1Waaqayyo yommus Museetti in dubbate;
2?Ani Waaqayyoo dha; Aaronii fi ilmaan isaa maqaa koo akka hin xureessinetti, kennaa qulqullaa'aa namoonni Israa'el anaaf addaan baasanitti akka argan akka hin dhi'aannetti, itti himi!
3Ati isaaniin, Waaqayyo akkana jedha, ?Ani Waaqayyoo dha; dhalootaa hamma dhalootaatti, guutummaa sanyii keessanii keessaa namni tokko seeraan utuu hin qullaa'in wanta qulqullaa'aa namoonni Israa'el ana Waaqayyoof addaan baasanitti yoo dhi'aate, namni sun fuula koo duraa haa balleeffamu! xuraa'ummaan isaas mataa isaatti haa deebi'u!
4? ?Gosa Aaron keessaa namni dhagni isaa lamxi'ame yookiis dhagna isaa keessaa waa dhangala'u hamma qullaa'utti wanta qulqullaa'aa sana irraa hin nyaatin! Namni reeffatti yookiis nama afetaan isaa dhangala'etti bu'uudhaan wanta xuraa'aa tuqe,
5namni wanta lafa irra munyuuqu isa ittiin xuraa'uu danda'u yookiis nama isa xuraa'ummaan irraa itti darbu tuqe, xuraa'ummaan isaa isa kam iyyuu yoo ta'e,
6namni wanta akkasii tokko tuqe hamma galgalaatti xuraa'aa haa ta'u! Dhagna isaa bishaaniin hamma dhiqatutti wanta qulqullaa'aa sana irraa hin nyaatin!
7Yeroo biiftuun lixu inni haa qullaa'u! Isa booddee immoo nyaata biraa waan hin qabneef, wanta qulqullaa'aa sana haa nyaatu!
8Ani Waaqayyoo dha; horiin ofiin du'e yookiis horiin bineensi qabee ajjeese xuraa'aa waan ta'eef, inni isaan kana hin nyaatin*!
9Kanaaf luboonni cubbuu akka isaanitti hin taanetti, yeroo isa xureessanittis akka hin duunetti, wanta ani:- Itti gaafatamtu isaaniin jedhe haa eegan! Ani Waaqayyo isa isaan qulqulleessuu dha!
10? ?Namni biraa wanta qulqullaa'aa sana hin nyaatin! Namni mana lubichaatti galu hojjetaan horiidhaan qacarames wanta qulqullaa'aa kana hin nyaatin!
11Lubni tokko horii isaatiin akka qabeenya isaatti garbicha yoo bitate garuu, garbichichi wanta qulqullaa'aa sana haa nyaatu! Warri mana isaatti dhalatanis nyaata sana haa nyaatan!
12Intalli luba tokkoo nama sanyii lubaa hin ta'initti yoo heerumte, aarsaa sochoofamu isa qulqullaa'aa sana hin nyaatin!
13Garuu intalli luba tokkoo abbaan manaa irraa du'e yookiis gad dhiise, ijoollee hin qabdu yoo ta'e, akka yeroo ijoollummaa isheetti mana abbaa isheetti yoo deebite, nyaata abbaa ishee sana irraa haa nyaattu! Haa ta'u iyyuu malee namni biraa tokko iyyuu hin nyaatin!
14Namni tokko utuu hin beekin wanta qulqullaa'aa sana yoo nyaate, wanta qulqullaa'aa sana iddoo buusee harka shan keessaa harka tokko immoo itti dabalee lubichaaf haa kennu!
15Luboonni wanta qulqullaa'aa namoonni Israa'el ana Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan hin xureessin!
16Ani Waaqayyo isa isaan qulqulleessuu dha; jarri wanta qulqullaa'aa sana nyaachuu isaaniitiin yakka irra-dadarbaa isaanii akka baatan hin godhinaa!? jedhe? jedhi!
17Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
18?Ati Aaronii fi ilmaan isaatti, guutummaa namoota Israa'elittis dubbadhu, ?Waaqayyo:- Namoota Israa'el keessaa tokko yookiis warra Israa'el keessatti galaa ta'anii jiraatan keessaa tokko, wareega baasuudhaaf yookiis aarsaa jaalala isaatiin dhi'eessu isa ana Waaqayyoof gubamu yeroo dhi'eessutti,
19akka isaaf fudhatamutti sa'a keessaa, dibicha mudaa hin qabne hoolaa keessaa yookiis reettii keessaa korbeessa mudaa hin qabne haa dhi'eessu!
20Wanti mudaa qabu garuu isiniif waan hin fudhatamneef, mudaa kan qabu tokko illee hin dhi'eessinaa*!
21Namni tokko wareega isaa baasuuf yookiis aarsaa jaalala isaatiin dhi'eessuuf sa'a keessaa, hoolaa keessaa, reettii keessaas yommuu fidu, aarsaan isaa akka isaaf fudhatamutti mudaa kan hin qabne haa ta'u! Mudaan tokko illee irratti hin argamin!
22Horii jaamaa yookiis cabaa yookiis naafa yookiis madaan isaa kan mala'u yookiis dhagni isaa kan ciccite yookiis citaa'aa ana Waaqayyoof hin dhi'eessinaa! Aarsaa ana Waaqayyoof gubamuu gootanii iddoo aarsaa irra hin kaa'inaa!
23Korma sa'aa yookiis hoolaa many'een isaa tokko gar-malee dheerate yookiis gar-malee gabaabate aarsaa jaalala keessaniin dhi'eessitaniif gochuu in dandeessu; aarsaa wareegaaf garuu fudhatamaa miti.
24Horii kolaafame yookiis tumame yookiis tarsa'e yookiis murame ana Waaqayyoof hin dhi'eessinaa! Biyya keessan keessattis kan akkasii aarsaa hin dhi'eessinaa!
25Horii akkasii nama ormaa harkaa fuutanii gara buddeena ana Waaqayyo keessaniitti hin dhi'eessinaa! Isaan sababii mudaa qabaniif baduu isaanii ti malee, isiniif hin fudhataman? jedhi!? jedhe.
26Waaqayyo ammas Museedhaan,
27?Jabbiin, ilmoon hoolaa yookiis ilmoon reettii yommuu dhalatu guyyaa torba haadha isaa bira haa turu! Guyyaa saddeettaffaadhaa jalqabee aarsaa ana Waaqayyoof gubamuuf fudhatamaa dha*.
28Sa'a yookiis hoolaa haadoo ilmoo ishee wajjin guyyaa tokkicha hin qalinaa!
29Aarsaa galataa ana Waaqayyoof yommuu dhi'eessitan, akka inni isiniif fudhatamutti dhi'eessaa!
30Aarsaan sunis gaafasuma haa nyaatamu! Isa irraas wanta tokko illee borumtaadhaaf hin hambisinaa! Ani Waaqayyoo dha.
31?Ani Waaqayyoo dha; isin akkasitti abboommii koo eegaa, godhaas!
32Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessuu dha; namoota Israa'el gidduutti qulqulluu ta'ee nan ilaalama; isinis maqaa koo isa qulqulluu hin xureessinaa!
33Ani Waaqayyoo dha; ani isa Waaqayyo keessan ta'uudhaaf biyya Gibxiitii isin baasee dha? jedhe*.