Seera Uumamaa 49:1-33 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Yaaqoob ilmaan isaa ofitti waame, ?Wanta gara fuula duraatti isinitti dhufu akkan isinitti himuuf walitti qabamaa!

2Yaa ijoollee Yaaqoob, wal ga'aa dhaga'aa, gara abbaa keessan Israa'el dhaggeeffadhaa!

3?Ruuben, ati dhala koo isa angafa humna koo, qara jabina koo ti, ulfinaan in caalta, irreedhaanis in caalta*!

4Ati ittisa hin qabnee akka lolaa ti, siree abbaa keetti waan ol baateef, ati afata kootti ol baate, afata haraamu waan gooteef, caalimaa hin qabaattu*![229]

5?Shimi'oonii fi Lewwiin obboloota, mi'i isaanii waraana ittiin humnaan nama irratti ka'anii dha;

6isaan aarii isaaniitiin nama waan ajjeesaniif, melleggoo isaaniitiinis sangaa waan naafisaniif, lubbuun koo maree isaaniitti hin lixin, yaadni koos hidhata isaanii hin ta'in!

7Aariin isaanii jabaa, dheekkamsi isaaniis gara-jabeessa waan ta'eef, abaaramaa haa ta'u! Ani biyya Yaaqoobitti gargar isaan nan hira, biyya Israa'elittis isaan nan bittimsa*.[230]

8?Yaa Yihudaa, si immoo obboloonni kee in jajatu, harki kee morma diina kee irra jira; ilmaan abbaa keetiis siif in qoomma'u*!

9Yihudaan saafela leencaa ti, yaa ilma ko, ati adamoodhaan guddatteetta, inni hirkatee akka leencaatti in ciise, egaa isa akka leenca dhalaa kana eenyutu kaasa ree*?

10Siiqeen Yihudaa irraa hin darbu, uleen mootummaas dhala dhala isaa harkaa hin dhabamu! Kunis hamma inni qabachuun ta'uuf[231], hamma inni sabni abboomamuuf sun dhufutti in ta'a*.

11Inni harree isaa muka wayniitti, ilmoo harree isaas waynii fo'amaa gidduutti in hidhata; inni uffata isaa daadhii wayniitti, wayyaa isaas dhiiga ija wayniitti in miiccata;

12daadhii wayniitiin iji isaa in qarama, aannaniinis ilkaan isaa in addaata*.[232]

13?Zebuloon qarqara galaanaa in jiraata, inni lafa buufata markabaa in ta'a; daariin isaas Sidoon bira in ga'a*.[233]

14?Yisaakor akka harree isa dugda jabaatuuf, isa daaraa keessa ciisuu ti;

15inni iddoon boqonnaa tokko gaarii, lafti isaas gammachiisaa ta'uu isaa arge; kanaaf baachuudhaaf gatiittii isaa gad itti qabee, hojii humnaan itti dadhabanittis garbicha ta'e!

16?Daan gosa Israa'el keessaa akka isa tokkoo ti, saba isaaf firdii in baasa*;

17Daan akka bofa karaa keessaa, akka mar'ataa daandii bukkee isa laafina kottee fardaa iddee, abbaa fardaa dugda duubaan kuffisuu in ta'a.[234]

18?Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan eeggadha*!

19?Warri saamtuun Gaadin saamuudhaaf bira in ga'u, inni garuu gara galee faana isaanii duukaa bu'ee isaan in sarda!

20?Asheer buddeenni isaa in furdata, nyaata miyaa'aa mootiidhaaf ta'u in dhi'eessa*.[235]

21?Niftaalem akka borofa gad dhiifamee ti, inni afaan isaatiin sagalee gaggaarii in dubbata.

22?Yoseef akka muka ija godhatuu ti, akka muka ija godhatu isa bishaan burqituu bukkee dhaabatuu ti; dameewwan isaas keenyan irra in yaa'u.

23Warri iddaa baatan isa in duchiisan, xiyya itti gad dhiisanii, diinummaa isatti argisiisan.

24Haa ta'u iyyuu malee, iddaan isaa takkaa hin laafne, harka isa aango-qabeessa kan Yaaqoobiin, maqaa tiksee sanaa, kattaa isa kan Israa'eliin, irreen isaa ariifataa ta'e.

25Waaqayyo inni kan abbaa keetii, si haa gargaaru! Waaqayyo inni hundumaa danda'u, eebba ol waaqaraatiin, eebba callaboo lafa jala ciisuutiin, eebba harma mirgisuu fi gadameessa dhala godhatuun, si haa eebbisu!

26Eebbi abbaa kee, eebba tulloota bara baraa gara irraa ti, coccophsa gaarota bara baraan jiraatanii gara irraatti in jabaata! Isaan kun mataa Yoseef irra, gubbee mataa isa obboloota isaa keessaa addaan ba'e sanaa irra haa buufatan*![236]

27?Benyaamiin akka yeeyyii waan qabe ciruu ti, inni ganama isa adamse in cucuffata, galgala immoo boojuu in hira!? jedhe*.[237]

28Isaan kun hundinuu gosa Israa'el warra kudha lamaanii dha; abbaan isaanii tokko tokkoon eebba isaaniif ta'u yeroo isaan eebbisetti, wanti inni itti dubbates kana ture.

29Kana booddee Yaaqoob, ?Ani gara saba kootti sassaabamuu ga'eera, isin abboota koo biratti holqa lafa Efron namicha biyya Heet sanaa keessatti na awwaalaa?! jedhee isaan in abboome.

30Itti fufees, ?Holqichi isa fuullee Mamree, maasii Makfelaa isa biyya Kana'aan keessaa Abrahaam, Efron namicha biyya Heet sana irraa lafa awwaalaa akka ta'uuf bitee dha*.

31Abrahaamii fi haadha manaa isaa Saaraa achitti awwaalan; Yisihaqii fi haadha manaa isaa Ribqaa achitti awwaalan; anis Liyaa achittan awwaale;

32maasiin sunii fi holqi isa keessa jiru namoota biyya Heet irraa bitame? isaaniin jedhe*.

33Yaaqoob yeroo ilmaan isaa gorfatee raawwatetti, miilla isaa siree irratti ol deebifatee, in obbaafate, gara saba isaattis in sassaabame.[238]

>