1Waaqayyo ammas Museetti dubbatee,
2?Ati namoota Israa'elitti dubbadhuu isaaniin, ?Waaqayyo akkana jedha:- Namni tokko namoota ana Waaqayyoof addaan baasuudhaaf wareegee, shallagaa keetti yoo fide,
3dhiirri waggaa digdamaa hamma jaatamaatti jiru, meetii akka madaalii godoo qulqullaa'aatti sheeqelii shantama haa ta'u!
4Dubartii yoo ta'e immoo, shallagaan kee sheeqelii soddoma haa ta'u!
5Nama waggaa shanii hamma waggaa digdamaaf immoo shallagaan kee dhiiraaf sheeqelii digdama, durbaaf sheeqelii kudhan haa ta'u!
6Mucaa ji'a tokko hamma waggaa shaniitiif, shallagaan kee dhiiraaf meetii sheeqelii shan, durbaaf meetii sheeqelii sadii haa ta'u!
7Nama waggaa jaatamaaf kan isa gara irraaf immoo, shallagaan kee dhiiraaf sheeqelii kudha shan, dubartiif sheeqelii kudhan haa ta'u!
8Namichi wareege sun hiyyeessa ta'ee shallagaa kee kana yoo baasuu dadhabe garuu, nama wareegame sana fuula lubaa duratti haa dhi'eessu! Lubichi isa haa shallagu! Innis akka humna namicha wareege sanaatti haa shallagu!
9? ?Wareegichi horii akka aarsaatti ana Waaqayyoof dhi'eessan yoo ta'e immoo, horii qulqullaa'aa isa namni anaaf aarsaa godhee dhi'eessuu danda'u haa ta'u!
10Namichi wareege sun qooda isa gaarii isa gadhee, qooda isa gadhees isa gaarii iddoo hin buusin yookiis hin geddarin! Horii horiidhaan yoo geddare garuu, inni geddaramu, inni iddoo isaa bu'us lachanuu kan koo haa ta'an!
11Horii qullaa'aa hin ta'in isa namni ana Waaqayyoof aarsaa godhee dhi'eessuu hin dandeenye yoo ta'e immoo namichi horii sana lubicha duratti haa dhi'eessu!
12Lubichi immoo horichi gaarii yookiis gadhee ta'uu isaa ilaalee haa shallagu! Akkuma lubichi itti shallages haa ta'u!
13Namichi furachuu yoo barbaade garuu, gatii inni itti shallagame sanatti harka shan keessaa horii harka tokko itti haa dabalu*!
14? ?Namni tokko manni isaa ana Waaqayyoof qulqulluu akka ta'utti addaan yoo baase, manichi gaarii yookiis gadhee ta'uu isaa lubichi ilaalee haa shallagu!
15Inni addaan baase sun mana isaa furachuu yoo barbaade, gatii inni itti shallagame sanatti harka shan keessaa horii harka tokko itti dabalee, haa deebifatu!
16? ?Namni tokko maasii dhaala isaatii irraa gar tokko ana Waaqayyoof addaan yoo baase, humna sanyii itti faca'uutiin isa in shallagda; sanyiin itti faca'u garbuun safartuu omeer tokko yoo ta'e, meetii sheeqelii shantamatti in shallagama.
17Namichi maasii isaa ayyaana waggaa shantammaffaatii jalqabee addaan baase yoo ta'e, gatiin itti shallagame guutummaatti dhaabataa in ta'a.
18Maasicha anaaf addaan baasuun isaa ayyaana waggaa shantammaffaa booddee yoo ta'e garuu, lubichi hamma ayyaana waggaa shantammaffaa isa itti aanee dhufuutti waggoonni meeqa akka hafan ilaalee, humna horii waggoota sanaatti itti in shallaga; akkasitti isa dura guutummaatti shallagame irraa in caba.
19Inni maasicha ana Waaqayyoof addaan baase sun isa furachuu yoo barbaade, horii isatti shallagame sanatti harka shan keessaa harka tokko dabalee, maasicha haa deebifatu!
20Namichi maasicha yoo furachuu dhabaate yookiis maasicha nama biraatti yoo gurgure garuu, maasichi deebi'ee furamuu hin danda'u!
21Haa ta'u iyyuu malee, maasichi ayyaana waggaa shantammaffaatti yeroo gad dhiifamu, akka maasii addaan baafameetti, ana Waaqayyoof haa qulqullaa'u! Qabeenya lubichaas haa ta'u!
22Namichi maasii dhaalaan qabeenya isaa ta'e keessaa utuu hin ta'in, maasii bitate anaaf addaan baase yoo ta'e immoo,
23lubichi hamma ayyaana waggaa shantammaffaatti lakkaa'ee haa shallagu; namichis hamma itti shallagame sana wanta ana Waaqayyoof qulqullaa'e godhe gaafasuma haa kennu!
24Ayyaana waggaa shantammaffaatti maasichi namicha isa duraan dhaalaan qabate erga turee booddee irraa bitame sanaaf haa deebi'u!
25Shallagaan kee hundinuu akka madaalii godoo qulqullaa'aatti haa ta'u! Akkasitti sheeqel tokko geraa digdama in ta'a.
26? ?Haa ta'u iyyuu malee, angafni kan koo waan ta'eef, horii keessaa angafa ta'ee kan dhalatu namni tokko iyyuu addaan hin baasu; kan sa'aas, kan hoolaas yoo ta'e inni kan koo ti*.
27Angafa horii isa hin qullaa'inii yoo ta'e immoo gatii ati itti shallagdeen deebisee haa furatu! Harka shanan gatii isaa keessaa harka tokko itti haa dabalu! Inni yoo furachuu dhabaates gatii ati shallagdetti haa gurguramu!
28? ?Wanti namni waanuma qabu keessaa akka hin tuqamne godhee ana Waaqayyoof addaan baasu, nama, horii, maasii dhaala isaa keessaas yoo ta'e tokko illee hin gurguramin, hin furaminis! Wanti akka hin tuqamne godhamee kenname hundinuu waan hundumaa irra ana Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha*.
29Akka hin tuqamnetti namoota gidduudhaa anaaf kan addaan baafame tokko illee hin furamin! Inni haa ajjeefamu*!
30? ?Midhaan biyyichaa keessaa, ija mukkeetii keessaas yoo ta'e, kudhan keessaa tokko kan baafamu hundinuu kan koo ti; inni ana Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha.
31Kudhan keessaa tokko isaa sana furachuu namni barbaade harka shanan gatii isaa keessaa harka tokko itti haa dabalu!
32Karra sa'aa keessaa, karra bushaayee keessaa guutummaa horii ulee tiksituu jala jiru keessaa harki kurnaffaan hundinuu ana Waaqayyoof qulqullaa'aa haa ta'u!
33Harki kurnaffaan kun gaariis gadhees yoo ta'e, namni isa hin barbaadin! Isa hin geddarinis! Yoo geddare immoo inni geddaramu, inni iddoo isaa bu'us lachanuu qulqullaa'oo haa ta'an! Inni hin furamin!? jedhi!? jedhe*.
34Isaan kun abboommota Waaqayyo namoota Israa'eliif tulluu Siinaa irratti Museetti kennee dha.