Seera Lewwootaa 15:1-33 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo ammas Musee fi Aaroniin,

2?Isin Israa'elootaan, ?Namni saala isaa keessaa waa dhangala'u, sababii isa dhangala'u sanaaf inni xuraa'aa in ta'a*;

3xuraa'ummaan wanti tokko saala namaa keessaa dhangala'uudhaan dhufu, kanatti fufee jira; saalli isaa ittuma fufee yoo dhangalaase yookiis dhangalaasuu yoo dhiise, namichi xuraa'aadhuma;

4sireen namichi saala isaa keessaa waa dhangala'u sun irra ciisu hundinuu, wanti inni irra taa'u hundinuus xuraa'aa in ta'a.[34]

5? ?Namni siree namichaatti bu'e, uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaa haa dhiqatu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

6Namni wanta namichi saala isaa keessaa waa dhangala'u sun irra taa'e irra taa'u, uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaa haa dhiqatu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

7Namni namicha isa saala isaa keessaa waa dhangala'utti bu'e, uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaa haa dhiqatu hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

8Namichi saala isaa keessaa waa dhangala'u sun nama qullaa'aa tokkotti yoo tufe, namichi itti tufame sun uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaa haa dhiqatu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

9Kooraan namichi saala isaa keessaa waa dhangala'u irra taa'u hundinuu xuraa'aa haa ta'u!

10Namni mi'a inni irra ture keessaa tokkotti iyyuu bu'u hundinuu hamma galgalaatti xuraa'aa haa ta'u! Namni mi'a sana baatus uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaa haa dhiqatu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

11Namni utuu namichi saala isaa keessaa waa dhangala'u sun harka isaa hin lolla'atin itti bu'u, uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaa haa dhiqatu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

12Namichi saala isaa keessaa waa dhangala'u sun qodaa supheetti yoo bu'e, qodichi haa cabu, qodaa muka irraa hojjetamee yoo ta'e immoo bishaaniin haa lolla'amu*![35]

13? ?Namichi wanta saala isaa keessaa dhangala'u kanattii yommuu qulleeffamu, guyyaa torba haa turu! Kana booddee immoo uffata isaa miiccatee, dhagna isaas bishaan yaa'uun dhiqatee haa qullaa'u!

14Guyyaa saddeettaffaatti gugee horaa lama yookiis gugee kan biraa sosookkee lama fidee dhufee, balbala dunkaana wal ga'iitti fuula ana Waaqayyoo duratti lubichatti haa kennu!

15Lubichi immoo ishee tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf, ishee kaan immoo qalma gubamuuf dhi'eessee akkasitti wanta saala isaa keessaa dhangala'u sanaaf ana Waaqayyo duratti araara haa buusuuf!

16? ?Namni tokko afetaan isaa yoo dhangala'e, guutummaa dhagna isaatii bishaaniin haa dhiqatu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u*!

17Uffannii fi wanti gogaa irraa hojjetame afetaan sun irratti dhangala'e hundinuu bishaaniin haa miicamu, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

18Namni saala isaa keessaa afetaan dhangala'u dubartii bira yommuu ga'u lachanuun isaanii dhagna isaanii bishaaniin haa dhiqatan, hamma galgalaatti immoo xuraa'oo haa ta'an![36]

19? ?Dubartiin saala ishee keessaa dhiigni ba'u hamma guyyaa torbaatti yeroo garaa dhukkubbii isheetii ti; namni ishee bira ga'es hamma galgalaatti xuraa'aa haa ta'u*!

20Yeroo garaa dhukkubbii isheetii kanatti wanti isheen irra ciiftuu fi wanti isheen irra teessu hundinuu xuraa'aa dha.

21Namni iddoo ciisicha isheetti bu'es uffata isaa miiccatee, dhagna isaa dhiqatee, hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

22Namni waanuma isheen irra teessetti bu'e, uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaas haa dhiqatu hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u!

23Iddoo ciisichaa yookiis waanuma isheen irra teessutti yoo bu'e, hamma galgalaatti xuraa'aa haa ta'u!

24Namni tokko ishee bira ga'ee, xuraa'ummaan ishee yoo isatti bu'e, inni guyyaa torbaaf xuraa'aa haa ta'u! Iddoon inni ciisus xuraa'aa haa ta'u![37]

25? ?Dubartiin tokko yeroo garaa dhukkubbii isheetii sana irra iyyuu darbee dhiigni ishee ittuma fufee yoo dhangala'e, akkuma yeroo garaa dhukkubbii isheetii sana xurooftuu in taati*.

26Iddoon ciisichaa isheen yeroo dhiigni ishee ittuma fufee dhangala'u irra ciiftu sunis akkuma isa yeroo garaa dhukkubbii isheetii sanaa xuraa'aa haa ta'u!

27Namni wanta kana hundumaatti bu'e xuraa'aa haa ta'u! Inni uffata isaa haa miiccatu, dhagna isaas haa dhiqatu hamma galgalaatti immoo xuraa'aa haa ta'u![38]

28? ?Isheen garuu dhiiga ishee isa dhangala'u sanattii qulloofteetti yoo ta'e, guyyaa torba lakkaa'attee ergasii haa qullooftu!

29Guyyaa saddeettaffaatti immoo gugee horaa lama yookiis gugee ishee kaan sosookkee lama fuutee balbala dunkaana wal ga'ii duratti lubichatti haa fiddu!

30Lubichis ishee tokko aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf ishee kaan immoo qalma gubamuuf haa dhi'eessu! Akkasitti lubichi wanta saala ishee keessaa dhangala'ee ishee xureesse sanaaf ana Waaqayyo duratti araara haa buusuuf!? jedhaa!

31?Isinis akkasitti namoonni Israa'el iddoo koo isa qulqullaa'aa isaan gidduu jiru xureessanii xuraa'ummaa isaaniitiin akka hin duunetti wanta isaan xureessuttii addaan baasaa!? jedhe.

32Seerri kun isa waa'ee nama saala isaa keessaa waa dhangala'uuf, waa'ee nama afetaan isaa dhangala'ee isa xureessuuf kennamee dha.

33Dubartii garaa dhukkubbii qabduuf, dhiira yookiis dubartii saala isaanii keessaa waa dhangala'uuf, dhiira dubartii xurii qabdu bira ga'uufis seerri kenname isuma kana.

le>