Seera Lakkoobsaa 7:1-89 GAZB1997 - Bible AI

1Museen godicha dhaabee, godichaa fi mi'a isaa hundumaa dibata qulqullaa'aadhaan dibee qulqulleessee yommuu raawwatu akkasuma immoo iddoo aarsaa mi'a isaa hundumaa wajjin dibee in qulqulleesse.

2Geggeessitoonni Israa'elii fi warri akka mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'anii warra lakkaa'aman sana ajajanis kennaa isaanii in dhi'eessan.

3Isaan konkolaattota uffifamoo ja'a, qotiyyoota kudha lama, isaan kanas geggeessitoonni lama lama ta'anii konkolaataa tokko, qotiyyoo immoo mata mataatti kennaa godhanii fuula Waaqayyoo duratti balbala godichaatti haa dhi'eessan!

4Waaqayyo yommus Museedhaan,

5?Hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjetamuuf akka ta'utti kennaa kana isaan harkaa fuudhi! Lewwootaaf akka akka hojii isaaniitti kenni!? jedhe.

6Museenis konkolaattotaa fi qotiyyoota sana fuudhee Lewwootatti in kenne.

7Inni konkolaattota lamaa fi qotiyyoota afur akka hojii isaaniitti ilmaan Gershoonitti in kenne.

8Konkolaattota afurii fi qotiyyoota saddeet karaa Itaamaar ilma Aaron lubichaatiin akka hojii isaaniitti ilmaan Meraariitti kenne.

9Ilmaan Qehaat garuu mi'a qulqullaa'aa gatiittii isaaniitti baachuun hojii isaanii waan ta'eef, Museen homaa isaanitti hin laanne.

10Geggeessitoonni guyyaa iddoon aarsaa dibametti, eebba iddoo aarsaatiif kennaa isaanii fidanii, iddoo aarsaa sana duratti in dhi'eessan.

11Kunis isa Waaqayyo, ?Warra geggeessitootaa keessaa eebba iddoo aarsaatiif guyyaa guyyaatti namni tokko kennaa isaa haa dhi'eessu!? jedhee Museetti dubbatee turee dha.

12Inni gaafa duraa kennaa isaa dhi'eesse Nahishoon ilma Aminaadaab nama gosa Yihudaa ti.

13Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

14Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

15qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

16aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeessa reettii tokko,

17aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuuf korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Nahishoon ilmi Aminaadaab dhi'eesse isaan kana ture.

18Guyyaa lammaffaatti Nataani'el ilma Zuwaar geggeessituu gosa Yisaakortu kennaa isaa dhi'eesse.

19Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

20Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

21qalma gubamuuf tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

22aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeessa reettii tokko,

23aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Nataani'el ilmi Zuwaar dhi'eesse isaan kana ture.

24Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Helon geggeessituu gosa Zebuloontu kennaa isaa dhi'eesse.

25Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

26Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

27qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

28aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

29aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliiyaab ilmi Helon dhi'eesse isaan kana ture.

30Guyyaa afuraffaatti Eliizur ilma Shiide'ur geggeessituu gosa Ruubentu kennaa isaa dhi'eesse.

31Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

32Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

33qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

34aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

35aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliizur ilmi Shiide'ur dhi'eesse isaan kana ture.

36Guyyaa shanaffaatti Shiilumii'el ilma Zuriishadaayi geggeessituu gosa Shimi'oontu kennaa isaa dhi'eesse.

37Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

38Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

39qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

40aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

41aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Shiilumii'el ilmi Zuriishadaayi dhi'eesse isaan kana ture.

42Guyyaa ja'affaatti Elii'aasaaf ilma Deu'el geggeessituu gosa Gaaditu kennaa isaa dhi'eesse.

43Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

44Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

45qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

46aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

47aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Elii'aasaaf ilmi Deu'el dhi'eesse isaan kana ture.

48Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihud geggeessituu gosa Efreemtu kennaa isaa dhi'eesse.

49Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

50Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

51qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

52aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

53aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuuf korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Eliishaamaa ilmi Amiihud dhi'eesse isaan kana ture.

54Guyyaa saddeettaffaatti Gamaali'el ilma Phedaazur geggeessituu gosa Minaaseetu kennaa isaa dhi'eesse.

55Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

56Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

57qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

58aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

59aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Gamaali'el ilmi Phedaazur dhi'eesse isaan kana ture.

60Guyyaa salgaffaatti Abiidaan ilma Gidewoonii geggeessituu gosa Benyaamiintu kennaa isaa dhi'eesse.

61Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguute kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

62Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

63qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

64aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

65aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Abiidaan ilmi Gidewoonii dhi'eesse isaan kana ture.

66Guyyaa kurnaffaatti Ahii'ezer ilma Amiishadaayi geggeessituu gosa Daantu kennaa isaa dhi'eesse.

67Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

68Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

69qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

70aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

71aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Ahii'ezer ilmi Amiishadaayi dhi'eesse isaan kana ture.

72Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagi'el ilma Okraan geggeessituu gosa Asheertu kennaa isaa dhi'eesse.

73Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

74Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

75qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo,

76aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

77aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Fagi'el ilmi Okraan dhi'eesse isaan kana ture.

78Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Enaan geggeessituu gosa Niftaalemtu kennaa isaa dhi'eesse.

79Kennaan inni fide harkee meetii irraa hojjetame isa akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii dhibbaa fi soddoma miijanuuf caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama miijanu ture; harkichaa fi caabichatti immoo daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame gugguutee kennaa midhaaniitiif in dhi'eesse.

80Waciitii warqee irraa hojjetame sheeqelii kudhan miijanuttis ixaana guutee,

81qalma gubamuuf immoo tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokko,

82aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko,

83aarsaa qalma araaraaf dhi'aatuufis korommii lama, korbeeyyii hoolaa shan, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo shan, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo shan in dhi'eesse; kennaan Ahiiraa ilmi Enaan dhi'eesse isaan kana ture.

84Kennaan geggeessitoonni Israa'elootaa gaafa iddoon aarsaa dibame eebba isaaf dhi'eessan harkeewwan meetii irraa hojjetaman kudha lama, caabiiwwan meetii irraa hojjetaman kudha lama, waciitiiwwan warqee irraa hojjetaman kudha lama;

85tokkon tokkon harkee meetii irraa hojjetame sheeqelii dhibbaa fi soddoma, tokkon tokkon caabii meetii irraa hojjetame sheeqelii torbaatama in miijana ture; meetiin qodaa kana hundumaa walumatti akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii kuma lamaa fi dhibba afur in miijana ture.

86Tokkon tokkon waciitii warqee irraa hojjetamee ixaanni itti guutames akka sheeqelii iddoo qulqullaa'aatti sheeqelii kudhan in miijana ture; warqeen waciitiiwwan kanaa walumatti sheeqelii dhibbaa fi digdama in miijana ture.

87Horiin kennaa midhaanii wajjin qalma gubamuuf dhi'eeffaman tuntunoota kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha lama, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis korbeeyyii reettii kudha lama,

88horiin aarsaa qalma araaraaf dhi'eeffaman korommii digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, xobbaallaa reettii korbeeyyii waggaa tokkoo jaatama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo jaatama; gaafa iddoon aarsaa sun dibame kennaan eebba isaaf dhi'eeffaman isaan kana turan.

89Museen Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaaf dunkaana itti wal ga'anitti yommuu ol lixe, teessoo araaraa isa sanduuqa dhuga-baatuu irra jiru irraa Kiruubel lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu in dhaga'e; Waaqayyo isatti in dubbate*.[21]

le>