Seera Lewwootaa 6:1-30 GAZB1997 - Bible AI

1Ammas Waaqayyo Museedhaan,

2?Namni cubbuu hojjetee, ana Waaqayyotti balleessee yoo yakke, wanta hiriyaan isaa imaanaa yookiis qabsiisaaf itti kenne fuudhee yoo haale, yookiis hiriyaa isaa yoo saame, yookiis yoo cunqurse,

3wanta bade tokko argatee waa'ee isaatiif yoo sobe, yookiis sobaan yoo kakate, wanta namni godhe ittiin cubbuu hojjetu hundumaa keessaa isa tokkoon illee yoo yakke,

4akka kanattis cubbuu hojjetee balleessaa yoo godhate, inni wanta saamichaan fudhate yookiis wanta cunqursuudhaan nama irraa fudhate haa deebisu! Akkasuma immoo wanta imaanaa isa bira ture yookiis wanta lafaa argate,

5wanta haalee sobaan kakate hundumaa guutummaatti iddoo haa buusu! Gaafa sababii yakka isaatiif aarsaa dhi'eessu, gatii isaa keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee abbaa horiitiif haa kennu!

6Inni karra bushaayee keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne, gita ati shallagdetti aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuuf gara lubichaatti haa fidu!

7Lubichi immoo waa'ee isa namichi fuula koo duratti hojjetee ittiin yakke sana hundumaaf isaaf haa araarsu! Namichaafis cubbuun isaa in dhiifama? jedhe*.[10]

8Waaqayyo Museedhaan,

9?Seera qalmi gubamu itti dhi'aatu akka kanatti fufee jirutti Aaronii fi ilmaan isaa abboomi! Qalmi gubamu halkan guutuu hamma ganamaatti ibidda iddoo aarsaa irra haa taa'u! Ibiddi iddoo aarsaas itti boba'aa haa bulu!

10Lubichi uffata isaa isa quncee talbaa irraa dha'amee fi fiddoo isaa isa dhagnatti aanu isa quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, daaraa qalma gubamuu isa iddoo aarsaa irraa sana fuudhee, iddoo aarsaa bukkee haa kaa'u!

11Kana booddee immoo uffata isaa of irraa baasee uffata kan biraa uffatee daaraa sana iddoo buufataa duubatti iddoo isa akka seeraatti qullaa'aa jedhamutti haa geessu!

12Ibiddi iddoo aarsaa irraa ittuma fufe haa boba'u malee hin dhaamin! Lubichi ganama ganama qoraan itti dabalee, qalma gubamus qoraanicha irra tarree galchee, moora horii qalma araaraaf dhi'aatu isa irratti gubee haa aarsu!

13Iddoo aarsaa irratti ibiddi ittuma fufee haa boba'u malee hin dhaamin!

14?Seerri kennaa midhaanii kanatti fufee jira; ilmaan Aaron warri luboonni fuula dura iddoo aarsaatti fuula ana Waaqayyo duratti kennaa midhaanii haa dhi'eessan!

15Lubichi daakuu qamadii ba'eessa isa kennaa midhaaniif dhi'aate irraa kaballaa tokko dhadhaa ejersaa isaa fi ixaana isa kennaa midhaanii sana irra jiru hundumaa wajjin, foolii garaa ciibsu seenaadhaaf akka ta'utti ana Waaqayyoof iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!

16Inni irraa hafe immoo iddoo qullaa'aatti maxinoon isaa haa nyaatamu! Aaronii fi ilmaan isaa oobdii dunkaana itti wal ga'an keessatti isa haa nyaatan!

17Inni raacitii malee haa tolfamu! Ani aarsaa ibiddaan gubamee anaaf dhi'eeffamu irraa qooda isaaniiti jedhee waanan kenneef, akkuma aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatu inni hundumaa irra qulqullaa'aa dha.

18Sanyii Aaron keessaa dhiirri hundinuu aarsaa ibiddaan gubamee ana Waaqayyoof dhi'aatu irraa haa nyaatu! Kun dhalootaa hamma dhalootaatti seera bara baraa isiniif haa ta'u! Aarsaa kana kan tuqu hundinuu qullaa'aa in ta'a? jedhe.

19Itti fufe Waaqayyo Museedhaan,

20?Kennaan Aaronii fi ilmaan isaa gaafa dibaman dhi'eessan akka kanatti fufee jiruu dha; kennaa midhaanii isa yeroo hundumaa dhi'aatuuf daakuu qamadii isa ba'eessa eefaa tokko keessaa harka kurnaffaa walakkaa ganama, walakkaa immoo galgala haa dhi'eessan!

21Daakichas dhadhaa ejersaatiin sukkuumanii beddee irratti haa tolchan! Kennaa midhaanii isa tolfame sana caccabsanii isa fooliin isaa garaa ciibsu Waaqayyoof haa dhi'eessan!

22Kennaan kun guutummaatti haa gubamu! Ilmaan Aaron keessaa lubichi inni iddoo abbaa isaatii bu'uudhaaf dibamus akkasuma haa godhu! Kun ana Waaqayyoof seera bara baraa ti.

23Kennaan midhaanii lubni dhi'eessu guutummaatti haa gubatu malee hin nyaatamin!? jedhe.

24Waaqayyo ammas Museedhaan,

25?Seera aarsaan sababii cubbuu itti dhi'aatu akka kanatti fufee jirutti Aaronii fi ilmaan isaatti himi! Aarsaan sababii cubbuutiif dhi'eeffamu hundumaa irra qulqulluu waan ta'eef, iddoo itti horiin qalma gubamuuf dhi'aatu gorra'amutti, horiin aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu fuula koo duratti haa gorra'amu!

26Lubichi inni waa'ee cubbuutiif isa dhi'eesse iddoo qullaa'aatti haa nyaatu! Oobdii dunkaana itti wal ga'anii keessatti foonichi haa nyaatamu!

27Namni foon aarsaa kanaa tuqu hundinuu qullaa'aa in ta'a; dhiigni isaa uffatatti yoo faca'e, iddoon inni itti faca'e sun iddoo qullaa'aatti haa miicamu!

28Qodaan foonichi itti affeelame qodaa suphee yoo ta'e haa cabu! Qodaa sibiila diimaa irraa hojjetametti yoo affeelame garuu soofame bishaaniin irraa haa dhiqamu!

29Qalmi sun hundumaa irra qullaa'aa waan ta'eef, maatii lubootaa keessaa dhiirri hundinuu isattii haa nyaatan!

30Aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aate, dhiigni isaa immoo araara gochuuf dunkaana itti wal ga'an keessaa iddoo qullaa'aatti ol galfamee, ibiddaan haa gubamu malee hin nyaatamin!

e>