1?Aarsaan sababii yakkaatiif dhi'aatu hundumaa irra qulqulluu waan ta'eef, seerri inni ittiin dhi'aatu kanatti fufee jira*;
2aarsaan sababii yakkaatiif dhi'eeffamu iddoo qalmi gubamu itti qalamutti haa qalamu! Dhiigni isaas iddoo aarsaatti naanneffamee haa facaafamu!
3Moorri isaa hundinuu haa dhi'eeffamu; isa aarsaaf dhi'aate sana irraa coomni duboo isaa, moorri mi'a garaatti uffisu,
4kaleen lamaan, moorri isaan irra jiru inni mudhii irraa, moorri tiruu inni kalee wajjin ba'us haa dhi'eeffamu!
5Inni aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatu waan ta'eef, lubichi akka aarsaa ibiddaan gubamee Waaqayyoof dhi'aatutti iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu!
6Maatii lubootaa keessaa dhiirri hundinuu isattii haa nyaatu! Inni hundumaa irra qulqulluu waan ta'eef, iddoo qullaa'aatti haa nyaatamu*!
7?Aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu akkuma aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatutti, seerri isaaniis tokkichuma; foon aarsaa kana lamaanii luba isa ittiin akka araarri bu'u godheef haa ta'an!
8Lubni horii namni qalma gubamuuf fidee dhi'eessu, gogaa horii isa qalma gubamuuf dhi'eessu sanaa ofii isaatii haa fudhatu!
9Kennaan midhaanii inni iddoo ibiddaa irratti, eelee irratti yookiis beddee irratti tolfamu hundinuu luba isa aarsaa dhi'eessu sanaaf haa ta'u!
10Kennaan midhaanii hundinuu inni dhadhaadhaan sukkuumame, inni dhadhaa hin qabnes ilmaan Aaron hundumaaf waluma qixxee dha.
11?Seerri qalmi araaraa ana Waaqayyoof itti dhi'eeffamu kanatti fufee jira;
12namni galata galchuuf aarsaa yoo dhi'eesse, aarsaa galataa kanaa wajjin bixxillee hin bukaa'in dhadhaadhaan sukkuumamee, maxinoo haphii dhadhaan irra dibamee, bixxillee daakuu ba'eessa isaa irraa dhadhaadhaan ba'eessa sukkuumamee tolfame haa dhi'eessu!
13Bixxillee kana bukkeettis aarsaa isaatiif buddeena bukaa'aa aarsaa galataa isa kan qalma araaraa isaa wajjin haa dhi'eessu!
14Aarsaa dhi'aate hundumaa irraa mataa mataa fuudhee, aarsaa ana Waaqayyoof sochoofamu godhee haa dhi'eessu! Kun kan lubicha isa dhiiga qalma araaraa facaasee haa ta'u.
15Foon horii aarsaa galataa isa kan qalma araaraa isaa sun gaafuma dhi'aate sana haa nyaatamu malee, isa irraa wanti tokko illee hamma borumtaatti hin hafin*!
16?Kennaan sun kennaa wareegaa yookiis aarsaa namni jaalala isaatiin dhi'eessu yoo ta'e garuu, gaafuma dhi'eeffame sana haa nyaatamu! Wanti irraa hafes borumtaa isaa haa nyaatamu*!
17Foon qalma aarsaa sana irraa hafe sun gaafa guyyaa sadaffaa ibiddaan haa gubamu!
18Foon qalma araaraaf dhi'aate sun gaafa guyyaa sadaffaa yoo nyaatame, kennaan namichaa hin fudhatamu, hin lakkaa'amuufis; inni wanta ciiggaasisaa waan ta'eef, namni isa nyaates yakka isaatti in gaafatama!
19?Foon wanta akka seeraatti xuraa'aa ta'e hundumaatti bu'u ibiddaan haa gubamu malee hin nyaatamin! Foon isa kan biraa immoo namni akka seeraatti qullaa'aa ta'e hundinuu haa nyaatu!
20Namni akka seeraatti utuu qullaa'aa hin ta'in xuraa'ummaa isaa baatee foon aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof dhi'aatu irraa nyaatu garuu, saba isaa keessaa baafamee haa balleeffamu!
21Namni xuraa'ummaa namaa yookiis kan horii qe'ee, kan munyuuqaa, waanuma xuraa'aa ta'e keessaa tokkumatti iyyuu bu'ee, foon aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof dhi'aatu irraa nyaatu hundinuu saba isaa keessaa baafamee haa balleeffamu!? jedhe.
22Waaqayyo itti fufee Museedhaan,
23?Ati Israa'elootatti, ?Moora qotiyyoo, kan hoolaa yookiis kan reettii hin nyaatinaa!
24Moora horii ofiin-du'ee yookiis horii bineensi caakkaa qabee ajjeesee hin nyaatinaa! Garuu waan biraa ittiin godhachuu in dandeessu.
25Namni moora horii qalma ana Waaqayyoof gubamee dhi'aatu sanaa nyaatu, saba isaa keessaa baafamee haa balleeffamu!
26Iddoo jiraattan hundumaatti dhiiga kan ta'e hundumaa kan horii, kan allaattii, kan simbiraas tokko illee hin nyaatinaa!
27Dhiiga kan ta'e hundumaa namni nyaatu saba isaa keessaa baafamee haa balleeffamu!? jedhii himi!? jedhe.
28Waaqayyo ammas Museedhaan,
29?Ati Israa'elootatti, ?Namni qalma araaraa isaa ana Waaqayyoof dhi'eessu, qalma araaraa sana irraa fuudhee, aarsaa addaa anaaf haa dhi'eessu!
30Inni qalma ana Waaqayyoof ibiddaan gubamee dhi'aatu harka isaatiin haa fidu! Moora handaraafaa wajjin haa fidu! Handaraafichas aarsaa sochoofamuuf fuula koo duratti haa dhi'eessu!
31Lubichi moora sana iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu! Handaraafichi garuu Aaronii fi ilmaan isaaf haa ta'u!
32Qalma keessan isa araaraaf aarsaa dhi'eessitan irraa luka mirgaa akka aarsaa sochoofamuutti lubichaaf kennaa!
33Ilmaan Aaron keessaa inni dhiigaa fi moora horii qalma araaraa sana aarsaa godhee dhi'eessu qooda isaa luka mirgaa haa fudhatu!
34Ani qalma araaraa isaanii isa Israa'eloonni aarsaa dhi'eessan irraa handaraafaa fi luka isa aarsaa sochoofamuuf dhi'aatu fuudhee, Aaron lubichaa fi ilmaan isaatiif kenneera; kunis ijoollee Israa'eliif seera dhaabataa dha.
35Kun ga'aa guyyaa Aaronii fi ilmaan isaa dibamanii luba ta'anii ana Waaqayyoof hojjechuudhaaf dhi'eeffamanitti, qalma ibiddaan gubamee anaaf aarsaa dhi'eeffamu irraa isaaniif kennamee dha.
36Kana ani Waaqayyo gaafa isaan dibamanin Israa'eloonni akka isaaniif kennan abboome; kunis dhaloota hundumaa keessatti seerrata bara baraatiin isaaniif kennameera? jedhii himi!? jedhe.
37Seerri qalma gubamuu, seerri kennaa midhaanii, seerri aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, seerri aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatu, seerri aarsaa eebbaaf dhi'aatu, kan qalma araaraas isa kana.
38Kun isa Waaqayyo tulluu Siinaa irratti Musee abboomee dha; Waaqayyo gaafas Israa'eloonni Siinaa lafa onaa keessatti aarsaa isaanii akka isaaf dhi'eessan ajaje ture.