Seera Lewwootaa 5:1-19 GAZB1997 - Bible AI

1? ?Namni tokko kaksiifamee yommuu gaafatamu wanta argee fi wanta beeku dhugaa ba'uu diduu isaatiin cubbuu yoo hojjete, yakka isaatti in gaafatama.

2Namni tokko raqa bineensota warra xuraa'ootti ilaalamanii, raqa horii warra xuraa'ootti ilaalamanii, raqa munyuuqaa warra xuraa'ootti ilaalamanii yoo tuqe, inni ofii isaatii xuraa'uu isaa yoo beekuu dhabaate iyyuu xuraa'aa ta'eera, balleesseeras.

3Nama xuraa'aa akkasumas waanuma xuraa'aa isa godhu hundumaa keessaa tokko iyyuu utuu hin beekin yoo tuqe, wanti inni tuqe sun xuraa'aa ta'uu isaa yommuu baru yakka isatti in ta'a*.

4Namni tokko gaarii gochuuf yookiis hamaa gochuuf yaada malee afaan isaatiin dubbatee ariitiidhaan yoo kakate, wanta kakatee ariitiidhaan dubbate sana keessaa tokko illee utuu hin beekin yoo godhe iyyuu, yommuu isa baru yakka isatti in ta'a.

5Namni isaan kana keessaa isa tokkoon illee yakku cubbuu isaa haa himatu!

6Cubbuu isa hojjete sanaafis aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatu bushaayee keessaa hoolaa goromtii yookiis reettii goromtii aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu godhee ana Waaqayyoof haa dhi'eessu! Lubichi immoo waa'ee cubbuu isaatiif namichaaf haa araarsu![7]

7? ?Namichi cubbuu isa hojjete sanaaf aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuuf xobbaallaa hoolaa dhi'eessuu yoo dadhabe, gugee horaa lama yookiis gugee ishee kaan sosokkee lama, tokko aarsaa sababii cubbuutiif, tokko immoo qalma gubamuuf ana Waaqayyoof haa dhi'eessu*!

8Inni lubicha isa duraan dursee aarsaa isa sababii cubbuutiif dhi'aate sana dhi'eessutti isaan haa fidu! Inni immoo morma miciiree haa cabsu malee irraa hin kutin!

9Inni dhiiga aarsaa isa sababii cubbuutiif dhi'aate sanaa irraa fuudhe, cinaacha iddoo aarsaatti haa facaasu! Aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate waan ta'eef, dhiiga isa hafe immoo miiloo iddoo aarsaa irratti haa xurursu!

10Ishee lammaffaa immoo akkuma dur himametti qalma gubamuuf haa dhi'eessu! Lubichi waa'ee cubbuu isa inni hojjete sanaaf namichaaf haa araarsu! Namichaafis cubbuun isaa in dhiifama.[8]

11? ?Namichi cubbuu hojjete sun aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf gugee horaa lama yookiis gugee ishee kaan sosokkee lama dhi'eessuu yoo dadhabe immoo, aarsaa isaatiif daakuu qamadii ba'eessaa eefaa tokko keessaa harka kurnaffaa haa dhi'eessu! Kennaan kun aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu waan ta'eef, dhadhaa ejersaa utuu itti hin naqin, ixaanas utuu itti hin dabalin,

12akkasumatti lubichatti haa geessu! Daakichi aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu waan ta'eef, lubichi isa irraa kaballaaa tokko guutuu fuudhee, seenaadhaaf akka ta'utti qalma ana Waaqayyoof ibiddaan gubamu godhee iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!

13Lubichi cubbuu namichi hojjete keessaa isa kamiif iyyuu akkasitti isaaf haa araarsu! Namichaafis in dhiifama; aarsaa ibiddaan gubamuudhaaf dhi'aate sana irraa inni hafe immoo akkuma kennaa midhaaniitti lubichaaf haa ta'u!? jedhi!? jedhe*.[9]

14Waaqayyo yommus Museedhaan,

15?Namni tokko yaada malee wanta ana Waaqayyoof qulqullaa'oo ta'an balleessuudhaan yoo yakke, aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuuf karra bushaayee keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne ana Waaqayyoof haa dhi'eessu! Kanas gita akka godoo qulqullaa'aatti ittiin shallagamutti aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuuf ati itti shallagdetti haa baasu!

16Wanta qulqullaa'oo ta'an sana keessaa isa balleesse iddoo haa buusu! Gatii isaa keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee lubichatti haa kennu! Lubichi immoo korbeessa aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatu sanaan haa araarsuuf! Namichaafis cubbuun isaa in dhiifama.

17?Namni tokko cubbuu hojjetee, abboommota koo keessaa tokko irra iyyuu darbee waan gochuun isaaf hin taane yoo godhe, kanas utuu hin beekin yoo godhe iyyuu yakkeera, yakka isaattis in gaafatama.

18Inni karra bushaayee keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne, gita ati shallagdetti aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuuf gara lubichaatti haa fidu! Lubichi immoo waa'ee balleessaa wallaalummaa isaatii isa inni utuu hin beekin irra daddarbe sanaaf haa araarsuuf! Namichaafis cubbuun isaa in dhiifama.

19Namichi dhugumaan ana Waaqayyoon waan yakkeef, kun aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuu dha? jedhe.

e>