1Waaqayyo ammas Museedhaan,
2?Aaroniin, ?Ibsaa torban baattuu ibsaa irra yommuu keessu akka isaan baattuu fuul-duratti ibsanitti kaa'i!? jedhii itti himi!? jedhe.
3Aaronis akkuma Waaqayyo Musee abboometti, ibsaawwan sana baattuu ibsaa fuul-duratti akka ibsanitti in kaa'e.
4Baattuun ibsichaa akka fakkeenya isa Waaqayyo Museetti argisiisetti miilla isaatii ka'ee hamma fiixee isaa isa akka daraarraatti warqee tumamaa irraa in tolfame*.
5Waaqayyo ammas immoo Museedhaan,
6?Israa'eloota gidduudhaa Lewwoota fuudhiitii isaan qulleessi!
7Isaan qulleessuudhaaf akka kanatti fufee jiru godhi! Bishaan ittiin cubbuuttii qullaa'an isaanitti facaasi! Akka isaan rifeensa dhagna isaanii guutummaatti haaddatanii uffata isaaniis miiccatanii of qulleessan godhi!
8Yommus isaan tuntunoo tokko, isaa wajjinis kennaa midhaaniitiif daakuu qamadii ba'eessa dhadhaadhaan sukkuumame haa fidan! Ati immoo aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf tuntunoo kan biraa tokko fidi!
9Guutummaa waldaa Israa'el walitti qabiitii dunkaana itti wal ga'an duratti Lewwoota dhi'eessi!
10Yommuu ati Lewwoota fuula koo duratti dhi'eessitu, Israa'eloonni harka isaanii warra Lewwootaa sana irra haa kaa'an!
11Warri Lewwootaa hojii koo hojjechuu akka danda'anitti Aaron Israa'eloota gidduudhaa akka aarsaa sochoofamutti fuula koo duratti isaan haa dhi'eessu!
12Warri Lewwootaa harka isaanii mataa tuntunoota aarsaadhaaf dhi'aatan sanaa irra haa kaa'an! Aaronis tuntunoo isa tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'eessee, isa kaan immoo warra Lewwootaaf araarsuudhaaf ana Waaqayyoof qalma gubamu haa dhi'eessu!
13Warra Lewwootaa Aaronii fi ilmaan isaa dura dhaabachiisiitii akka aarsaa sochoofamutti fuula koo duratti dhi'eessi!
14Warra Lewwootaa akkasitti Israa'eloota warra kaan gidduudhaa addaan in baafta, Lewwoonnis kan koo in ta'u.
15?Erga ati isaan qulleessitee, akka aarsaa sochoofamutti isaan dhi'eessite booddee, warri Lewwootaa dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf ol haa galan!
16Israa'eloota keessaa isaan guutummaatti anaaf kennamaniiru; Israa'eloota hundumaa keessaa angafa karra saaqu qoodan fudhadhu, Lewwoota fudhadheera.
17Guyyaa ani angafa warra Gibxii hundumaa ajjeese, kan warra Israa'el immoo addaan nan baafadhe; kanaaf Israa'eloota gidduudhaa nama keessaa, horii keessaas angafni hundinuu kan koo ti*.
18Qoodan ijoollee Israa'el warra angafa dhalatan fudhadhu, ilmaan Lewwootaa fudhadheera.
19Isaan dunkaana itti wal ga'an keessaa qooda Israa'elootaa akka hojjetaniif, Israa'eloonni iddoo qulqullaa'aatti dhi'aatanii akka hin dha'amnetti akka isaaniif araarsaniifis ani Israa'eloota hundumaa keessaa Lewwoota Aaronii fi ilmaan isaatiif kennaa godhee kenneera? jedhe*.
20Kana irratti Museenii fi Aaron, guutummaan waldaa Israa'elis, waa'ee Lewwootaaf akkuma Waaqayyo Musee abboometti in godhan;
21Lewwoonnis of in qulleessan, uffata isaaniis in miiccatan; yommus Aaron akka aarsaa sochoofamutti fuula Waaqayyoo duratti isaan dhi'eessee, isaan qulleessuudhaaf isaaniif araarse.
22Isa booddees Lewwoonni geggeessaa Aaronii fi ilmaan isaatiitiin dunkaana itti wal ga'an keessaa hojii isaanii hojjechuuf ol lixan; akkuma Waaqayyo waa'ee Lewwootaaf Musee abboomettis isaaniif in godhame.
23Waaqayyo ergasii Museedhaan,
24?Wanti Lewwoota ilaalu kanatti fufee jira; dhiironni waggaan isaanii digdamii shan guutee fi warri isaa olii hundinuu, hojii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf haa dhufan*!
25Waggaan isaanii shantama erga guutee garuu hojicha irraa haa boqotan, deebi'aniis hin hojjetin!
26Haa ta'u iyyuu malee, hojii obboloonni isaanii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojjechuudhaaf itti gaafataman sana in gargaaru; garuu ofii isaaniitii hin hojjetin! Egaa hojii warri Lewwootaa itti gaafataman akka kanatti tarree in galchitaaf? jedhe.