1Waaqayyo ammas Museedhaan,
2?Aaronin, ilmaan isaa, uffata, dhadhaa dibataa, tuntunoo aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeeyyii hoolaa sana lamaan gundoo isa buddeena hin bukaa'in baatuu wajjin fidi!
3Waldaas guutummaatti balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti walitti qabi!? jedhe.
4Museenis akkuma Waaqayyo isa abboome godhe; waldaanis balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti walitti in qabame.
5Kana booddee Museen waldichaan, ?Wanti Waaqayyo abboome kanatti fufee jira? jedhe.
6Museen yommus Aaronii fi ilmaan isaa fidee bishaaniin dhagna isaan dhiqe.
7Aaronitti kittaa uffisee, mudhii isaattis sabbata hidhee, qoloo, dirata fuula duraa itti diree, hidhata diraticha isa warri harka-toleyyiin dha'aniin, diraticha jabeessee itti in hidhe.
8Qomee akka gaachanaa itti uffisee, korojoo qomee sanaa keessa immoo uriimii fi tumiimin kaa'e*.
9Akkuma Waaqayyo isa abboometti marata mataa isaatti maree, gonfoo qullaa'aa isa wanta akka daraaraa warqee irraa hojjetame, marata sana irratti gara fuula duraatiin in qabsiise*.
10Yommus Museen dhadhaa dibataa fuudhee, dunkaana itti wal ga'anii fi waan isa keessa jiru hundumaa dibee isaan qulqulleessee,
11dhadhaa dibataa sana irraa si'a torba iddoo aarsaatti in facaase; iddoo aarsaa fi mi'a isaa hundumaa, waciitii isaa fi jaliitii isaas qulleessuudhaaf in dibe.
12Aaronin qulleessuudhaaf dhadhaa dibataa irraa mataa isaa irratti dhangalaasee isa in dibe.
13Yommus inni akkuma Waaqayyo isa abboometti ilmaan Aaron fidee kittaa itti uffisee, mudhii isaaniitti sabbata hidhee, maratas mataa isaaniitti in mare.
14Museen kana booddee immoo tuntunoo aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu in fide; Aaronii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa tuntunicha aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate irra in kaa'an.
15Inni tuntunicha qalee, dhiiga tuntunichaa fuudhee, quba isaatiin gaanfota iddoo aarsaa irra jiranitti naannessee dibee, iddoo aarsaa sana qulleessee dhiiga isa hafes immoo miiloo iddoo aarsaa irratti dhangalaasee, isa irratti araara buusuudhaaf isa in qulleesse.
16Akkasuma immoo moora mi'a garaa hundumaa fi moora tiruu, kalee lamaanii fi moora kalee irra jiru fuudhee iddoo aarsaa irratti gubee aarse.
17Gogaadhaa fi foon tuntunichaa garuu cumaa isaa wajjin akkuma Waaqayyo isa abboometti iddoo buufataa keessaa ala baasee ibiddaan gube.
18Inni itti fufee korbeessa hoolaa isa qalma gubamuuf dhi'aatu sana in fide; Aaronii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa korbeessichaa irra in kaa'an.
19Yommus Museen korbeessicha gorra'ee, dhiigicha iddoo aarsaatti naannessee in facaase.
20Kana booddees korbeessicha bu'aa bu'aa isaatti kukkutee, mataa korbeessichaa fi isa bu'aa bu'aa isaatti kukkutame moora isaa gubee in aarse.
21Many'eewwan isaa fi mi'a garaa isaa bishaaniin in miice; Museen akkuma Waaqayyo isa abboometti korbeessicha guutummaatti iddoo aarsaa irratti gubee in aarse; kun Waaqayyoof qalma gubamu, foolii garaa ciibsu isa ibiddaan gubamee dhi'aatuu dha.
22Kana booddee immoo Museen korbeessa hoolaa tokko aarsaa ittiin luboomaniif in fide; Aaronii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa korbeessichaa irra in kaa'an.
23Museen immoo korbeessicha gorra'ee dhiiga isaa irraa fuudhee, fiixee gurra Aaron isa mirgaa, abgudduu harka isaa isa mirgaa, abgudduu miilla isaa isa mirgaa ittiin tuqe.
24Ilmaan Aaronis fidee dhiigicha irraa fuudhee, fiixee gurra isaanii isa mirgaa, abgudduu harka isaanii isa mirgaa, abgudduu miilla isaanii isa mirgaas ittiin tuqe; dhiiga isa hafes iddoo aarsaatti naannessee in facaase.
25Moora, cooma duboo, moora mi'a garaatti uffisu hundumaa, moora tiruu, kalee lamaan moora kalee irra jiruu wajjin, luka mirgaas fuudhee,
26gundoo isa Waaqayyo dura jiru isa buddeena hin bukaa'in baatu irraa, maxinoo tokko, bixxillee dhadhaadhaan tolfame tokko, maxinoo haphii tokkos fuudhee luka isa mirgaa irra mooricha gubbaa kaa'e;
27guutummaa isaas harka Aaronii fi harka ilmaan isaa irra kaa'ee, aarsaa sochoofamuuf fuula Waaqayyo duratti isaan in sosochoose.
28Kana booddee deebisee isaan harkaa fuudhee, iddoo aarsaa irratti qalma gubatuu wajjin Waaqayyoof gubee in aarse; kun aarsaa isa ittiin lubooman, isa fooliin isaa garaa ciibsu, isa ibiddaan gubamee Waaqayyoof dhi'aatuu dha.
29Ergasii Museen akkuma Waaqayyo isa abboometti handaraafa korbeessa hoolaa aarsaa ittiin lubooman sanaa fuudhee aarsaa sochoofamuuf fuula Waaqayyoo duratti in sosochoose; innis ga'aa Musee in ta'e.
30Museen itti fufee dhadhaa dibataa irraa, dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraas waa fuudhee, Aaronitti, uffata isaatti, ilmaan isaatti, uffatas isaaniitti in facaase; akkasitti Aaronin, uffata isaas, ilmaan Aaron, uffata isaaniis in qulleesse.
31Museen yommus Aaronii fi ilmaan isaatiin, ?Foonicha balbala dunkaana itti wal ga'anii duratti affeelaa! Akkuma Waaqayyo abboometti, foonichaa fi buddeena isa kennaa yeroo luboomaniif dhi'aatee, gundoo keessa jiru sana achumatti nyaadhaa!
32Foonichaa fi buddeenicha isa hafe immoo ibiddaan gubaa!
33Seera lubumaa isiniif raawwachuun guyyaa torba waan fudhatuuf, isin hamma guyyaan seera luboomuu keessanii isiniif raawwatamutti, guyyaa torban sana balbala dunkaana itti wal ga'anii duraa hin adeeminaa!
34Wanti har'a godhame kun isa Waaqayyo isiniif araarsuudhaaf ?Haa godhamu!? jedhee abboomee dha.
35Hamma guyyaa torbaatti halkanii fi guyyaa balbala dunkaana itti wal ga'anii duraa hin adeeminaa! Waaqayyo biraa akkan abboommii argadhetti isin akka hin duuneef achitti wanta Waaqayyo isin irraa barbaadu hojjedhaa!? jedhe.
36Aaronii fi ilmaan isaa wanta Waaqayyo karaa Musee isaan abboome hundumaa in hojjetan.