1Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
2?Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin, ?Waaqayyo:- Guyyoonni ayyaaneffamuudhaaf ana Waaqayyoof fo'aman, isinis guyyoota wal ga'ii qulqullaa'ootti jettanii kan beeksiftan warra kanatti aananii jiranii dha; guyyoonni koo warri fo'aman kanatti fufanii jiru.
3Guyyaa ja'a hojiin in hojjetama; guyyaa torbaffaan garuu guyyaa Sanbataa ti, guyyaa boqonnaa ti, guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa tis; gaafas waan tokko illee hin hojjetinaa! Inni lafa isin jiraattan hundumaatti Sanbata ana Waaqayyoo ti? jedha? jedhi*!
4Itti fufees, ?Guyyoonni ayyaanaa warri Waaqayyoof fo'aman, guyyoonni wal ga'iin qulqullaa'oon itti waamaman, warri isin yeroo isaan ayyaaneffaman beeksiftan kanatti aananii kan jiranii dha*.
5Faasiikaan Waaqayyoo ji'a isa duraa, ji'ichattiis gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa jalqaba*.
6Ji'a kanattii guyyaan kudha shanaffaan immoo guyyaa ayyaana Maxinoo isa kan Waaqayyoo ti; yommus guyyaa torba maxinoo nyaadhaa!
7Guyyaa isa duraatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa!
8Isin guyyaa torba aarsaa gubamu Waaqayyoof dhi'eessaa! Guyyaan torbaffaan guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa ti; gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!? jedhe*.
9Waaqayyo ammas Museedhaan,
10?Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Yeroo biyya ani isiniif kennu sanatti galtanii midhaan irraa galfattan, bissii mataa midhaan galfattanii gara lubichaatti fidaa!
11Akka isiniif fudhatamuttis lubichi ana Waaqayyo duratti bissii sana haa sochoosu! Inni guyyaa Sanbataa sana booddee ganama isa haa sochoosu*!
12Gaafa bissii sochoofamu sana dhi'eessitan korbeessa hoolaa waggaa tokkoo mudaa kan hin qabne, qalma anaaf gubamu aarsaa dhi'eessaa!
13Aarsaan midhaanii inni isaa wajjiniis daakuu ba'eessa dhadhaa ejersaatiin sukkuumamee, harka kurnan eefaa tokko keessaa harki lama, ibiddaan gubame inni fooliin isaa garaa ciibsu ana Waaqayyoof haa dhi'aatu! Akkasumas kennaan dhugaatii isaa wajjin dhi'aatu daadhii waynii harka afuraffaa hiini tokko haa ta'u!
14Hamma gaafas aarsaa kana ana Waaqayyo keessaniif dhi'eessitanitti immoo buddeena, akaayii midhaanii yookiis asheetii hin nyaatinaa! Kun iddoo jiraattan hundumaatti dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata dhaabataa dha.
15? ?Guyyaa Sanbatatti aanu, guyyaa bissii kennaa sochoofamu fiddan sanaa jalqabdanii torban torba guutuu lakkaa'aa!
16Hamma guyyaa isa Sanbata torbaffaatti aanutti guyyaa shantama lakkaa'aa! Yommus midhaan isa haaraa keessaa kennaa midhaanii ana Waaqayyoof dhi'eessaa!
17Isin iddoo jiraattanii aarsaa sochoofamuuf buddeena lama fidaa! Isaanis daakuu ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harki lama raacitiidhaan tolfamanii mataa midhaanii ana Waaqayyoof dhi'eeffaman haa ta'an!
18Buddeena kanaa wajjinis ilmoolee hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa kan hin qabne torba, tuntunoo tokko, korbeeyyii hoolaa lama dhi'eessaa! Isaan kunis aarsaa midhaanii fi kennaa dhugaatii duukaa kennamuu wajjin aarsaa gubamee fooliin isaa garaa ciibsu ta'anii ibiddaan gubamanii ana Waaqayyoof haa dhi'eeffaman!
19Kana booddee korbeessa reettii tokko aarsaa sababii cubbuutiif akkasumas ilmoolee hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo lama qalma araaraaf dhi'eessaa!
20Lubichi buddeena mataa midhaanii sana ilmoolee hoolaa lamaanii wajjin ana Waaqayyo duratti haa sochoosu! Isaan anaaf aarsaa qulqullaa'oo kan ta'an qooda lubichaa ti.
21Gaafasuma labsaatii wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa! Kun iddoo jiraattan hundumaatti dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata dhaabataa dha*.
22? ?Ani Waaqayyo gooftaa keessan waanan ta'eef, isin lafa keessan irraa yeroo midhaan sassaabbattan, daarii maasii keessan irraa hin sassaabbatinaa! Qarmii midhaan keessaniis warra deegaadhaa fi ormaafis hambisaa malee, keessa deebitanii hin funaaninaa!? jedhi!? jedhe*.
23Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
24?Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa duraa Sanbata godhadhaa! Innis guyyaa seenaa malakanni afuufamee wal ga'iin qulqullaa'aan waamame haa ta'u!
25Gaafas aarsaa ibiddaan gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa malee, hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!? jedhi!? jedhe.
26Waaqayyo ammas Museedhaan,
27?Ji'a torbaffaa kanattii guyyaan kurnaffaan guyyaa araarri bu'uu dha; inni guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa isiniif haa ta'u! Guyyaa sanatti isin soomuudhaan gad of deebisaatii aarsaa ibiddaan gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa!
28Inni guyyaa itti araarri bu'u, guyyaa itti ana Waaqayyo gooftaa keessan duratti araarri isiniif buufamu waan ta'eef, gaafa sana hojii tokko illee hin hojjetinaa!
29Namni gaafas soomuudhaan gad of hin deebifne garuu saba isaa keessaa haa balleeffamu!
30Akkasumas nama guyyaa gaafasii hojii tokko illee hojjete, ani saba isaa keessaa isa nan balleessa.
31Kanaaf gaafas hojii tokko illee hin hojjetinaa! Kun lafa isin jiraattan hundumaatti, dhalootaa hamma dhalootaatti isiniif seerrata dhaabataa dha.
32Kun guyyaa Sanbataa, guyyaa itti boqottan isiniif haa ta'u! Isin soomuudhaan gad of deebisaatii ji'ichattii gaafa guyyaa salgaffaa galgalaa hamma galgala isatti aanee dhufutti guyyaa Sanbata keessanii eegaa!? jedhe*.
33Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
34?Ati namoota Israa'elitti dubbadhu! Isaaniin, ?Waaqayyo:- Ji'a torbaffaa kanattii guyyaa kudha shanaffaadhaa jalqabee guyyaan torba ana Waaqayyoof ayyaana Gordommaa ti.
35Guyyaa inni duraa guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa ti; gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa!
36Guyyaa torbanuu aarsaa ana Waaqayyoof ibiddaan gubamu dhi'eessaa! Guyyaa saddeettaffaatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaatii, aarsaa ibiddaan gubamu anaaf dhi'eessaa! Guyyaan sun guyyaa wal ga'iin ulfina-qabeessi itti godhamu waan ta'eef, gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa*!
37Guyyoonni ayyaanaa warri ana Waaqayyoof fo'aman, aarsaa ibiddaan dhi'aatu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, kennaa garaa garaaaf kennaa dhugaatii adduma addaan guyyaa isaaf kaa'ametti ana Waaqayyoof itti dhi'eessuudhaaf, yeroo wal ga'ii qulqullaa'aa ta'uu isaaniis kan itti beeksiftan isaan kana.
38Isaan kun immoo guyyoota Sanbata koo, guyyoota kennaa keessan garaa garaa, guyyoota aarsaa wareega keessanii, guyyoota aarsaa fedha keessaniin ana Waaqayyoof dhi'eessitan hundumaa irratti kan dabalamanii dha.
39? ?Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha shanaffaatti, wanta laficha irraa argattan yeroo galfattanitti, ayyaana guyyaa torbaa ana Waaqayyoof ayyaaneffadhaa! Guyyaa duraatti guutummaatti boqonnaan haa ta'u! Akkasuma guyyaa saddeettaffaatti raawwatee boqonnaan haa ta'u*!
40Isin guyyaa duraa sanatti ija mukkeetii gaggaarii, damee muka meexxii, damee mukkeetii baala-qabeeyyii, alaltuu bishaan qarqaraas fudhadhaatii fuula ana Waaqayyo gooftaa keessanii duratti guyyaa torba gammadaa*!
41Waggaa waggaatti ayyaana guyyaa torbaa ana Waaqayyoof ayyaaneffadhaa! Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata bara baraa isiniif haa ta'u! Ji'a torbaffaa keessa isa ayyaaneffadhaa!
42Guyyaa torbaaf gordommaa keessa taa'aa! Dhalootaan nama Israa'el kan ta'e hundinuu gaaddisa gordommaa keessa haa taa'u!
43Kunis saba Israa'el biyya Gibxiittii yommuun baase gordommaa keessa akkan isaan jiraachise dhaloonni keessan akka beekuuf ta'a jedha? jedhi! Ani Waaqayyo gooftaa keessan? jedhe.
44Museen akkasitti guyyoota ayyaanaa warra Waaqayyoof fo'aman namoota Israa'elitti in beeksise.