Seera Lewwootaa 18:1-30 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo ammas Museedhaan,

2?Namoota Israa'elitti dubbadhu! Isaaniin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Ani Waaqayyo gooftaa keessan;

3akka hojii namoonni biyya Gibxii isa keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa! Akka hojii namoonni biyya Kana'aan isa ani itti isin galchuuf jiru sana keessatti hojjetanis hin hojjetinaa! Akka seerrata isaaniittis hin adeeminaa*!

4Ani Waaqayyo gooftaa keessan waanan ta'eef, isin wanta qajeelaa ta'e isa kan kootii hojjedhaa, seerrata koo eegaatii isaaniin jiraadhaa!

5Ani Waaqayyoo dha; kanaafis isin seerrata koo fi wanta qajeelaa ta'e isa kan kootii isa namni isa eegee ittiin jiraatu egaa*![49]

6? ?Ani Waaqayyoo dha; isin keessaa namni tokko illee fira dhiigaa isaa bira ga'uudhaaf itti hin dhi'aatin!

7Ati haadha kee bira ga'uudhaan abbaa kee hin salphisin! Isheen haadha kee ti, kanaaf ishee bira hin ga'in!

8Haadha manaa abbaa keetii bira ga'uudhaan abbaa kee hin salphisin*!

9Obboleettii kee bira hin ga'in! Intala abbaa keetii yookiis kan haadha keetii, si biratti dhalattus diidatti dhalattus ishee bira hin ga'in*!

10Intala ilma keetii yookiis intala intala keetii bira ga'uun siif salphina waan ta'eef, ishee bira hin ga'in!

11Intalli haadha manaa abbaa keetii isheen abbaan kee dhalche siif obboleettii waan taateef, ishee bira hin ga'in!

12Obboleettiin abbaa keetii isaaf fira dhiigaa waan taateef, ishee bira hin ga'in!

13Obboleettiin haadha keetii isheedhaaf fira dhiigaa waan taateef, ishee bira hin ga'in![50]

14? ?Saala obboleessa abbaa keeiti hin mul'isin! Haadha manaa obboleessa abbaa keetii bira ga'uudhaan isa hin salphisin! Isheen haadha manaa obboleessa abbaa keetii ti!

15Haadha manaa ilma keetii bira hin ga'in! Isheen haadha manaa ilma keetii waan taateef, ati ishee bira hin ga'in*!

16Haadha manaa obboleessa keetii bira ga'uun obboleessa kee salphisuu waan ta'eef, ishee bira hin ga'in*!

17Ati dubartii tokko bira yoo geesse, intala ishee bira immoo hin ga'in! Akkasuma immoo intala ilma isheetii yookiis intala intala isheetii bira hin dhaqin! Isaan firoota dhiigaa ishee waan ta'aniif, kun jal'aa dha.

18Haati manaa kee utuu jirtuu isheetti hinaafsisuudhaaf, obboleettii ishee ishee irratti fuutee bira hin ga'in![51]

19? ?Xuraa'ummaan garaa-dhukkubbii utuu irra jiruu, bira ga'uudhaaf dubartiitti hin dhi'aatin*!

20Haadha manaa namaa bira hin ga'in! Idheedhaa wajjin of hin xureessin*!

21Ani Waaqayyoo dha; ati ijoollee kee keessaa tokko illee Moleek Waaqayyo tolfamaadhaaf aarsuudhaaf ibiddatti dabarsitee hin kennin! Maqaa ana Waaqayyo keetiis hin xureessin*!

22Ati akka nama dubartii wajjin ciisutti dhiiraa wajjin hin ciisin! Kun wanta ciiggaasisaa dha*.

23Ati akka nama dubartii bira ga'utti horii keessaa tokko bira illee geessee wajjin ciisuudhaan of hin xureessin! Dubartiinis horii wajjin ciisuudhaaf of hin kennin! Wanti akkasii kun waliin makuu waan ta'eef yeellaasisaa dha*.[52]

24? ?Egaa isin isaan kana hundumaan of hin xureessinaa! Sabni ani isin duraa oofee baasuudhaaf jedhu akkasitti waan of xureessaniif,

25biyyichi illee in xuraa'e; ani immoo yakka isaatiif isa nan adabe, biyyichis warra isa keessa jiraatan of keessaa in tufe.

26Isin garuu seerrata koo fi wanta qajeelaa ta'e isa kan kootii eegaa! Isin warri biyyaa yookiis galaan isin gidduu jiraatu, wanta ciiggaasisaa ta'e kana keessaa tokko illee hin hojjetinaa!

27Namoonni biyya sanaa warri isin dura turan wanta ciiggaasisaa kana hundumaa hojjetaniiru, biyyichis xuraa'eera.

28Biyyichi warra isin dura ture sana of keessaa akkuma tufe, yeroo isin isa xureessitan, of keessaa akka isin hin tufnetti,

29eenyu iyyuu wanta ciiggaasisaa akkasii yoo godhe, namni kana hojjete saba isaa keessaa haa balleeffamu!

30Ani Waaqayyo gooftaa keessan; ammas amala ciiggaasisaa isin duratti hojjetamaa ture akka hin hojjennetti, isaaniinis akka of hin xureessinetti, wanta ani isin irraa barbaadu eegaa!? jedhi!? jedhe.

le>