokko immoo qalma gubamuuf dhi'eessee namichaaf araara haa buusu! Namichis gaafuma sana deebisee addaan of haa baasu!

12Bara itti ana Waaqayyoof addaan of baase sanas haa haaressu! Aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuufis xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo haa fidu! Barri wareega isaa inni duraa garuu waan xureeffameef itti hin lakkaa'amin!

13? ?Seerri nama bara wareega addaan of baasuu isaatii raawwate kanatti fufee jira; namichi balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti haa dhi'eeffamu!

14Inni qalma gubamuuf xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf xobbaallaa hoolaa goromtii waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne, qalma araaraafis korbeessa hoolaa mudaa hin qabne ana Waaqayyoof haa dhi'eessu!

15Akkasumas maxinoo gundoo tokko, maxinoo daakuu qamadii isa ba'eessa isaa irraa dhadhaadhaan sukkuumamee tolfame, bixxillee dhadhaan irra dibame isa hin bukaa'in, kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatii isaanii haa dhi'eessu!

16Lubichi kana hundumaa fuudhee, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuu fi qalma gubamuuf fuula koo duratti haa dhi'eessu!

17Korbeessa hoolaa qalma araaraatiif dhi'aate sana maxinoo gundicha irraa wajjin, kana malees kennaa midhaanii isaatii fi kennaa dhugaatii isaa ana Waaqayyoof haa dhi'eessu!

18? ?Namichi anaaf addaan of baase, mataa isaa isa wareegaa sana balbala dunkaana itti wal ga'aniitti haaddatee, rifeensa mataa isaa sana fuudhee, ibidda aarsaa qalma araaraa jala jiru keessa haa buusu!

19Namichi addaan of baase sun rifeensa isaa isa wareegaa sana erga haaddatee booddee, lubichi foon harka korbeessa hoolaa isa affeelamaa, bixxillee hin bukaa'in tokkoo fi maxinoo haphii gundoo keessaa tokko fuudhee, harka namichaa irra haa kaa'u!

20Kana booddee lubichi aarsaa sochoofamuuf fuula koo duratti isaan haa sosochoosu! Isaan kun handaraafaa fi luka isa aarsaa sochoofamu sanaa wajjin qulqullaa'oo dha, kan lubichaa tis; kana booddee namichi addaan of baase sun daadhii waynii dhuguu in danda'a.

21Seerri nama ana Waaqayyoof addaan of baasuuf wareega wareegee akkasitti raawwatama; kennaan inni ana Waaqayyoof kennu akka wareega addaan of baasuu isaatiitti yommuu ta'u, kana irratti immoo wanta kennuu danda'u haa dhi'eessu! Akka wareega wareegetti, akkuma seera addaan baafamuttis haa raawwatu!? jedhi!? jedhe*.[20]

22Waaqayyo ammas Museedhaan,

23?Ati Aaronii fi ilmaan isaatiin, ?Dubbii kanatti fufee jiruun Israa'eloota eebbisaa!

24Yommuu isaan eebbiftan:- Waaqayyo isin haa eebbisu, isin haa eegu!

25Waaqayyo fuula isaa isiniif haa ibsu, isinitti haa araaramu!

26Waaqayyo fuula isaa gara keessanitti haa deebisu, nagaas isiniif haa kennu! jedhaan!? jedhi!

27Yommus isaan Israa'eloota eebbisuudhaaf maqaa koo in waamu, anis isaan nan eebbisa? jedhe.

le>