1Waaqayyo gaaf tokko Abraamiin, ?Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaas ba'iitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi*!
2
3
4Kana irratti Abraam akkuma Waaqayyo isatti dubbatetti ka'ee in adeeme; Looxis isaa wajjin dhaqe; Abraam biyya Kaaraanii yommuu ba'e nama waggaa torbaatamii shanii ture.
5Abraam Saaraayin haadha manaa isaa, Looxin ilma obboleessa isaa, qabeenya Looxii wajjin qabanii fi hojjetoota biyya Kaaraanitti kan isaanii godhatan hundumaa fudhatee ba'e; isaanis biyya Kana'aan dhaquudhaaf ka'anii, achi in ga'an.
6Warri Kana'aan yommus biyya sana keessa turan; Abraam immoo biyya sana keessa darbee hamma iddoo ?Sheekem? jedhamutti, achi keessaas hamma qilxuu Mooreetti in adeeme*.
7Waaqayyo yommus Abraamitti mul'atee, ?Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna? jedhe; Abraamis iddoo Waaqayyo isatti mul'ate sanatti iddoo aarsaa Waaqayyoof in ijaare*.
8Achii immoo ka'ee gara biyya tulluun itti baay'atu isa Bet'el irraa gara ba'a-biiftuutti argamu dhaqe; godoo isaas Bet'elin gara lixa-biiftuutti, Aayin gara ba'a-biiftuutti hambisee gidduu dhaabbate; achittis iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessu ijaaree, maqaa Waaqayyoo waammate*.
9Achiis immoo buqqifatee irraa jalaan gara biyya gara mirgaatti in qajeele.
10Biyyicha inni itti gale sanatti beelli jabaan waan bu'eef, Abraam biyya Gibxii keessa takka taa'uudhaaf gad in bu'e.
11Biyya Gibxiitti lixuuf yeroo jedhanitti, inni Saaraayi haadha manaa isaatiin, ?Ati dubartii miidhagduu ta'uu kee ani beeka;
12warri Gibxii yommuu si argan, ?Kun haadha manaa isaa ti? jedhanii ana in ajjeesu, si immoo fayyaatti in hambifatu.
13Egaa waa'ee keetiif anatti akka tolutti, sababii keetiif ani immoo akkan jiraadhutti, ?Ani obboleettii isaa ti? jedhi!? jedhe.
14Abraam biyya Gibxiitti yommuu lixe, warri Gibxii dubartittiin baay'ee miidhagduu akka taate argan.
15Gurguddoonni mootii Gibxii (Fara'oon)
16Mootichis isheef jedhee Abraamitti akka tolu godhe, hojjetoota dhiiraa fi dubartii, bushaayee, saawwan, harroota kormaa fi dhaltuu, gaalotas kenneef.
17Waaqayyo garuu waa'ee dubbii Saaraayi haadha manaa Abraam irratti mootichaa fi warra mana isaa keessa jiran dha'icha guddaadhaan dha'e.
18Mootichi yommus Abraamin waamee, ?Waan ati ana irratti hojjette kun maali? Isheen haadha manaa kee akka taate maaliif anatti himuu didde?
19Anoo kanaafan akka isheen haadha manaa koo taatuuf ishee fuudhe, ati maaliif ?Isheen obboleettii koo ti? jette ree? Ammas, haati manaa kee kunoo tii, fudhadhuutii adeemi!? jedhe.
20Mootichi waa'ee Abraamiif namoota in ajaje; isaanis isa, haadha manaa isaa, waan inni qabu hundumaas geggeessanii karaa irra buusan*.