1?Namni ana Waaqayyoof kennaa midhaanii yommuu dhi'eessu, daakuu qamadii isa ba'eessa irraa haa dhi'eessu! Inni dhadhaa ejersaa itti naqee ixaanas irra kaa'ee*,
2ilmaan Aaron warra luboota sanatti haa geessu! Luboota sana keessaa inni tokko daakicha isa dhadhaan ejersaa itti nam'e irraa kaballaa tokko, ixaana isaa hundumaa wajjin haa fuudhu! Kun seenaadhaaf akka ta'utti qalma ana Waaqayyoof ibiddaan gubamee fooliin isaa garaa ciibsu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu!
3Kennaan midhaanii inni ana Waaqayyoof ibiddaan gubamuudhaaf dhi'aate irraa hafe sun hundumaa irra qulqullaa'aa waan ta'eef, Aaronii fi ilmaan isaaf haa ta'u*!
4?Kennaa midhaanii isa eelee irratti tolfame, ana Waaqayyoof aarsaa yommuu dhi'eessitu, maxinoo daakuu qamadii ba'eessaa isa dhadhaadhaan sukkuumame yookiis maxinoo haphii dhadhaan irra dibame dhi'eessi!
5Kennaan midhaanii ati dhi'eessitu beddee irratti kan tolfame yoo ta'e, maxinoo daakuu qamadii ba'eessaa isa dhadhaadhaan sukkuumame haa ta'u!
6Inni kennaa midhaanii waan ta'eef, caccabsiitii dhadhaa ejersaa itti naqi!
7Kennaan midhaanii ati dhi'eessitu beddee irratti kan tolfame yoo ta'e, daakuu qamadii ba'eessaa irraa dhadhaa ejersaatiin haa tolfamu!
8Atis kennaa midhaanii isa wanta kana hundumaa irraa ana Waaqayyoof qophaa'e lubichatti dhi'eessi! Lubichi immoo iddoo aarsaatti haa geessu!
9Lubichi kennaa dhi'aate kana irraa aarsaa seenaadhaaf ta'u fuudhee, qalma ana Waaqayyoof ibiddaan gubame, fooliin isaa garaa ciibsu godhee akka ixaanaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu!
10Kennaan midhaanii inni ana Waaqayyoof ibiddaan gubamuudhaaf dhi'aate irraa hafe sun hundumaa irra qulqullaa'aa waan ta'eef, Aaronii fi ilmaan isaaf haa ta'u!
11?Kennaan midhaanii ati anaaf dhi'eessitu raacitii hin qabaatin! Aarsaa ana Waaqayyoof dhi'aatutti raacitii yookiis damma hin naqin!
12Isaan kana akka aarsaa mataa midhaaniitti ana Waaqayyoof in dhi'eessita; garuu akka aarsaa gubamee fooliin isaa garaa ciibsutti iddoo aarsaa irratti hin gubin!
13Kennaa midhaanii kee isa dhi'eessitu hundumaa soogiddaan in miyeessita; kennaa dhi'eessitu keessaa soogidda ittiin ana Waaqayyo kee wajjin kakuu galte hin hambisin! Kennaa kee hundumaatti soogidda naqi*!
14?Ana Waaqayyoof, mataa midhaanii yommuu galchitu midhaan asheetii akaa'amee sukkuumamee qolli irraa ba'e dhi'eessi*!
15Inni kennaa midhaanii waan ta'eef, dhadhaa ejersaa itti naqii ixaanas irra kaa'i!
16Inni aarsaa ana Waaqayyoof ibiddaan gubamu waan ta'eef, lubichi aarsaa seenaadhaaf ta'u, midhaan asheetii sukkuumamaa sana irraa, dhadhaa ejersaa isaa irraas fuudhee, ixaana isaa hundumaa wajjin haa gubu!