Seera Lewwootaa 3:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1?Namni tokko qalma araaraatiif karra sa'aa keessaa korma yookiis dhalaa yoo dhi'eesse, horii mudaa hin qabne fuula ana Waaqayyo duratti haa dhi'eessu!

2Inni harka isaa mataa isa qalmaaf dhi'eesse sana irra haa kaa'u! Isa balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti haa gorra'u! Ilmaan Aaron warri luboonni dhiiga isaa iddoo aarsaatti naannessanii haa facaasan!

3Qalma araaraa kana irraa, qalma gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatuuf, moora mi'a garaatti uffisu, moora mi'a garaa irra jiru hundumaa,

4kalee lamaan, moora isaan irra jiru isa mudhii irraa, moora tiruu isa kalee wajjin ba'us haa dhi'eessu!

5Ilmaan Aaron akka qalma ana Waaqayyoof ibiddaan gubamee, fooliin isaa garaa ciibsu godhanii, qoraan iddoo aarsaa irratti qalma gubuuf boba'u sana irratti haa guban!

6?Kennaan namichi qalma araaraaf ana Waaqayyoof dhi'eessu kun karra bushaayee keessaa korbeessa yoo ta'e yookiis dhaltuu yoo taate, horii mudaa hin qabne haa ta'u!

7Kennaan inni dhi'eessu kun xobbaallaa hoolaa yoo ta'e, fuula ana Waaqayyo duratti haa dhi'eessu!

8Inni harka isaa mataa isa qalmaaf dhi'eesse sana irra haa kaa'u, dunkaana itti wal ga'an sana duratti isa haa gorra'u! Ilmaan Aaron dhiiga horii qalame sanaa iddoo aarsaatti naannessanii haa facaasan!

9Qalma araaraa kana irraa, qalma gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatuuf, cooma xobbaallaa sanaa, cooma duboo isaas guutummaatti hamma lafee dugdaatti itti baasee, moora mi'a garaatti uffisu, moora mi'a garaa irra jiru hundumaa,

10kalee lamaan, moora isaan irra jiru isa mudhii irraa, moora tiruu isa kalee wajjin ba'us haa dhi'eessu!

11Akka aarsaa midhaanii ibiddaan gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatutti lubichi iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!

12?Kennaan namichi dhi'eessu kun reettii yoo ta'e, fuula koo duratti haa dhi'eessu!

13Inni harka isaa mataa isa qalmaaf dhi'eesse sana irra haa kaa'u, dunkaana itti wal ga'an sana duratti isa haa gorra'u! Ilmaan Aaron dhiiga horii qalame sanaa iddoo aarsaatti naannessanii haa facaasan!

14Isa irraa qalma ibiddaan gubame ana Waaqayyoof dhi'aatuuf, moora mi'a garaatti uffisu, moora mi'a garaa irra jiru hundumaa,

15kalee lamaan, moora isaan irra jiru isa mudhii irraa, moora tiruu isa kalee wajjin ba'us haa dhi'eessu*!

16Moorri hundinuu kan koo waan ta'eef, akka aarsaa midhaanii isa ibiddaan gubamee fooliin isaa garaa ciibsutti lubichi iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!

17Isin moora hundumaa, dhiiga hundumaas, hin nyaatinaa! Kun iddoo jiraattan hundumaatti dhaloota keessan hundumaa keessattis seerrata bara baraan dhaabataa ta'ee hafu isiniif haa ta'u!? jedhe*.[5]

e>