1Bantiiwwan waaqaa, lafti, wanti isaan keessatti argaman hundinuus egaa in raawwataman.
2Waaqayyo guyyaa torbaffaa dura hojii isaa isa hojjechaa ture in raawwate; guyyaa torbaffaattis Waaqayyo waan hojjechaa ture hundumaattii in boqote*.
3Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses*.
4Seenaan uumamuu waaqaa fi lafaa akka kana ture.
5namni laficha irratti hojii hojjetu waan hin turiniif, Waaqayyo gooftaan amma illee bokkaa hin roobsifne, huuxxiin bakkeetti argamu lafa irra hin turre, biqiltuun maasii keessaas hin biqille.
6Bishaan
7Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolche, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e*.
8Yommus Waaqayyo gooftaan biyya gara ba'a-biiftuu keessaa Eedenitti iddoo dhaabaa tokko in dhaabe; nama isa tolche sanas achi keessa in kaa'e.
9Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji isaaniis nyaataaf ba'eessa ta'an lafa keessaa in biqilche; mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu, mukti hamaa fi gaarii ittiin beekanis iddoo dhaabaa sana walakkaa turan*.
10Iddoo dhaabaa sana obaasuudhaaf Eeden keessaa bishaan in burqe; bishaanichis achii ba'ee, gargar hiramee laga afur in ta'e*.
11Maqaan isa duraa Phiishon, innis guutummaa biyya Hawiilaa lafa warqeen jirutti naanna'ee in yaa'a.
12Warqeen biyya sanaas ba'eessa; hapheen urgaa'u, sardoniiksis achii in argamu.
13Maqaan laga isa lammaffaas Giihon, innis guutummaa biyya Kuushitti
14Maqaan laga isa sadaffaas Xegros, inni immoo fuullee mandara Asor gara ba'a-biiftuutiin in yaa'a; lagni inni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
15Waaqayyo gooftaan namicha fuudhee iddoo dhaabaa Eeden sana akka tottolchuuf, akka eeguufis achi keessa in kaa'e.
16Yommus Waaqayyo gooftaan namicha abboomee, ?Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta;
17ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta? jedhe*.
18Ergasii Waaqayyo gooftaan, ?Namichi kophaa isaa ta'uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha? jedhe*.
19Waaqayyo gooftaan biyyoo irraa bineensa bakkee hundumaaf, warra qilleensa keessa balali'an hundumaafis bifa tolche, maal jedhee akka inni isaan waamu ilaaluudhaaf gara namichaatti isaan fide; wanti namichi uumama lubbuu qabaatee jiraatu ittiin waame hundinuu immoo maqaa in ta'eef.
20Namichis horii qe'ee hundumaaf, warra qilleensa keessa balali'aniif, bineensa bakkee hundumaafis maqaa in baase; namichaaf garuu kan akka isaatii, kan isa gargaartu hin argamne.
21Waaqayyo gooftaan namichi rafee akka of wallaalu godhe; utuu namichi rafuu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo isaatti foon in guute.
22Waaqayyo gooftaan lafee cinaachaa isa namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee namichatti in geesse.
23
24Kanaafis dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u*.
25Namichii fi haati manaa isaa qullaa isaanii turan, lamaanuun isaanii garuu wal hin saalfatan.