1Waaqayyo ergasii Museedhaa fi Aaroniin,
2?Isin namoota Israa'eliin, ?Bineensota lafa irra jiraatan hundumaa keessaa warra kanatti fufanii jiran nyaachuu in dandeessu*;
3isa kotteen isaa baqaqee lamatti hiramuu fi isa alaala guuru hundumaa nyaachuu in dandeessu;
4garuu warra alaala guuranii kotteen isaanii gargar hin hiramin yookiis kotteen isaanii gargar hiramee alaala hin guurre hin nyaatinaa! Gaalli alaala yoo guure iyyuu kotteen isaa gargar hin hiramne; kanaaf inni isin duratti xuraa'aa haa ta'u!
5Osoleen yoo alaala guurte iyyuu kotteen ishee gargar hin hiramne; kanaaf isheen isin duratti xurooftu haa taatu!
6Illeettiinis alaala yoo guurte iyyuu kotteen ishee gargar hin hiramne; kanaaf isheen isin duratti xurooftu haa taatu!
7Boyyeen immoo kotteen isaa baqaqee lamatti hiramaa yoo ta'e iyyuu inni alaala hin guuru; kanaaf inni isin duratti xuraa'aa haa ta'u*!
8Isaan kun isin duratti xuraa'oo waan ta'aniif, foon isaanii hin nyaatinaa, raqa isaaniittis hin bu'inaa!
9? ?Warra bishaanitti, galaanatti, lagattis galan hundumaa keessaa immoo waanuma waan akka baal'ee fi qola qabu nyaadhaa!
10Garuu galaana keessaa, laga keessaas waanuma lubbuu qabu keessaa, warri bishaan keessa jiraatanii bishaan keessa munyuuqan hundinuu isin duratti ciigga'amoo haa ta'an!
11Isaan isin duratti ciigga'amoo waan ta'aniif, foon isaanii hin nyaatinaa! Raqa isaanii ciigga'aa!
12Wanta bishaanitti galu keessaa kan waan akka baal'ee fi qola hin qabne, isin duratti ciigga'amaa haa ta'u!
13? ?Simbirroonnii fi allaattonni warri xuraa'oonni ciigga'amoo waan ta'aniif hin nyaataman; isaanis kanatti aananii jiru; joobira, domboo, gogocoro,
14rumicha, foggi akka qomoo qomoo isaatti,
15qurruus akka qomoo qomoo isaatti,
16guchii, simbira ekeraa, allaattii bishaanii, corofees akka qomoo qomoo isaatti,
17haadha onaa, haadha quufoo, hurunguu guddaa,
18indaanqoo bishaanii, haadha waaqoo, allaattii raqaa,
19allaattii hawaannisaa, hummoo akka qomoo qomoo isaatti, haadha gaayyee, simbira halkaniis.
20? ?Munyuuqaan baal'ee qaban, miilla afuriinis kan adeeman hundinuu isin biratti xuraa'oo haa ta'an!
21Haa ta'u iyyuu malee, uumama baal'ee qaban, warra miilla afuriinis adeeman keessaa warra ittiin utaaluudhaaf hojjaan miilla isaanii dachaafattuu qabu nyaadhaa!
22Isaan kana keessaa kan akka hawaannisaa akka qomoo qomoo isaatti, hawaannisa isa barbadeessu akka qomoo qomoo isaatti, farda Waaqayyoo akka qomoo qomoo isaatti, qorophisas akka qomoo qomoo isaatti nyaachuu in dandeessu*.
23Uumamni munyuuqaan baal'ee qaban miilla afuris kan qaban hundinuu isin duratti xuraa'oo haa ta'an!
24Isaan kun isin in xureessu; namni raqa isaaniitti bu'e hundinuus hamma galgalaatti xuraa'aa in ta'a*;
25namni raqa isaanii lafaa fuudhe hundinuus uffata isaa haa miiccatu, hamma galgalaattis xuraa'aa haa ta'u!
26? ?Horiin kotteen isaanii baqaqaa ta'ee lamatti immoo hin hiramne, kan alaala hin guurre hundinuus isin duratti xuraa'oo haa ta'an! Namni raqa isaaniitti bu'e hundinuus xuraa'aa haa ta'u!
27Uumama lubbuu qaban miilla afuriin adeeman hundumaa keessaa warri bar'uudhaan ejjetan hundinuu isin duratti xuraa'oo haa ta'an! Raqa isaaniitti kan bu'es hamma galgalaatti xuraa'aa haa ta'u!
28Isaan isin duratti xaraa'oo waan ta'aniif, namni raqa isaanii lafaa fuudhe uffata isaa haa miiccatu, hamma galgalaattis xuraa'aa haa ta'u!
29? ?Bineensota warra lafa irra munyuuqan keessaa immoo warri kanatti fufanii jiran isin duratti xuraa'oo haa ta'an! Tuqaan, hantuunni, loccuunis akka qomoo qomoo isaaniitti*;
30fuliyoon, loccuun daggalaa, lootuun, qarcabboon, gaararaan,
31bineensota munyuuqan keessaa isaan kun isin duratti xuraa'oo haa ta'an! Namni raqa isaaniitti bu'es hamma galgalaatti xuraa'aa in ta'a;
32raqni bineensota kanaa mi'a muka irraa, uffata irraa, gogaa irraa, keeshaa irraas hojjetame irra yoo bu'e, isaan in xureessa; mi'a sanas bishaan keessa kaa'aa! Haa ta'u iyyuu malee, isaan hamma galgalaatti xuraa'oo in ta'u; isa booddee garuu qulqullaa'oo in ta'u.
33Inni qodaa suphee keessa yoo bu'e, wanti qodaa sana keessa jiru hundinuu xuraa'aa in ta'a; isin immoo qodicha cabsaa!
34Nyaanni nyaatamu hundinuu bishaan qodaa akkasii keessa jiru keessa yoo bu'e, xuraa'aa in ta'a; dhugaatiin qodaa akkasii keessaa dhugamu hundinuus xuraa'aa dha;
35wanti raqni isaanii itti bu'e hundinuu xuraa'oo in ta'u; iddoo waa itti tolchan, iddoon ibiddaas sababii isaaniitiif yoo xuraa'an isin duratti xuraa'ootti haa ilaalaman, haa diigamanis!
36Bishaan raqa bineensota sanaatti bu'e duwwaatu xuraa'aa dha malee, burqaan bishaanii fi boolli bishaan itti walitti kuufamu qullaa'aa in ta'a.
37Raqichi sanyii facaafamuuf jedhu irra yoo bu'e garuu, sanyichi qullaa'aadhuma ta'ee in hafa.
38Garuu bishaan sanyichatti naqamee utuu jiruu raqichi yoo isa irra bu'e, sanyichi isin duratti xuraa'aa haa ta'u!
39? ?Horii nyaataaf isiniif kennaman keessaa tokko yoo du'e, namnis raqa isaatti yoo bu'e, namichi hamma galgalaatti xuraa'aa haa ta'u!
40Namni raqa horii sanaa nyaates uffata isaa haa miiccatu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u! Namni raqa sana lafaa fuudhes uffata isaa haa miiccatu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!
41? ?Uumamni lafa irra munyuuqan hundinuu ciigga'amoo dha; kanaafis nyaatamuun isaan irra hin jiru;
42uumamni lafa irra munyuuqan hundinuu, warri garaadhaan lo'an, warri miilla afuriin adeeman, warri miilla baay'ee qabanis ciigga'amoo waan ta'aniif, isaan hin nyaatinaa!
43Uumamni munyuuqan kun ciigga'amoo akka isin hin goonetti isaaniin of hin xureessinaa!
44Ani Waaqayyo gooftaa keessan; ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis of qulleessaa, qulqullootas ta'aa! Uumama lafa irra munyuuqan kanaan namummaa keessan hin xureessinaa!
45Ani Waaqayyo isa gooftaa isiniif ta'uudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha; kanaaf ani qulqulluu akkuman ta'e, isinis immoo qulqulloota ta'aa*!
46? ?Kun seera waa'ee horii qe'eef, waa'ee allaattotaaf, waa'ee simbirrootaaf, waa'ee uumama lubbuu qaban bishaan keessa jiraataniif, uumama lafa irra munyuuqan hundumaafis kennamee dha.
47Akkasitti isin warra qullaa'oo fi warra qullaa'oo hin ta'in, uumama warra nyaatamanii fi warra hin nyaatamne gargar in baaftu? jedhaa!? jedhe.