1Itti fufees Waaqayyo Museedhaan,
2?Guutummaa waldaa Israa'elitti dubbadhu! Isaaniin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta'e isinis immoo qulqulloota ta'aa*!
3Ani Waaqayyo gooftaa keessan! Isin hundumti keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa! Guyyaa Sanbata kootiis eegaa*!
4Ani Waaqayyo gooftaa keessan! Isin gara waaqayyolii tolfamootti hin gara galinaa! Yookiis wanta baqfamu irraa waaqayyolii hin hojjetatinaa*!
5? ?Aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof yeroo dhi'eessitan, akka isiniif fudhatamutti dhi'eessaa!
6Inni gaafuma isin dhi'eessitan sana yookiis borumtaa isaa haa nyaatamu! Wanti isa irraa hafee guyyaa sadaffaa ga'e garuu ibiddaan haa gubamu!
7Inni guyyaa sadaffaatti yoo nyaatame, ciiggaasisaa dha, hin fudhatamus.
8Namni isa nyaate wanta ana Waaqayyoof qulqullaa'e waan xureesseef, yakka isaatti in gaafatama; namni sun saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu!
9? ?Midhaan lafa keessan irraa yeroo haamtan, hamma timjii maasii keessaniitti hin haaminaa! Qarmii makara keessanii hin funaaninaa*!
10Ani Waaqayyo gooftaa keessan; qarmii ija mukaa iddoo dhaabaa waynii keessanii hin bu'atinaa! Ija isaa isa harca'es hin funaannatinaa! Warra hiyyeessotaa fi warra galaadhaaf dhiisaa!
11? ?Hin hatinaa!
12? ?Ani Waaqayyo keessan; maqaa kootiin sobaan kakachuudhaan maqaa ana Waaqayyo keessanii hin xureessinaa*!
13? ?Nama hin cunqursinaa, isa hin saaminaas! Mindaa nama qacaramee hojjetees hamma borumtaatti of bira hin bulchinaa*!
14? ?Ani Waaqayyoo dha; ati ana Waaqayyo kee sodaadhu malee, nama duudaa hin abaarin, nama jaamaa duras gufuu hin kaa'in*!
15? ?Firdii hin jal'isinaa! Namootaaf qajeeltootti firdii kennaa malee, hiyyeessa ilaaltanii gara isaa hin gorinaa yookiis isa guddaadhaaf hin looginaa*!
16? ?Ani Waaqayyoo dha; saba keessan gidduu asii fi achi adeemtanii hin hamatinaa! Dhiiga namaa dhangalaasuudhaafis irratti hin ka'inaa*!
17? ?Ati garaa keetti obboleessa kee hin jibbin! Dhugumaan nama balleessaa isaa hubachiisi malee, sababii isaatiif cubbuu of irratti hin fidin*!
18? ?Ani Waaqayyoo dha; ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabatin*!
19? ?Isin seerrata koo eegaa! Horii horsiiftan keessatti qomoon garaa garaa wal bira ga'ee akka wal horu hin godhinaa! Maasii keessanitti sanyii gosa lama hin facaasinaa! Wayyaa wanta lama irraa waliin makamee dha'ames hin uffatinaa*!
20? ?Namni xomboree nama kan biraatiif kaadhimatamtee wajjin yoo ciise, isheen hin furamne yookiis birmaduu hin baane yoo ta'e, itti haa gaafatamu! Haa ta'u iyyuu malee, sababii isheen birmaduu hin ba'iniif isaan hin ajjeefamin!
21Namichi garuu aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatu korbeessa hoolaa tokko ana Waaqayyoof balbala dunkaana wal ga'iitti haa fidu!
22Lubni immoo cubbuu inni hojjete sanaaf korbeessa hoolaa aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aate sanaan ana duratti isaaf araara haa buusu! Cubbuun inni hojjete sunis isaaf in dhiifama!
23? ?Isin biyya abdachiifamtanitti galtanii mukkeetii iji isaanii nyaatamu yommuu dhaabdan, ija mukkeetii sanaa akka waan xuraa'aatti
24Waggaa afuraffaatti garuu iji isaa hundinuu aarsaa galataa ana Waaqayyoof qulqullaa'e haa ta'u!
25Ani Waaqayyo gooftaa keessan; waggaa shanaffaatti immoo ija isaa nyaadhaa! Akkasitti wanti isin galfattan in baay'ata.
26? ?Foon dhiigni keessa jiru hin nyaatinaa!
27? ?Rifeensa mataa keessanii naannessitanii illee keessan irraa hin fixinaa, andaara areeda keessaniis haaddanii hin balleessinaa!
28? ?Ani Waaqayyoo dha; warra du'aniif jettanii dhagna keessan hin murmurinaa! Barreessaadhaafis milikkita tokko illee of irratti hin godhatinaa*!
29? ?Biyyichi gaalamootummaatti akka hin gorretti, jal'inaanis akka hin guunnetti, ati gaalamoota ishee gochuudhaan intala kee hin xureessin*!
30? ?Ani Waaqayyoo dha; ati Sanbata koo eegi, iddoo qulqullaa'aa isa kan kootiifis ulfina kenni*!
31? ?Ani Waaqayyo gooftaa kee ti, gara eker-dubbiftuutti hin gara galin, isaaniin xuraa'uudhaafis warra ekeraa dubbisan hin iyyaafatin*!
32? ?Ani Waaqayyoo dha; ati nama mataa harii yommuu argitu ka'iif! Nama dulloomaaf ulfina kenni! Ana Waaqayyo kees sodaadhu!
33? ?Namni galaan sii wajjin biyya kee keessa yoo jiraate, isa hin cunqursin!
34Ani Waaqayyo gooftaa kee ti; namni galaan si bira jiraatu akkuma nama biyyaatti haa ilaalamu! Atis biyya Gibxiitti galaa waan turteef, akkuma ofii keetiitti isa jaalladhu*!
35? ?Firdii, safartuu hojjaa, miijana, wanta baay'inni isaa ilaalamu keessattis jal'ina hin hojjetin!
36Ani Waaqayyo gooftaa kee isa biyya Gibxii si baasee dha; ati madaalii, miijana, eefaa fi hiini qajeelaas qabaadhu*!
37? ?Ani Waaqayyoo dha, ati seerrata koo hundumaa, wanta na duratti qajeelaa ta'e hundumaas eegi, raawwadhus!? jedhi!? jedhe.