1Waaqayyo itti fufee, ?Ani Waaqayyo gooftaa keessan waanan ta'eef, isin waaqayyolii tolfamoo hin hojjetatinaa, bifa qirixame, utubaa dhagaa isa qulqullaa'aatti ilaalamus hin dhaabatinaa! Isin dhagaa bifni itti baafameef sagaduudhaaf biyya keessan keessa hin dhaabinaa*!
2Ani Waaqayyoo dha; isin Sanbata koo eegaa, iddoo koo isa qulqullaa'aadhaafis ulfina kennaa*!
3?Isin akka seerrata kootti yoo deddeebitan, abboommii koos yoo eegdan, akka isaattis yoo hojjettan,
4yommus ani immoo bokkaa koo yeroo isaatti isiniif nan kenna; lafichi barakata isiniif in kenna, mukkeetiin bakkees ija in godhatu*.
5Siribsiisaan midhaan keessanii hamma yeroo iji waynii ciramutti in tura, ija waynii ciruun keessanis hamma yeroo sanyiin facaafamutti in tura; isin wanta nyaachuu barbaaddan hundumaa in qabaattu, biyya keessan keessas nagaatti in jiraattu*.
6Ani biyyicha keessatti nagaa nan buusa, isinis in boqottu, wanti isin sodaachisus hin jiru; ani bineensa hamaa biyyicha keessaa nan baasa, billaanis biyya keessanitti hin dhufu*.
7Isin diinota keessan in ariitu, isaan immoo isin duratti billaadhaan in kukkufu.
8Shanan keessan nama dhibba, dhibbi keessan immoo nama kuma kudhan in ariitu; diinonni keessanis isin duratti billaadhaan in kukkufu*.
9?Ani gara keessan nan ilaala; akka hortan, akka baay'attanis nan godha; kakuun isinii wajjin gales nan cimsa*.
10Isin isa dur dilbii keessan in nyaattu, midhaan isa haaraadhaaf iddoo baasuuf jettaniis isa dilbii gad in baaftu.
11Ani iddoo buufata koo isin gidduu nan godhadha, ani isin hin ciigga'u.
12Isin gidduu nan deddeebi'a, Waaqayyo keessanis nan ta'a, isin immoo saba koo in taatu*.
13Ani Waaqayyo gooftaa keessan isa akka isin warra Gibxiif garboota taatanii hin hafnetti biyya Gibxii isin baasee dha; ani hidhaa waanjoo keessanii kutee ol qajeeltanii akka adeemtan godheera*.
14?Isin anaaf dhaga'uu diddanii, akka abboommota kana hundumaattis yoo hojjechuu dhabaattan,
15seerrata koo yoo tuffattan, wanta ana duratti qajeelaa ta'e yoo ciiggaatan, akka abboommii koo hundumaatti hojjechuu diddanii kakuu koo yoo cabsitan,
16ani immoo wanta kanatti aanee jiru isin irratti nan raawwadha; naasuu, dhukkuba sombaa, dhagna gubaa warra agartuu balleessanii jireenya namaa gogsan isin irratti nan erga; isin akkasumaan sanyii facaaftu, garuu diinota keessantu nyaata.
17Isinitti dheekkamuudhaaf fuula koo gara keessanitti nan deebisa, isin diinota keessan duratti in rukutamtu; warri isin jibban isin irratti in mo'u; utuu namni isin hin ari'inis in baqattu.
18Kanuma irratti iyyuu isin yoo anaaf dhaga'uu dhabaattan, sababii cubbuu keessaniif harka torba itti naannessee isin nan adaba.
19Humna keessan isa isin ittiin kortan nan cabsa; bantii waaqaa keessan akka sibiilaa, lafa keessanis akka sibiila borrajjii nan godha*.
20Lafti keessan midhaan waan hin baafneef, mukkeetiin biyyichaas ija waan hin godhanneef, humni keessan akkasumaan lafatti in bada.
21?Isin adeemsa keessaniin yoo anaan cigaaddan anaaf dhaga'uus yoo diddan, ani immoo akka cubbuu keessaniitti dha'icha harka torba itti naannessee isinitti nan fida.
22Bineensota caakkaa warra ijoollee malee isin hambisan, isin gidduutti gad nan dhiisa; isaan horii qe'ee keessan in balleessu; lakkoobsi keessan in muraasata, karaan keessanis in ona*.
23?Wanta kanaanis gara kootti deebi'uu diddanii adeemsa keessaniin yoo anaan cigaaddan,
24anis immoo adeemsa kootiin isiniin nan morma; ani sababii cubbuu keessaniif harka torba itti naannessee isin nan rukuta*.
25Billaa isa kakuu sanaaf ijaa baafatu isinitti nan fida; yeroo isin mandaroota keessan keessatti walitti qabamtan immoo dha'icha isin gidduutti nan erga, harka diinaattis dabarfamtanii in kennamtu*.
26Yeroo ani midhaan isin irraa kutu immoo dubartoonni kudhan eelee tokkotti buddeena keessan in tolchu; buddeenuma keessan immoo safaraan deebisanii isiniif in kennu; isinis in nyaattu, garuu hin quuftan*.
27?Isin isa kanaanis gara kootti deebi'uu diddanii, adeemsa keessaniin anaan yoo cigaaddan immoo,
28ani aariidhaan isiniin mormuuf isinitti nan dhufa; ani sababii cubbuu keessaniif harka torba itti naannessee isin nan adaba.
29Isin foon ilmaan keessanii fi foon intaloota keessanii in nyaattu*.
30Iddoo sagadaa keessan warra ol ka'oo nan balleessa, iddoo aarsaa ixaana keessaniis nan caccabsa; reeffa keessanis reeffa waaqayyolii tolfamoo keessanii irra nan tuula, isin nan ciigga'as*.
31Mandarri keessan akka diigamu, iddoon qulqullaa'aan keessanis akka badu nan godha; foolii aarsaa keessanii isa urgaa'aas hin fudhadhu.
32Diinonni keessan warri biyyicha keessa jiraatan akka dinqifatanitti, ani biyyicha nan onsa.
33Saba warra kaan keessa isin nan bittimsa, billaa luqqifadhees isin duukaa nan bu'a; biyyi keessan in bada, mandarri keessanis onaa in ta'a.
34?Yommus lafichi utuu isin biyya diinota keessanii jirtanii hamma onee taa'u sana Sanbata isaatti in gammada; akkasitti biyyichi aara in galfata, Sanbata isaattis in gammada*.
35Aara-galfannaa isa yeroo isin keessa jirtan Sanbata keessanitti hin argatin, hamma onee taa'u sanatti in argata.
36Isin keessaa warra hafan immoo, biyya diinota isaanii keessatti wanta isaan sodaachisu, laafina isaanitti nan erga; sagaleen baala qilleensi fuudhuu isaan in ari'a; akka nama billaa jalaa baqatutti in baqatu, utuma namni isaan ari'uu duukaa hin jiraatin in kukkufu.
37Namni isaan ari'u utuu isaan duukaa hin jiraatin akka waan billaa jalaa baqataniitti walii isaanii in gufatu; isinis diinota keessan dura dhaabachuudhaaf humna hin argattan.
38Isin saba warra kaan keessatti in dhumtu, biyyi diinota keessaniis xaph isin in godha.
39Isin keessaa warri hafan immoo sababii yakka isaaniitiif biyya diinota keessanii keessatti yeelalanii in dhumu; sababii yakka abboota isaaniitiifis akkuma isaanii yeelalanii in dhumu*.
40?Haa ta'u iyyuu malee yakka isaanii, yakka abboota isaanii isa isaan ittiin irra-daddarbanii na yakkan, isa adeemsa isaaniitiin anaan cigaadanis yoo himatan*,
41isa anis adeemsa kootiin akkan isaaniin mormu, biyya diinota isaaniittis akka isaan galan godhe sana, yoo beeksifatan, yaadni garaa isaanii inni dhagna hin qabamin yoo gad of deebise, isaanis adaba yakka isaanii yoo fudhatan*,
42yommus ani kakuu koo isa Yaaqoobii wajjinii, kakuu koo isa Yisihaqii wajjinii, kakuu koo isa Abrahaamii wajjiniis nan yaadadha, biyyichas nan yaadadha*.
43Biyyichi garuu sababii isaan irraa adeemaniif onaa ta'e, lafa isaan hin jirretti Sanbata isaatti gammaduun irra jira; isaan immoo sababii wanta na duratti qajeelaa ta'e tuffatanii, seerrata koo ciigga'aniif, adaba yakka isaanii fudhachuun irra jira.
44?Kana hundumaa keessaa immoo ani Waaqayyo gooftaa isaanii waanan ta'eef, ani isaan tuffadhee, isaan ciigga'es yeroo isaan biyya diinota isaanii keessa jiranitti isaan hin fixu; kakuun isaanii wajjin qabus hin cabsu*.
45Yommus kakuu koo isa ani abboota isaanii warra utuu sabni warri kaan ilaalanii biyya Gibxii baasee Waaqayyo isaanii ta'uudhaaf kakadheef nan yaadadha; ani Waaqayyoo dha? jedhe*.
46Isaan kun seerrata, wanta qajeelaa ta'ee fi seera warra Waaqayyo ofii isaa fi namoota Israa'el gidduutti dhaabe, tulluu Siinaa irratti harka Museetti kennee dha.