Seera Lewwootaa 4:1-35 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo yommus Museedhaan,

2?Namoota Israa'eliin, ?Eenyu illee utuu hin beekin abboommota koo keessaa tokko irra darbee wanta dhowwame yoo hojjete,

3inni ofii isaatii yakkee, jaras yakka hojjechiisu luba isa dibame yoo ta'e, cubbuu isa hojjete sanaaf aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf tuntunoo mudaa hin qabne ana Waaqayyoof haa dhi'eessu!

4Tuntunoo sana balbala dunkaana itti wal ga'aniitti ana Waaqayyo duratti haa dhi'eessu! Harka isaa mataa tuntunichaa irra haa kaa'u, fuula koo durattis isa haa gorra'u!

5Lubichi inni dibame sun dhiiga tuntunichaa irraa fuudhee, dunkaana itti wal ga'an sanatti ol haa galu!

6Quba isaa dhiigicha cuuphee, dhiigicha irraa gar tokko golgaa isa iddoo hundumaa caalaa qulqullaa'aadhaa fi isa qulqullaa'aa gargar hiru sana gara duraatiin si'a torba ana Waaqayyo duratti haa facaasu!

7Lubichi dhiigicha irraa gaanfota iddoo aarsaa isa dunkaana itti wal ga'an keessaa, ana Waaqayyo duratti ixaana urgaa'aa irratti aarsan sanaatti haa dibu! Dhiigicha isa hafe hundumaa immoo miiloo iddoo aarsaa qalmaa isa balbala dunkaana itti wal ga'anii dura jiru irratti haa dhangalaasu*!

8Moora tuntunoo sababii cubbuutiif aarsaa dhi'aate sanaa hundumaa, moora mi'a garaatti uffisu, moora mi'a garaa irra jiru hundumaa,

9kalee lamaan, moora isaan irra jiru isa mudhii irraa, moora tiruu isa kalee wajjin ba'us irraa haa baasu!

10Akkuma isa dibicha qalma araaraaf dhi'aate irraa fuudhame sanaatti lubichi iddoo aarsaa qalma gubamuu irratti gubee haa aarsu!

11Inni gogaa tuntunichaa, foon isaa hundumaa, mataa isaa fi miilla isaa, mi'a garaa isaa fi cumaa isaa,

12guutummaa isaa iddoo buufataa duubaa lafa daaraan itti nam'u iddoo isa akka seeraatti qullaa'aa jedhamutti geessee, tuullaa daaraa irratti ibidda qoraaniitiin haa gubu*![6]

13? ?Guutummaan waldaa Israa'el cubbuu hojjetee, abboommota koo keessaa tokko irra iyyuu darbe, waan gochuun isaaf hin taane yoo godhe, dubbichi yaa'ii sana duratti beekamaa yoo ta'uu dhabaate iyyuu yakkeera.

14Cubbuun waldaan hojjete sun yommuu beekamu, yaa'ichi aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf tuntunoo tokko haa dhi'eessu! Isa balbala dunkaana itti wal ga'anitti haa fidu!

15Jaarsoliin waldaa sanaas fuula koo duratti harka isaanii mataa tuntunichaa irra haa kaa'an, fuula ana Waaqayyo duratti isa haa qalan!

16Lubichi inni dibame sun dhiiga tuntunicha irraa fuudhee, dunkaana itti wal ga'an sanatti haa galchu!

17Lubichi quba isaa dhiigicha cuuphee, golgicha gara duraatiin si'a torba ana Waaqayyo duratti haa facaasu!

18Lubichi gaanfota iddoo aarsaa, isa dunkaana itti wal ga'an keessa ana Waaqayyo dura jirutti haa dibu! Dhiigicha isa hafe hundumaa immoo miiloo iddoo aarsaa qalmaa isa balbala dunkaana itti wal ga'anii dura jiruu irratti haa dhangalaasu!

19Moora tuntunichaa hundumaa baasee, iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!

20Tuntunoo kana akkuma tuntunoo isa aarsaa sababii cubbuutiif dhi'eeffame sanaa haa godhu! Akkasittis lubichi jaraaf haa araarsu! Cubbuun isaaniis in dhiifamaaf.

21Kun aarsaa sababii cubbuu waldaatiif dhi'aatu waan ta'eef, tuntunicha iddoo buufataa keessaa gad haa baasu! Akkuma tuntunoo isa duraa sana gubettis haa gubu!

22? ?Guddaan biyyaa tokko utuu hin beekin cubbuu hojjetee, abboommota ana Waaqayyo gooftaa isaa keessaa tokko irra iyyuu darbe, waan gochuun isaaf hin taane godhee yoo yakke,

23cubbuun inni hojjete yommuu isatti beeksifamu, re'oota keessaa korbeessa mudaa hin qabne aarsaa haa dhi'eessu!

24Kun aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu waan ta'eef, namichi harka isaa mataa korbeessichaa irra haa kaa'u! Fuula koo duratti iddoo itti qalmi gubamu qalamuttis isa haa gorra'u!

25Lubichi dhiiga korbeessa aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate sanaa irraa quba isaatiin fuudhee, gaanfota iddoo aarsaa isa qalmi irratti gubamutti haa dibu! Dhiiga isa hafe immoo miiloo iddoo aarsaa qalmaa irratti haa dhangalaasu!

26Moora korbeessichaa hundumaa immoo akkuma moora isa kan aarsaa qalma araaraaf dhi'aatetti iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu! Akkasitti lubichi isaaf haa araarsu, namichaafis cubbuun isaa in dhiifama.

27? ?Saba biyya sanaa keessaa namni tokko utuu hin beekin abboommota koo keessaa tokko irra iyyuu darbe, waan gochuun isaaf hin taane godhee yoo yakke,

28cubbuun inni hojjete yommuu isatti beeksifamu, cubbuu isa hojjete sanaaf reettii dhaltuu mudaa hin qabne aarsaa haa dhi'eessu!

29Harka isaa mataa reettii aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate sanaa irra haa kaa'u! Aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu kana iddoo itti qalmi gubamu qalamutti haa gorra'u!

30Lubichi dhiiga reettii sanaa irraa quba isaatiin fuudhee, gaanfota iddoo aarsaa isa qalmi irratti gubamutti haa dibu! Dhiiga isa hafe hundumaa immoo miiloo iddoo aarsaa sana irratti haa dhangalaasu!

31Akkuma moorri aarsaa qalma araaraaf dhi'aate sanaa ba'etti, moora ishee haa baasu! Lubichi aarsaa urgaan fooliin isaa garaa ciibsu godhee iddoo aarsaa irratti ana Waaqayyoof gubee haa aarsu! Akkasitti lubichi isaaf haa araarsu! Namichaafis cubbuun isaa in dhiifama.

32? ?Inni aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf xobbaallaa hoolaa yoo dhi'eesse, hoolaa dhaltuu mudaa hin qabne haa fidu!

33Harka isaas mataa hoolaa aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate sanaa irra haa kaa'u! Aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu kana iddoo itti qalmi gubamu qalamutti haa gorra'u!

34Lubichi dhiiga hoolaa aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate sanaa irraa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa isa qalmi irratti gubamutti haa dibu! Dhiiga isa hafe hundumaa immoo miiloo iddoo aarsaa sana irratti haa dhangalaasu!

35Akka moorri hoolaa aarsaa qalma araaraaf dhi'aate sanaa ba'etti, moora hoolattii haa baasu! Lubichi moora sana iddoo aarsaa qalmi itti ana Waaqayyoof gubamuu irratti anaaf gubee haa aarsu! Akkasitti lubichi namicha cubbuu hojjete sanaaf haa araarsu! Namichaafis cubbuun isaa in dhiifama.

e>