Seera Lewwootaa 16:1-34 GAZB1997 - Bible AI

1Du'a ilmaan Aaron warra Waaqayyo duratti gar-malee aarsaa ixaanaa dhi'eessanii ajjeefaman sana lamaanii booddee Waaqayyo Museetti in dubbate;

2Waaqayyo Museedhaan, ?Ani duumessaan teessoo araaraa sana irratti waanan mul'adhuuf, Aaron obboleessi kee gara iddoo qulqullaa'aa isa golgaa keessaa, teessoo araaraa isa sanduuqa kakuu irra jiru sana fuula duratti yeroodhuma barbaadetti akka ol hin galle itti himi kanaa achi in du'a*.

3Yommuu ol galu immoo aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf tuntunoo tokko, qalma gubamuuf immoo korbeessa tokko dhi'eessee iddoo qulqullaa'aa sanatti ol haa lixu*!

4Inni kittaa quncee talbaa irraa hojjetame isa qulqullaa'aa haa uffatu, fiddoo dhagnatti aanu isa quncee talbaa irraa hojjetames haa hidhatu, hidhata quncee talbaa irraa hojjetameen mudhii isaa hidhatee, mataa isaatti marata quncee talbaa irraa hojjetame haa maratu! Isaan kun uffata qulqullaa'oo waan ta'aniif, inni dhagna isaa dhiqatee haa uffatu*!

5Korbeeyyii reettii lama aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf, korbeessa hoolaa tokko immoo qalma gubamuuf waldaa Israa'elootaa biraa haa fuudhu![39]

6?Aaronis tuntunicha isa aarsaa sababii cubbuu isaatiif dhi'aatu sana dhi'eessee, ofii isaatiif maatii isaatiifis araara haa buusu*!

7Kana booddee immoo korbeeyyii reettii sana lamaan fuudhee balbala dunkaana wal ga'iitti ana Waaqayyo dura haa dhaabu!

8Korbeeyyii sana lamaan irratti mukti lama haa buufamu! Mukti inni tokko kan irra bu'e ana Waaqayyoof, mukti inni kaan kan irra bu'e immoo gad dhiifamuudhaaf haa ta'u!

9Inni korbeessa isa mukti inni kan ana Waaqayyo irra bu'e sana fidee aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu haa godhu!

10Korbeessi inni akka gad dhiifamuuf mukti irra bu'e immoo ittiin araara buusuudhaaf ana Waaqayyo duratti dhi'eeffamee, gara lafa onaatti gad haa dhiifamu![40]

11?Aaron immoo tuntunicha aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu sana dhi'eessee ofii isaatiif maatii isaatiifis araara haa buusu! Tuntunoo aarsaa sababii cubbuu isaatiif dhi'aatu sanas haa gorra'u!

12Ergasii immoo qodaa ixaana irratti aarsanitti barbadaa ibiddaa iddoo aarsaa isa fuula sanduuqa kakuu koo dura jiru irraa fuudhee itti guutee, ixaana bulaa'aa urgaa'aa isaa harka isaa lamaan guutee fuudhee iddoo isa golgaa keessaatti haa geessu!

13Ixaanichas ana Waaqayyo duratti ibiddicha irratti haa naqu! Inni akka hin duunetti aarri ixaanichaa teessoo araaraa isa dhuga-baatuu irra jiru sana in golga;

14dhiiga tuntunichaa irraas fuudhee fuula duraan karaa gara ba'a-biiftuu teessoo araaraa sanatti quba isaatiin haa facaasu! Akkasumas karaa fuula duraa teessoo araaraatti dhiigicha quba isaatiin si'a torba haa facaasu!

15?Inni kana booddee korbeessicha aarsaa sababii cubbuu sabaatiif dhi'aatu sanas gorra'ee dhiiga isaa fuudhee iddoo isa golgaa keessaatti lixee akkuma dhiiga tuntunichaa sana godhe haa godhu! Teessoo araaraa sana irratti, teessicha fuula durattis haa facaasu*!

16Inni akkasitti sababii xuraa'ummaa, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Israa'el hundumaaf, iddoon inni qulqullaa'aan sun akka hin xuroofne in godha; dunkaana wal ga'ii isa xuraa'ummaa isaanii keessa isaan gidduu jiru sanaaf akkasuma in godha.

17Yommuu Aaron araara buusuudhaaf iddoo qulqullaa'aa sanatti lixu, hamma inni ofii isaatii fi maatii isaatiif, guutummaa waldaa Israa'eliifis araara buusee gad ba'utti, namni tokko illee dunkaana wal ga'ii sana keessatti hin argamin!

18Ergasiis gara iddoo aarsaa isa fuula koo duraa, isa gara balbala duraa sanatti gad ba'ee, araara haa buusu! Dhiiga tuntunichaa fi dhiiga korbeessicha reettii irraa fuudhee, gaanfota iddoo aarsaatti naannessee haa dibu*!

19Dhiigicha irraa fuudhee quba isaatiin si'a torba itti facaasee, xuraa'ummaa namoota Israa'el irraa addaan baasee iddoo aarsaa sana haa qulqulleessu![41]

20?Aaron iddoo qulqullaa'aa sanaaf, dunkaana wal ga'ii sanaaf, iddoo aarsaa sanaafis araara buusuu erga raawwatee booddee, korbeessicha isa fayyaatti jiru sana immoo in dhi'eessa.

21Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa fayyaatti jiru sana irra kaa'ee, yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Israa'el hundumaa beeksisee, mataa korbeessichaa irra erga kaa'ee booddee, korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa'ee jirutti kennee lafa onaa keessatti gad akka dhiisu in godha;

22namichi sun korbeessicha lafa onaa keessatti gad in dhiisa, korbeessichi akkasitti yakka isaanii hundumaa of irratti baatee iddoo onaatti in geessa.

23?Ergasii Aaron gara dunkaana wal ga'iitti ol lixee, uffata quncee talbaa irraa hojjetame isa yeroo iddoo qulqullaa'aatti ol lixe sana uffate of irraa baasee achitti haa dhiisu!

24Inni iddoo qulqullaa'aa sanatti dhagna isaa bishaaniin dhiqatee, uffata isa kan isaatii uffatee as ba'ee ofii isaatiif, sabaafis qalma gubamuu dhi'eessee, ofii isaatiif, sabaafis araara haa buusu!

25Moora horii isa aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate sanaas iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!

26Namichi inni korbeessa isa gad dhiifamu sana lafa onaatti geesse sun immoo uffata isaa miiccatee, dhagna isaa bishaaniin erga dhiqatee booddee gara iddoo buufataatti haa galu!

27Tuntunoonii fi korbeessi reettii aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatanii dhiigni isaanii iddoo qulqullaa'aa keessatti ittiin araara buusuudhaaf dhi'aate sun, iddoo buufataa keessaa alatti gad baafamanii, gogaan isaanii, foon isaanii fi cumaan isaanii ibiddaan haa gubamu*!

28Namni isaan kana ibiddaan gubus uffata isaa miiccatee, dhagna isaa bishaaniin erga dhiqatee booddee gara iddoo buufataatti haa galu![42]

29?Kanatti fufee kan jiru kun seerrata bara baraa isiniif haa ta'u! Ji'a torbaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti isin warri dhaloota biyyaa, warri galaan isin gidduu jiraatanis soomuudhaan, gad of deebisaa, gaafas hojii tokko illees hin hojjetinaa!

30Guyyaa kanattis isin qulleessuudhaaf araarri isiniif in buufama; isin ana Waaqayyo duratti cubbuu keessan hundumaattii in qullooftu.

31Kunis isiniif guyyaa Sanbataa isa itti aara galfattanii dha; kanaafis gaafas soomuudhaan gad of deebisaa! Kunis seerrata bara baraa ti.

32Lubni dibamee qooda abbaa isaatii angafa lubootaa ta'ee hojjechuudhaaf hojii irra dhaabamu uffata isa qulqullaa'aa quncee talbaa irraa hojjetame sana uffatee, hojii araara buusuu sana haa hojjetu!

33Akkasumas immoo iddoo hundumaa irra qulqullaa'aa sanaaf, dunkaana wal ga'ii sanaa fi iddoo aarsaatiif, lubootaa fi namoota waldaa sana keessa jiran hundumaafis araara haa buusu!

34Kunis seerrata bara baraa isa ittiin waggaatti si'a tokko sababii cubbuu Israa'elootaa hundumaaf araara buuftan isiniif haa ta'u!? jedhe.

34Kunis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti in hojjetame*.[43]

le>