1Israa'eloonni biyya Gibxii erga ba'anii waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa immoo ji'a tokkoffaatti Waaqayyo Siinaa lafa onaa keessatti Museetti in dubbate; inni,
2?Israa'eloonni ayyaana Faasiikaa yeroo isaa eeganii akka ayyaaneffatan godhi!
3Isin akka seerrata isaa fi akka murtoo isaatiitti ji'a kanattii gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa yeroo isaaf dhaabame eegaatii ayyaaneffadhaa!? jedhe.
4Kana irratti Israa'eloonni ayyaana Faasiikaa akka ayyaaneffataniif Museen isaanitti in hime.
5Isaanis akkuma Waaqayyo Musee abboometti ji'a tokkoffaatti, ji'icha keessaa immoo gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa Siinaa lafa onaa keessatti Faasiikaa in ayyaaneffatan.
6Isaan keessaa namoonni reeffa namaatti bu'uudhaan xuraa'an tokko gaafas warra kaanii wajjin ayyaana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye; isaan gaafasuma Musee fi Aaron bira dhufanii*,
7?Nuyi reeffa namaatti bu'uudhaan xuroofneerra, garuu ijoollee Israa'el warra kaanii wajjin yeroo isaaf murametti Waaqayyoof kennaa dhi'eessuuttii maaliif dhowwamna?? jedhanii in gaafatan.
8Museenis, ?Wanta Waaqayyo waa'ee keessaniif abboomu hamman dhaga'utti mee achuma turaa!? jedhee isaaniif in deebise.
9Waaqayyo yommus Museedhaan,
10?Ati Israa'elootaan, ?Isin keessaa yookiis dhaloota isin booddee keessaa namni reeffa namaatti bu'uudhaan yoo xuraa'e yookiis karaa fagoo adeemaa jira yoo ta'e, inni amma iyyuu Faasiikaa Waaqayyoo haa ayyaaneffatu!
11Isaan ji'a lammaffaatti, ji'ichattii gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa haa ayyaaneffatan! Maxinoodhaa fi biqiltuu urgooftuu hadhaa'aa wajjin Faasiikaa sana haa nyaatan!
12Isaan akka seerrata Faasiikaa itti ayyaaneffatanitti haa ayyaaneffatan malee, lafee hoolichaa hin cabsin, foon isaas tokko illee hamma ganamaatti hin hambisin!
13Namni akka seeraatti qullaa'aa ta'ee, karaa adeemaas utuu hin jiraatin ayyaana Faasiikaa ayyaaneffachuu dhiisu, sababii kennaa Waaqayyoof dhi'aatu yeroo isaatti hin dhi'eessin hafeef saba isaa keessaa haa balleeffamu! Cubbuu isaatiifis haa gaafatamu!
14Galaan isin gidduu jiraatu Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu yoo barbaade, akka seerrataa fi murtoo Faasiikaan itti ayyaaneffatamutti haa ayyaaneffatu! Isin warra biyyaa fi warra galaa ta'anii isin gidduu jiraattaniifis seerranni tokkichuma haa ta'u!? jedhi!? jedhe.
15Gaafa godoon dhuga-baatuu dhaabame duumessi godichatti in uffise; galgalaa hamma ganamaatti immoo wanti ibidda fakkaatu godicha irra ture*.
16Inni yeroo hundumaa akkasuma ture; guyyaa guyyaa duumessichi godichatti in uffisa, galgala galgala immoo wanta ibidda fakkaatutu irratti argama ture.
17Yommuu duumessichi godicha irraa ka'u Israa'eloonni ka'anii in adeemu, lafa duumessichi buufatutti immoo isaanis in buufatu turan*.
18Israa'eloonni abboommii Waaqayyootiin ka'anii in adeemu, abboommii isaatiinis in buufatu turan; hamma duumessichi godicha irra jirutti isaan iddoodhuma buufatan sana in turu.
19Duumessichi godicha irraa utuu hin ka'in guyyaa baay'ee yommuu turu, Israa'eloonni ajaja Waaqayyoo eeggatu malee, adeemuudhaaf hin ka'an turan.
20Yeroo duumessichi guyyaa muraasa godicha irra turu, isaanis akka abboommii Waaqayyootti iddoo buufata isaanii in turu; akkuma abboommii isaattis adeemuudhaaf in ka'u.
21Duumessichi galgalaa hamma ganamaatti godicha irra turee, ganama godicha irraa yommuu ka'u, isaanis adeemuudhaaf in ka'u; inni ittuma fufee guyyaa tokkoo fi halkan tokkoof irra yoo buufate, yeroodhuma inni godicha irraa ka'u isaanis immoo ka'anii in adeemu.
22Duumessichi godicha irra buufatee guyyaa lamaaf yookiis ji'a tokkoof isa caalaas yoo ture, gaafuma inni irraa ka'u Israa'eloonnis ka'anii adeemu malee, utuu inni hin ka'in iddoo inni buufate sanaa ka'anii hin adeeman.
23Isaan abboommii Waaqayyootiin buufatu, abboommii Waaqayyootiinis ka'anii in adeemu turan; isaan wanta Waaqayyo isaan irraa barbaadee karaa Musee isaan abboome in eegu turan.