1Museen guyyaa saddeettaffaatti Aaronii fi ilmaan isaa, jaarsolii Israa'elis waamee,
2Aaroniin, ?Aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf sa'a keessaa tuntunoo tokko, qalma gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko, lamaanuu warra mudaa hin qabne fuudhiitii fuula Waaqayyoo duratti dhi'eessi!
3Namoota Israa'elin immoo, ?Aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko, qalma gubamuuf immoo dibicha waggaa tokkoo fi xobbaallaa waggaa tokkoo mudaa kan hin qabne fuudhaa!
4Har'a Waaqayyo waan isinitti mul'atuuf, korma, korbeessa hoolaa qalma araaraaf akkasumas kennaa midhaanii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame fuula Waaqayyoo duratti aarsuudhaaf dhi'eessaa!? jedhi!? jedhe.
5Isaan yommus wanta Museen abboome hundumaa gara balbala dunkaana itti wal ga'aniitti in fidan; waldichis guutummaatti dhi'aatee fuula Waaqayyoo dura in ijaajje.
6Museen ergasii, ?Wanta Waaqayyo akka hojjettaniif isin abboome kana hojjedhaa! Ulfinni Waaqayyoo isinitti in mul'ata? jedhe*.
7Museen ammas Aaroniin, ?Iddoo aarsaatti dhi'aadhu! Akkuma Waaqayyo abboome waa'ee aarsaa kee isa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf qalma kee isa gubamu dhi'eessi! Ofii keetiif, jaraafis araara buusi! Aarsaa jaraa dhi'eessi, isaaniifis araara buusi? jedhe*.
8Aaronis gara iddoo aarsaatti dhi'aatee, dibicha isa aarsaa sababii cubbuu isaatiif dhi'aate sana in gorra'e.
9Ilmaan isaa dhiiga dibichichaa isatti in dhi'eessan; inni immoo quba isaa dhiigicha cuuphee, gaanfota iddoo aarsaatti in dibe; dhiiga isa hafe immoo miiloo iddoo aarsaa irratti in dhangalaase.
10Moora, kalee lamaanii fi moora tiruu dibicha isa aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aate sanaa garuu akkuma Waaqayyo Musee abboometti, iddoo aarsaa irratti gubee in aarse.
11Foon dibichichaa fi gogaa isaa iddoo buufataa keessaa ala baasee ibiddaan in gube.
12Aaron horii qalma gubamuuf dhi'aate sana in gorra'e; ilmaan isaa dhiiga dibichichaa isatti in fidan; inni immoo dhiigicha iddoo aarsaatti naannessee in facaase.
13Ilmaan isaa qalma gubamu isa bu'aa bu'aatti kukkutame sana mataa isaa wajjin isatti in fidan; innis iddoo aarsaa irratti gubee in aarse.
14Many'eewwan isaa fi mi'a garaa isaa miicee qalma gubamuu sanaa wajjin iddoo aarsaa irratti gubee in aarse.
15Aaron aarsaa jaraa in dhi'eesse; korbeessa reettii isa aarsaa sababii cubbuu jaraatiif dhi'aatu sana fuudhee gorra'ee, akkuma isa duraatti aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu godhee in dhi'eesse.
16Qalma gubamu fidee, akka seera isaatiitti isa in dhi'eesse.
17Kennaa midhaaniis immoo dhi'eessee, isa irraa kaballaa tokko fuudhee, qalma isa ganama ganama gubamu bukkeetti iddoo aarsaa irratti gubee in aarse.
18Aaron qalma araaraa jara sanaatiif dibichichaa fi korbeessicha hoolaa in gorra'e; ilmaan isaa dhiiga horii sanaa isatti in fidan; inni immoo dhiigicha iddoo aarsaatti naannessee in facaase.
19Ilmaan Aaron immoo moora dibichichaa fi korbeessichaa, cooma duboo, moora mi'a garaatti uffisu, kaleewwan, moora tiruu fuudhanii,
20moora sana hundumaa handaraafota irra in kaa'an; Aaronis moora sana iddoo aarsaa irratti gubee in aarse.
21Akkuma Waaqayyo Musee abboometti handaraafaa fi luka mirgaa, aarsaa sosochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti in sosochoose*.
22Yommus Aaron harka isaa jara irra qabee isaan in eebbise; aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, qalma gubamu, qalma araaraas erga dhi'eessee booddee immoo gad in bu'e*.
23Kana booddee Museenii fi Aaron gara dunkaanicha keessaatti ol in lixan; isaan achii gad ba'anii jara yommuu eebbisan, ulfinni Waaqayyoo saba sanatti in mul'ate.
24Ibiddis Waaqayyo biraa gad bu'ee qalma gubamuu fi moora iddoo aarsaa irra jiru sana in fixe; jarri hundinuu kana arganii adda isaaniitiin gombifamanii guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan*.