Seera Lewwootaa 17:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo yommus Museedhaan,

2?Ati Aaronitti, ilmaan isaatti, namoota Israa'el hundumaattis wanta ani Waaqayyo abboome kana himi!

3Isaaniin, ?Israa'eloota keessaa namni iddoo buufataatti yookiis iddoo buufataa duubatti aarsaadhaaf sa'a yookiis hoolaa yookiis reettii qale,

4fuula godoo isa kan Waaqayyoo duratti aarsaa godhee Waaqayyoof dhi'eessuudhaaf, gara balbala dunkaana wal ga'iitti utuu hin fidin yoo hafe, yakki dhiigaa isatti haa lakkaa'amu! Inni dhiiga dhangalaaseera, kanaafis namni sun saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu*!

5Kunis Israa'eloonni aarsaa isaanii isa alatti dhi'eessan ol galchanii, balbala dunkaana wal ga'ii duratti gara lubichaatti Waaqayyoof fidanii isaaf aarsaa araaraa godhanii akka dhi'eessaniif ture.

6Lubichis dhiiga qalma sanaa iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo isa balbala dunkaana wal ga'ii jirutti haa facaasu! Moora isaa immoo fooliin isaa akka garaa ciibsutti Waaqayyoof gubee haa aarsu!

7Egaa si'achi sabni kun aarsaa isaanii waaqayyolii tolfamoo bifa re'ootaa qaban[44] warra isaan duukaa bu'uu isaaniitiin itti ejjaniif hin dhi'eessan! Kunis dhaloota hundumaa keessatti seerrata bara baraa isaaniif haa ta'u*!? jedhi![45]

8?Ati isaaniin, ?Isin Israa'eloota keessaa yookiis galaa isin gidduu jiraatu keessaa namni qalma gubamu yookiis aarsaa dhi'eessu tokko,

9qalma yookiis aarsaa Waaqayyoof dhi'eessuudhaaf gara balbala dunkaana wal ga'iitti utuu hin fidin yoo hafe, namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu*![46]

10? ?Isin Israa'eloota keessaa yookiis galaa isin gidduu jiraatu keessaa namni tokko illee dhiiga yoo nyaate, namicha dhiiga nyaate sanatti Waaqayyo gara in gala saba isaa keessaa isa in balleessa? jedhi*!

11Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf, furee kan ta'us dhiiga waan ta'eef, inni furee lubbuu keessanii akka ta'uuf iddoo aarsaa irratti ani Waaqayyo isa isiniif kenneera*.

12Kanaafan namoota Israa'eliin, ?Isin keessaa namni tokko illee dhiiga hin nyaatin! Akkasumas galaa isin gidduu jiraatu keessaa namni tokko illee dhiiga hin nyaatin!? jedhe.

13Akkasumas Israa'eloota keessaa yookiis galaa isaan gidduu jiraatu keessaa bineensa yookiis allaattii nyaatamu kan adamsu tokko dhiiga isa adamsamu sanaa lafatti haa dhangalaasu, biyyoos irra haa deebisu!

14Lubbuun uumama foon uffatee hundinuu dhiiga isaa waan ta'eefan Israa'elootaan, ?Lubbuun uumama hundumaa dhiiga isaa ti waan ta'eef isin dhiiga horii tokko illee hin nyaatinaa! Namni isa nyaatu hundinuu haa balleeffamu![47]

15? ?Dhaloota biyyaa yookiis galaa keessaa namni wanta ofiin du'e yookiis wanta bineensi qabee ajjeesee nyaate, uffata isaa haa miiccatu, ofiis dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu, hamma galgalaattis kan hin qullaa'in haa ta'u! Isa booddee garuu qullaa'aa in ta'a*.

16Uffata isaa yoo miiccachuu dhabaate, dhagna isaas yoo dhiqachuu dhabaate garuu yakka isaatti haa gaafatamu!? jedhi!? jedhe.[48]

le>