1Waaqayyo ammas Museetti dubbatee,
2?Ati namoota Israa'eliin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Namoota Israa'el keessaa, galaa biyya Israa'el keessa jiraatu keessaas namni tokko illee dhala isaa keessaa tokko Moleekiif aarsaa yoo dhi'eesse, mama malee haa ajjeefamu! Namoonni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa rukutan!
3Ani immoo isatti nan gara gala; inni dhala isaa keessaa Moleekiif aarsaa dhi'eessee iddoo koo isa qulqullaa'aa koseessee, maqaa koo isa qulqulluus waan xureesseef, saba isaa gidduudhaa isa nan balleessa.
4Namoonni biyya sanaa yeroo inni dhala isaa keessaa Moleekiif aarsaa dhi'eessu, akka isa hin ajjeefneef achi yoo ilaalan immoo,
5ani namicha sanatti, maatii isaattis nan gara gala; isa, warra isaa wajjin ejjummaadhaaf Moleek duukaa bu'an hundumaas saba isaanii gidduudhaa nan balleessa*.
6? ?Namni anaaf amanamuu dhiisee eker-dubbiftuu duukaa bu'uudhaaf, gara warra ekeraa dubbisan kanaatti yoo gara gale ani isatti nan gara gala, saba isaa keessaas isa nan balleessa*.
7Kanaaf ani Waaqayyo gooftaa keessan waanan ta'eef, addaan ba'aa, qulqullootas ta'aa!
8Seerrata koo eegaa, raawwadhaas! Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessuu dha.
9Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru mama malee haa ajjeefamu! Inni abbaa isaa yookiis haadha isaa waan abaareef, dhiigni isaa mataadhuma isaa irraa haa barbaadamu*!
10? ?Namni tokko haadha manaa nama biraa, haadha manaa ollaa isaa wajjin yoo ejje, inni ejje, isheen ejjites lachuu mama malee haa ajjeefaman*!
11Namni haadha manaa abbaa isaatii bira ga'u qullaa abbaa isaatii mul'isuu isaa ti waan ta'eef, lamaanuu dhugumaan haa ajjeefaman! Dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu*!
12Namni haadha manaa ilma isaatii bira ga'uun haraamuu waan ta'eef, lachuun isaanii mama malee haa ajjeefaman! Dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu*!
13Namni tokko akka nama dubartii bira ga'utti dhiira bira yoo ga'e, isaan lamaanuu wanta ciiggaasisaa waan hojjetaniif, mama malee haa ajjeefaman! Dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu*!
14Namni tokko dubartii tokko, haadha ishees yoo fuudhe kun wanta jal'aa dha; jal'inni tokko illee isin gidduutti akka hin argamnettis inni, dubartoonni lamaanuus ibiddaan haa gubaman*!
15? ?Namni tokko akka nama dubartii bira ga'utti horii bira yoo ga'e, mama malee haa ajjeefamu! Horii sanas isin ajjeesaa!
16Akka dubartii dhiira bira geessutti dubartiin tokko horii bira ga'uudhaaf yoo itti dhi'aatte dubartittii, horii sanas isin ajjeesaa! Isaan mama malee haa ajjeefaman! Dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu*!
17? ?Namni tokko obboleettii isaa, intala abbaa isaa yookiis intala haadha isaa fuudhuun, wal bira ga'uun isaaniis dubbii yeellaasisaa dha; kanaaf isaan ija saba isaanii duratti haa balleeffaman; inni obboleettii isaa waan salphiseef, yakka isaa haa baadhatu*!
18? ?Namni tokko dubartii garaa dhukkubbiin irra jiru bira yoo ga'e, inni burqituu dhiiga ishee qullaatti waan baaseef, isheenis burqituu dhiiga ishee waan mul'ifteef, lamaanuu saba isaanii keessaa haa balleeffaman*!
19? ?Ati obboleettii haadha keetii yookiis obboleettii abbaa keetii bira hin ga'in! Namni kana godhu immoo aantii isaa salphisuu isaa ti; isaan kun yakka isaanii haa baadhatan!
20? ?Namni adaadaa isaa wajjin ciisu saala eessuma isaa mul'isuu isaa ti; kanaaf isaan lamaanuu cubbuu isaanii haa baadhatan, dhala utuu hin godhatinis haa du'an*!
21? ?Namni haadha manaa obboleessa isaa yoo fuudhe, kun wanta xuraa'aa dha; inni saala obboleessa isaa waan mul'iseef, isaan lamaan dhala utuu hin godhatin haa hafan*!
22? ?Isin seerrata koo, wanta na duratti qajeelaa ta'es hundumaa eegaa, godhaas! Biyyi isin akka keessa jiraattaniif ani itti isin geessu kunis bakkeetti isin hin tufu.
23Isin akka amala saba warra ani isin duraa ari'utti hin deddeebi'inaa! Isaan wanta kana hundumaa waan hojjetaniif arguun isaanii na jibbisiise.
24Isiniin garuu:- Ani biyya aannanii fi damma baasu akka qabaattaniif isiniif nan kenna biyya isaanii dhaalaa! jedheera; ani Waaqayyo gooftaa keessan isa saba warra kaan keessaa addaan isin baasee dha*.
25? ?Kanaafis isin bineensota qullaa'anii fi warra hin qullaa'in, simbirrootaa fi allaattota qullaa'anii fi warra hin qullaa'in gidduutti gargar baasaa! Isinis bineensotaan, simbirrootaa fi allaattotaan yookiis waanuma lafa irra munyuuqu isa ani akka xuraa'aatti akka ilaaltaniif gargar isiniif baaseen of hin xureessinaa*!
26Ani Waaqayyo qulqulluu waanan ta'eef, isin kan koo akka taatanitti saba warra kaanittii addaan waanan isin baaseef, isinis immoo qulqulloota ta'aa*!
27? ?Isin gidduudhaa namni ekeraa dubbisu yookiis ekeraa waamu, dhiirris dubartiinis haa ajjeefaman! Isaan dhagaadhaan haa rukutaman, dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu!? jedhi!? jedhe*.