Seera Lewwootaa 12:1-8 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo itti fufee Museedhaan,

2?Ati namoota Israa'eliin, ?Dubartiin yommuu ulfooftee ilma deessu, akkuma xuraa'ummaa yeroo garaa dhukkubbii isheetii sanaa guyyaa torbaaf kan xuroofte haa taatu!

3Mucichi immoo guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabamu*!

4Dubartittiin dhiiga isheettii hamma qullooftutti guyyaa soddomii sadii mana haa turtu! Hamma yeroon qullaa'uu isheetii dhumutti wanta qulqullaa'aa harkaan hin qabin, iddoo qulqullaa'aas hin dhaqin!

5Yommuu durba deessu immoo, akkuma yeroo garaa dhukkubbii isheetii sanaa guyyaa kudha afuriif kan xuroofte haa taatu! Ergasii immoo dhiiga isheetii hamma qullooftutti guyyaa jaatamii ja'a mana haa turtu![26]

6? ?Yommuu isheen ilma yookiis durba deessee yeroon itti qullooftu ga'u immoo, xobbaallaa hoolaa korbeessa waggaa tokkoo qalma gubamuuf akkasumas gugee horaa tokko yookiis gugee sookkee tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf balbala dunkaana wal ga'ii duratti lubichatti haa fiddu!

7Lubichi Waaqayyo duratti isaan dhi'eessee, dubartittiidhaaf araara in buusa, isheenis dhangala'uu dhiiga ishee sanattii in qulloofti; kun egaa seera yeroo dubartiin ilma yookiis durba godhattu eegamuu dha.

8Isheen xobbaallaa hoolaa dhi'eessuu hin dandeessu yoo ta'e, gugee horaa lama yookiis gugee sosookkee lama, ishee tokko qalma gubamuuf ishee kaan immoo aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu haa fiddu! Akkasitti lubichi dubartii sanaaf araara haa buusu! Isheenis in qulloofti? jedhiin!? jedhe*.[27]

e>