Seera Lewwootaa 21:1-24 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo itti fufee Museedhaan, ?Ati ilmaan Aaron warra lubootatti dubbadhu, ?Waaqayyo akkana jedha:- Lubni tokko illee nama saba isaa keessaa du'etti dhi'aachuudhaan of hin xureessin!

2Garuu aantii isaa, haadha isaa, abbaa isaa, ilma isaa, intala isaa, obboleessa isaa yoo ta'e,

3akkasuma obboleettiin isaa immoo haadhoo isaa durba hin heerumin yoo taate, isaaniif of xureessuu in danda'a;

4garuu geggeessituu ta'ee saba isaa keessaa warra fuudhaaf heerumaan walitti firooman iyyuu yoo ta'e, reeffa isaaniitti bu'ee of hin xureessin*![67]

5? ?Luboonni mataa isaanii hin haaddatin, naannoo areeda isaaniis hin haaddatin! Dhagna isaaniis hin murmurin*!

6Isaan aarsaa ana Waaqayyoof ibiddaan gubamu, nyaata ana Waaqayyo isaanii waan dhi'eessaniif, isaan haa qulqullaa'an! Isaan ana Waaqayyo isaaniif haa qulqullaa'an malee, maqaa koo hin xureessin!

7Luboonni ana Waaqayyo isaaniif qulqullaa'oo waan ta'aniif, isaan dubartii ejjituu, dubartii xureeffamte, ishee abbaa manaa hiiktes hin fuudhin*!

8Kanaaf atis isaan qulleessi! Ani Waaqayyo kanan isin qulleessu qulqulluu waanan ta'eef, isaan immoo buddeena ana Waaqayyo keetii waan dhi'eessaniif, isaan qullaa'oo siif haa ta'an*!

9Intalli luba tokkoo gaalamootummaadhaan yoo of xureessite, maqaa abbaa isheetii xureessuu ishee ti; isheen ibiddaan haa gubamtu![68]

10? ?Lubichi inni obboloota isaa gidduutti angafa ta'e, inni mataa isaa irratti dibanni dhadhaa ejersaa nam'e, uffata lubaa uffachuudhaaf inni addaan baafame sun marata ofittii baasee rifeensa mataa isaa gad hin dhiisin! Uffata isaas hin tarsaasin*!

11Inni iddoo reeffi tokko illee jirutti ol hin galin! Abbaa isaa yookiis haadha isaa yoo ta'e iyyuu achitti ol galee of hin xureessin!

12Ani Waaqayyoo dha; dibanni dhadhaa ejersaa inni kan koo kan Waaqayyo isaatii inni addaan isa baasu isa irra waan jiruuf, inni iddoo isa qulqullaa'aa sana keessaa gad hin ba'in, iddoo qulqullaa'aa isa kan kootii sanas hin xureessin!

13? ?Niitii yeroo fuudhus durba haa fuudhu!

14Inni qomoo isaa keessaa durba haa fuudhu malee, dubartii abbaan manaa irraa du'e, kan abbaa manaa ishee hiikte, kan xureeffamte, ejjituus hin fuudhin!

15Ani Waaqayyo isa kanan qulqulleessu waanan ta'eef, innis saba isaa gidduutti sanyii isaa hin xureessin!? jedhiin!? jedhe.[69]

16Waaqayyo ammas Museedhaan,

17?Ati amma immoo Aaronitti dubbadhuu, ?Waaqayyo akkana jedha:- Dhalootaa hamma dhalootaatti sanyii kee keessaa namni mudaa qabu tokko illee aarsaa buddeenaa ana Waaqayyo isaatiif dhi'eessuudhaaf hin dhufin!

18Namni mudaa tokko illee qabu hin dhi'aatin! Namni jaamaan, namni naafti, namni fuula farquu, namni fafi,

19namni miilla cabaa yookiis harka cabaa,

20namni dugda goophoo, dinkiin, ija isaa irra kan buufate, dhagni isaa kan ciccite, kan cittaa'e, cidhaan isaa kan tumame,

21sanyii Aaron lubichaa keessaa mudaa tokko kan qabu aarsaa ana Waaqayyoof ibiddaan gubamu dhi'eessuudhaaf hin dhufin! Mudaa erga qabaatees aarsaa buddeenaa Waaqayyo isaatiif dhi'eessuudhaaf hin dhufin!

22Haa ta'u iyyuu malee, inni buddeena ana Waaqayyo isaa isa hundumaa irra qulqulluu ta'eef, isa qulqulluu nyaachuu in danda'a*!

23Ani Waaqayyo kanan isaan qulqulleessuu dha; egaa sababii mudaa qabuuf, iddoo qulqullaa'aa koos akka hin xureessineef, golgaa sana keessa hin lixin! Gara iddoo aarsaattis hin dhi'aatin!? jedhiin!? jedhe.

24Museenis kana Aaronitti, ilmaan Aaronitti, guutummaa namoota Israa'elittis in dubbate.[70]

le>