1Waaqayyo tulluu Siinaa irratti Museetti in dubbate.
2Inni, ?Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Biyya ani isiniif kennu sanatti yommuu galtan, isin achitti Sanbata koo yaadadhaa!
3Waggaa ja'a maasii keessanitti sanyii facaafadhaa! Akkasumas waggaa ja'a dhaabaa waynii keessan qeexa'adhaa, ijas isaa walitti qabaatii galfadhaa!
4Waggaan torbaffaan garuu biyyichaaf waggaa boqonnaa, waggaa ana Waaqayyoof addaan baafame haa ta'u! Waggaa sana maasii keessanitti sanyii hin facaafatinaa, dhaabaa waynii keessanis hin qeexa'inaa!
5Inni lafichaaf waggaa boqonnaa haa ta'u! Wanta maasii keessan keessatti ofiin biqilu immoo isin hin haamatinaa, ija waynii keessanii isa jala hin hojjetamanis hin ciratinaa!
6Wanti waggaan boqonnaa lafichaa baasu isinii fi garboota keessaniif, xomboreewwan keessaniif, nama horiidhaan qacaramee isiniif hojjetuu fi alagaa yeroodhaaf isin bira taa'uufis nyaataaf in ta'a.
7Wanti inni baasu hundinuu horii keessanii fi bineensa biyya keessan keessa jiruufis nyaata haa ta'u*!
8? ?Isin Sanbata waggootaa torba, waggaa torba si'a torba lakkaa'adhaa! Barri Sanbata waggootaa torbanis waggaa afurtamii sagal isiniif in ta'a.
9Yommus ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kurnaffaatti fiinoo afuufaatii milikkita kennaa! Guyyaa araarri godhamu sanatti guutummaa biyya keessanii keessatti fiinoon haa afuufamu*!
10Isin waggaa shantammaffaa qulqulleessaa, isattis namoota biyyicha keessa jiraatanii fi guutummaa biyyichaatti birmadummaa labsaa! Inni ayyaana waggaa shantammaffaa ?Iyobeeliyu? isiniif haa ta'u! Isin keessaa namni hundinuu gara araddaa isaatii fi gara maatii isaatti haa deebi'u*!
11Inni ayyaana waggaa shantammaffaa (Iyoobeeliyu) isiniif haa ta'u! Waggaa sana keessa hin facaasinaa, wanta ofii isaatiin biqilus hin haaminaa, ija waynii jala hin hojjetamanis walitti hin qabatinaa!
12Ayyaanni waggaa shantammaffaa isiniif (Iyobeeliyu) qulqullaa'aa waan ta'eef, wanta maasii keessaa argamu barakata isaa nyaadhaa!
13? ?Waggaa shantammaffaa ayyaaneffamu kana keessa isin nama adduma addaan gara araddaa isaatti deebisaa!
14Isin lafa yoo walitti gurgurtan yookiis wal irraa yoo bittan wal hin daginaa!
15Isin akka baay'ina lakkoobsa waggoota ayyaana waggaa shantammaffaa isa itti aanutti shallagaatii namoota biyya keessanii irraa bitaa! Isaanis akka lakkoobsa waggoota midhaan irraa galfachuu dandeessaniitti shallaganii isinitti haa gurguran!
16Wanti isaan isinitti gurguran lakkoobsa waggaa isin midhaan irraa galfattaniin waan ta'eef, waggaan isaa baay'ee yoo ta'e isin gatii isaa dabalaa! Waggaan isaa muraasa yoo ta'e immoo isin gatii isaa irraa cabsaa!
17Ani Waaqayyo gooftaa keessan; isin kana keessatti ana Waaqayyoon sodaadhaa malee wal hin daginaa!
18? ?Isin seerrata koo, wanta na duratti qajeelaa ta'es eegaatii hojjedhaa! Biyyicha keessas nagaatti in jiraattu*.
19Lafichi wanta ija godhatu isiniif in laata, isin hamma quuftanitti nyaattanii, achi keessa nagaatti in jiraattu.
20Isin:- Waggaa torbaffaatti hin facaafnu, midhaan keenya sassaabnee hin galfannu erga ta'ee, bara sana maal nyaanna ree? in jettu ta'a;
21yommus lafichi waggaa ja'affaatti midhaan waggaa sadiif ta'u akka kennuuf, ani eebba koo isiniif nan erga*.
22Waggaa saddeettaffaatti yeroo facaaftan, midhaan isa duraa sana in nyaattu; hamma waggaa salgaffaa yeroo midhaanichi haaraan galutti isuma duraa sana in nyaattu.
23? ?Lafichi kan koo waan ta'eef, isin immoo galaadhaa fi warra yeroodhaaf lafa koo irra teessan waan taataniif, lafichi gurguramee achiin hafuun irra hin jiru*.
24Guutummaa biyya dhuunfaa keessanii keessatti wanta ittiin laficha furattan qabaadhaa!
25? ?Isin warra Israa'el keessaa tokko hiyyoomee araddaa isaa yoo gurgure, aantiin isaa dhufee wanta obboleessi isaa gurgure sana haa furu!
26Aantii isaaf furu kan hin qabne immoo ofii isaatii wanta fure sanaaf isa ga'u yoo argate,
27erga itti gurguree kan waggoota darbanii lakkaa'ee, wanta isa irraa hafu namichaaf haa baasu, ofii immoo araddaa isaatti haa deebi'u!
28Deebisee fudhachuudhaaf kan isa ga'u of harkaa yoo dhabe garuu, araddaan inni gurgure sun hamma ayyaana waggaa shantammaffaa isa itti aanutti isuma bitate harka in tura; ayyaana waggaa shantammaffaa sanatti isa harkaa in ba'a; namichis araddaa isaatti in deebi'a.
29? ?Namni tokko mandara dallaa dhagaa qabu keessaa mana taa'umsa isaatii yoo gurgure, erga gurguree booddee guutummaa waggaa tokko keessatti furachuu in danda'a; waggaa sana guutuu keessatti haa furatu!
30Guutummaa waggaa sanaa keessatti yoo furamuu dhaabaate garuu, manichi mandara dallaa dhagaa qabu keessa jiru sun namicha bitate sanaaf, sanyii isaatiifis in hafa; ayyaana waggaa shantammaffaattis hin deebifamu!
31Manneen gandeen warra dallaa dhagaa hin qabne keessaa immoo akka maasii biyya kessaatti lakkaa'amanii, haa furaman! Ayyaana waggaa shantammaffaattis gad haa dhiifaman!
32Haa ta'u iyyuu malee, warri Lewwootaa manneen warra mandara isaaniif kenname keessa jiran, yeroo fedhetti iyyuu furachuu in danda'u.
33Israa'el keessatti manneen mandaroota warra Lewwootaa keessa jiran qabeenya isaanii waan ta'aniif in furatu; Lewwoota keessaa tokko yoo furachuu dhabaatte iyyuu, manichi mandara dhuunfaa isaanii keessaa sun yeroo ayyaana waggaa shantammaffaatti gad haa dhiifamu!
34Lafti walii wajjin horii irra deechifatan, inni naannoo mandara isaanii garuu qabeenya isaanii ta'ee waan hafuuf hin gurguramin*!
35? ?Isin warra Israa'el keessaa tokko isin gidduudhaa hiyyoomee of gargaaruu yoo dadhabe, isin isa gargaaraa! Inni akka nama galaatti akka nama lafa keessan irra taa'uttis isin bira haa jiraatu*!
36Isin ana Waaqayyo keessan sodaadhaa! Obboleessi keessan isin bira akka jiraatutti hiiqii yookiis bu'aa gar-malee isa irraa hin fudhatinaa!
37Horii keessan hiiqiidhaaf hin liqeessinaaf, midhaan keessanis dhalatti hin kenninaaf*!
38Ani Waaqayyo gooftaa keessan isa biyya Kana'aan isiniif kennuudhaaf, Waaqayyo keessanis ta'uudhaaf, biyya Gibxii isin baasee dha.
39? ?Isin warra Israa'el keessaa tokko isin gidduudhaa hiyyoomee isinitti yoo of gurgure, isin akka garbichaatti isa hin hojjechiifatinaa!
40Inni isin biratti akka nama horiidhaan qacaramee hojjetuu, akka nama lafa keessan irra taa'uus haa ta'u! Hamma ayyaana waggaa shantammaffaattis isiniif haa hojjetu!
41Kana booddee inni ijoollee isaa wajjin isin biraa ba'ee gara maatii isaatti, gara araddaa abboota isaattis haa deebi'u!
42Isaan hojjetoota koo warra ani biyya Gibxiitii baase waan ta'aniif, akka garbaatti hin gurguramin!
43Isin ana Waaqayyo keessan sodaadhaa malee, gara-jabinaan isa hin bulchinaa*!
44Garboota dhiiraa fi dubartii qabaachuudhaaf immoo, dhiiras dubartiis saba naannoo keessan jiran keessaa bitachuu in dandeessu.
45Akkasumas ijoollee warra isin bira jiraatanii lafa keessan irra taa'anii, maatii isaanii warra isin bira jiraatanii biyya keessan keessatti ijoollee godhatanii keessaas bitachuu in dandeessu; isaanis qabeenya keessan haa ta'an!
46Isin booddeedhaan ijoollee keessaniif dhaala bara baraa gootanii isaan kennuufii, garbas isaan godhachuu in dandeessu; obboloota keessan Israa'eloota garuu gara-jabinaan hin bulchinaa!
47? ?Namni galaanni yookiis namni lafa keessan irra taa'u tokko yoo soorome, isin warra Israa'el keessaa tokko immoo isa biraa hiyyoome nama ormaa isin gidduu jiru tokkotti yookiis maatii isa ormaa sana keessaa nama dhalate tokkotti yoo of gurgure,
48inni erga of gurguree iyyuu furamuu in danda'a; obboloota isaa keessaa tokko, isa furuu in danda'a;
49wasiilli isaa, ilmi wasiila isaa, aantii isaa keessaa tokko, maatii isaa keessaa firri dhiigaa tokko isa furuu in danda'a; yookiis immoo innumti horii yoo argate of furuu in danda'a.
50Inni waggaa itti namichatti of gurgure sanaa jalqabee hamma ayyaana waggaa shantammaffaatti namichaa wajjin yeroo isaa haa lakkaa'atu! Gatiin furee isaatiis akka lakkoobsa waggichaatti in ta'a; yeroon inni namicha bitate sana bira ture immoo akka kan isa qacaraa horiitiin hojjeteetti ilaalamee in shallagama.
51Waggaa baay'een hafee yoo jiraate garuu gatii inni ittiin of gurgure sana keessaa hammi lakkoobsa waggaa hafe sanaa shallagame furee isaatiif in baafama.
52Hamma ayyaana waggaa shantammaffaatti waggaan hafee jiru muraasa yoo ta'e immoo isa lakkaa'ee, akka waggaa inni namichaaf hojjechuun irra jiruutti furee isaatiif horii in baasa.
53Inni akka nama waggaadhaa gara waggaatti qacaraa horiitiin hojjetuutti namicha bira in tura; namichi gara jabinaan akka isa hin bulchinetti ilaaluutu isin irra jira!
54Karaa kanaan yoo furamuu dhabaate immoo inni ijoollee isaatii wajjin ayyaana waggaa shantammaffaatti gad haa dhiifamu!
55Isin namoonni Israa'el hojjetoota koo ti; isin hojjetoota koo warra ani biyya Gibxii baasee dha; ani immoo Waaqayyo gooftaa keessan? jedhi!? jedhe.