1Waaqayyo ammas Museedhaan,
2?Ibsaan yeroo hundumaa akka boba'utti namoonni Israa'el cuunfaa ejersaa isa calalamaa akka siif fidaniif ajaji*!
3Aaron dunkaana wal ga'ii keessatti, golgaa dhuga-baatuu sanaa duubatti galgalaa hamma ganamaatti ibsicha yeroo hundumaa ana Waaqayyo duratti toora galchee haa eegu! Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata bara baraa haa ta'u!
4Inni baattuu ibsaa warqee qullaa'aa irraa hojjetame sana irratti ibsicha toora galchee yeroo hundumaa ana duratti haa eegu!
5?Ati daakuu fuudhiitii bixxillee tokkon tokkon isaa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lamaan tolfamu kudha lama tolchi!
6Isas gabatee warqee qullaa'aa irraa hojjetame irratti tarree lamaan ja'a ja'aan toora galchitee fuula koo dura in keessa*.
7Toora adda addaa sana irra ixaana qullaa'aa kaa'i! Innis qooda buddeenichaa seenaadhaaf akkasumas aarsaa ibiddaan gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatu haa ta'u!
8Inni guyyaa Sanbataa hundumaatti ana Waaqayyo duratti yeroo hundumaa toora haa galchu! Kun namoota Israa'eliif kakuu bara baraa ti.
9Aarsaan kun kan Aaronii fi kan ilmaan isaatii ti; aarsaa ibiddaan gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatu keessaa qooda isaa isa hundumaa irra qulqullaa'aa erga ta'ee, iddoo qulqullaa'aatti haa nyaatan! Kun seerrata bara baraa ti? jedhe*.
10Kunoo namichi haati isaa durba Israa'el, abbaan isaa immoo nama Gibxii ta'e tokko, namoota Israa'el gidduu in adeema ture; ilmi dubartii Israa'el sunii fi namni Israa'el tokko iddoo buufataa sana keessatti wal lolan.
11Ilmi dubartii Israa'el sanaa maqaa gooftaa arrabsuudhaan in salphise; isaan immoo gara Museetti isa in geessan; haati isaa intala Dibrii nama gosa Daan keessaa ti; maqaan ishee ?Shelomiit? jedhama.
12Isaan immoo hamma afaan Waaqayyoo irraa isaanitti beeksifamutti, akka inni eegamu in godhan*.
13Waaqayyo yommus Museedhaan,
14?Isa abaare sana iddoo buufataa keessaa gad baasaa! Warri abaaruu isaa dhaga'an hundinuus kana dhugaa ba'uudhaaf harka isaanii mataa isaa irra haa kaa'an! Kana booddees guutummaan waldaa sanaa dhagaadhaan isa haa rukutu*!
15Akkasumas namoota Israa'elitti dubbadhu, Waaqayyo, ?Namni ana Waaqayyo isaa abaaru cubbuu isaatti haa gaafatamu!
16Namni maqaa ana Waaqayyo arrabsuudhaan salphisu haa ajjeefamu! Guutummaan waldaa sanaa dhagaadhaan isa haa rukutu! Namni galaannis akkuma nama biyyaatti yeroo maqaa gooftaa arrabsuudhaan salphisu dhugumaan haa ajjeefamu*!
17Namni nama ajjeesu innis dhugumaan haa ajjeefamu*!
18Namni horii rukutee ajjeesu fakkaattii horii sanaa iddoo haa buusu*!
19Namni tokko nama yoo miidhe, wanti inni godhe isa irrattis haa godhamu!
20Cabni cabaan, iji ijaan, ilkaan ilkaaniin ijaa haa baafamu! Akkuma inni mudaa namatti godhe akkasuma mudaan isatti haa godhamu*!
21Namni horii yoo ajjeese iddoo isaa haa buusu! Namni nama ajjeese garuu haa ajjeefamu!? jedhi!
22Ani Waaqayyo gooftaa keessan waanan ta'eef, nama galaadhaa fi warra biyyaatiifis seerri tokkichuma isiniif haa ta'u!? jedhe.
23Museen isa kana namoota Israa'elitti in hime; isaanis namicha isa abaare sana iddoo buufataa keessaa baasanii, dhagaadhaan isa in rukutan; akkasitti namoonni Israa'el akkuma Waaqayyo Musee abboome in godhan.