Seera Lewwootaa 10:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Naadaabii fi Abiihuu ilmaan Aaron qodaa ixaana itti aarsan adduma addaan fudhatanii, ibidda itti fudhatanii ixaana irratti dabalanii, ibidda alaa isa Waaqayyo isaan hin abboomin fuula isaa duratti in dhi'eessan.

2Kana irratti fuula Waaqayyoo duraa ibiddi ba'ee isaan in fixe; isaanis akkasitti fuula Waaqayyoo duratti in du'an*.

3Museen yommus Aaroniin, ?Inni kun isa Waaqayyo, ?Ani warra anatti dhi'aatan gidduutti qulqullummaa koo nan argisiisa, namoota hundumaa durattis ulfina nan argadha? jedhee dubbatee dha? jedhe; Aaron garuu calluma jedhe.[19]

4Museen ilmaan Uzii'el wasiila Aaron, Miishaa'elii fi Elzaafaanin waamee, ?Kottaatii reeffa obboloota keessanii iddoo qulqullaa'aa sana fuul duraa fuudhaatii iddoo buufataa duubatti geessaa!? jedhe.

5Yommus isaan dhufanii akkuma Museen isaan abboometti, akkuma isaan kittaa isaanii uffatanii jiranitti reeffa isaanii fuudhanii iddoo buufataa keessaa ala baasan.

6Museen ergasii Aaroniin, ilmaan Aaron Ele'azaarii fi Itaamaarin, ?Isin akka hin duunetti, Waaqayyo guutummaa waldaatti akka hin dheekkamnetti, gaddaaf jettanii marata ofittii baaftanii rifeensa mataa keessanii gad hin dhiisinaa! Uffata keessan hin tarsaasinaa! Garuu obboloonni keessan, guutummaan mana Israa'el warra Waaqayyo ibiddaan isaan gube sanaaf boo'uu in danda'u.

7Dhadhaa dibataa isa kan Waaqayyootiin dibamtanii waan jirtaniif, isin akka hin duunetti balbala dunkaana itti wal ga'anii sana duraa hin adeeminaa!? jedhe; isaanis akkuma Museen jedhe in godhan.

8Waaqayyo yommus Aaroniin,

9?Atii fi ilmaan kee yeroo dunkaana itti wal ga'anitti ol lixxan, daadhii waynii yookiis dhugaatii macheesu hin dhuginaa! Dhugdanii yoo lixxan garuu in duutu; kunis dhaloota keessan hundumaa keessatti seerrata bara baraan dhaabataa ta'ee hafu isiniif haa ta'u*!

10Isin wanta qulqullaa'aa ta'ee fi wanta xuraa'aa, wanta qullaa'aa ta'ee fi wanta qullaa'aa hin ta'in gargar baasuutu isiniif ta'a*.

11Seerrata ani Waaqayyo karaa Musee Israa'elootatti dubbadhe hundumaa isaan barsiisaa!? jedhe.[20]

12Yommus Museen Aaroniin, ilmaan Aaron Ele'azaarii fi Itaamaarin, ilmaan isaa warra hafaniinis, ?Kennaan midhaanii inni kennaa isa Waaqayyoof ibiddaan gubamee dhi'aatu irraa hafu sun hundumaa irra qulqullaa'aa waan ta'eef, fuudhaatii maxinoo isaa tolchaatii iddoo aarsaa bukkeetti nyaadhaa!

13Kennaa isa Waaqayyoof ibiddaan gubamee dhi'aatu keessaa inni kun qooda kee fi qooda ilmaan keetii waan ta'eef iddoo qulqullaa'aatti isa nyaadhaa! Ani kana abboomameera.

14Akkasuma immoo handaraafaa fi luka aarsaa sosochoofamuuf dhi'aatu sana atii fi ilmaan kee, intaloonni kees nyaadhaa! Isaan kun qalma araaraa isa Israa'eloonni dhi'eessan keessaa sii fi ijoollee keef qooda kennaman waan ta'aniif, iddoo akka seeraatti qullaa'aa ta'etti nyaadhaa*!

15Moora ibiddaan gubamee aarsaa dhi'eeffamu sana malees isaan aarsaa sosochoofamuuf, lukaa fi handaraafa fuula Waaqayyoo duratti sosochoosuudhaaf haa dhi'eessan! Inni akkuma Waaqayyo abboometti qooda kee fi qooda ijoollee keetii ti; kunis seerrata bara baraan dhaabataa ta'ee hafuu dha? jedhe*.[21]

16Museen waa'ee reettii sababii cubbuutiif aarsaa dhi'aate yommuu cimsee iyyaafate, reettiin sun gubamuu isaa baree, Ele'azaarii fi Itaamaar ilmaan Aaron warra hafanitti in dheekkame;

17isaaniinis, ?Aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu'o hundumaa irra qulqullaa'aa dhaa, isin maaliif iddoo qulqullaa'aatti isa hin nyaanne ree? Waaqayyo akka isin yakka jaraa irraa fuutanii fuula isaa duratti araara isaaniif buuftaniif aarsaa sana isiniif kenneera.

18Kunoo, dhiigni isaa gara iddoo qulqullaa'aatti ol hin galfamne; akkuman isin abboometti iddoo qulqullaa'aatti isa nyaachuutu isin irra ture? jedhe.

19Aaronis deebisee Museedhaan, ?Kunoo, isaan aarsaa sababii cubbuu isaaniitiif dhi'aatu, qalma isaanii isa gubamus har'a fuula Waaqayyoo dura fidaniiru; wanti akkasii kun immoo ana irra in ga'e; egaa ani har'a aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate sana utuun nyaadheera ta'ee, Waaqayyo duratti in fudhatama turee ree?? jedhe.

20Museenis dubbii kana yommuu dhaga'e in gammade.

le>