1Waaqayyo Nohii fi ilmaan isaa in eebbise; inni isaaniin, ?Horaa, baay'adhaa, lafas guutaa*!
2Surraan keessan bineensa lafaa hundumaa, warra qilleensa keessa balali'an, waanuma lafa irra munyuuqu, qurxummii galaanaas hundumaa haa sodaachisu, haa naasisus! Isaan harka keessanitti kennamaniiru.
3Wanti jiraatee socho'u hundinuu nyaata isiniif haa ta'u! Akkuman biqila lalisaa isiniif kenne, isaan kana hundumaas isiniif kenneera*.
4Garuu foon lubbuun keessa jiru, kana jechuunis dhiigni isaa utuu keessa jiruu hin nyaatinaa*!
5Ani lubbuu keessan eeguudhaaf dhiiga keessan bineensa harkaa, nama harkaas nan barbaada; lubbuu namaa, harka nama akka isaatii keessaa nan barbaada*.
6
7
8Waaqayyo kana booddees Nohiin, isaa wajjin kan turan, ilmaan isaatiinis,
9?Kunoo, ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu nan gala*;
10akkasumas uumama lubbuu qabaatee jiraatee isinii wajjin argamu hundumaa, simbira, allaattii, horii qe'ee, bineensa caakkaa isinii wajjin jiru hundumaa, hamma markabicha keessaa ba'an hundumaa wajjin kakuu nan gala*.
11Si'achi deebi'ee foon kan uffate hundinuu bishaan badiisaatiin lafa irraa akka hin balleeffamneef, ani isinii wajjin kakuu galeera; si'achis lafa balleessuudhaaf lolaan akkasii deebi'ee hin lola'u? jedhe.
12Waaqayyo, ?Kakuu ani ofii kootii isinii fi, uumama lubbuu qabaatee jiraatee isinii wajjin argamuuf, dhaloota dhufu hundumaafis dhaabe kanaaf milikkita nan kenna;
13ani sabbata koo duumessa keessa nan kaa'a, innis milikkita kakuu anaa fi biyya lafaa gidduutti ta'ee ti;
14yeroo ani, duumessi lafa irratti akka duumessaa'u godhee, sabbatichi immoo duumessoota keessaan mul'atu,
15yommus ani kakuu isa ani isinii fi, uumama lubbuu qabaatee foon uffatee jiraatu hundumaa wajjin gale nan yaadadha; waan foon uffate hundumaa balleessuudhaafis bishaan badiisaa deebi'ee hin ta'u*.
16Yeroo sabbatichi duumessoota keessa jirutti, ani isa ilaalee, kakuu bara baraa isa ana Waaqayyoo fi uumama lubbuu qabaatee, foon uffatee lafa irra jiraatu hundumaa gidduutti dhaabate nan yaadadha? jedhe.
17Waaqayyo yommus Nohiin, ?Milikkinni kakuu ani ofii koo fi waan foon uffatee lafa irra jiraatu hundumaa gidduutti dhaabe isa kana? jedhe.
18Ilmaan Nohi warri markabicha keessaa ba'an, Seem, Kaamii fi Yaafet turan; Kaam abbaa Kana'aan ture*;
19isaan kun sadan ilmaan Nohi turan; namoonni isaan kana irraa argamanii guutummaa lafaa irra in tamsa'an.
20Nohi inni qottuun iddoo dhaabaa waynii hojjetachuuf isa jalqabaa ta'e;
21inni daadhii waynichaa irraa dhugee machaa'ee, qullaa isaa dunkaana isaa keessa in ciise;
22Kaam abbaan Kana'aan immoo qullaa abbaa isaa argee, obboloota isaa lamaan warra bakkee turanitti in hime*.
23Seemii fi Yaafet wayyaa fuudhanii gatiittii isaanii lamaan irra buufatanii, dugda duubaan adeemanii qullaa abbaa isaanii in dhoksan; fuulli isaanii irraa gara galee waan tureef, qullaa abbaa isaanii hin argine.
24Nohi irraa machiin daadhii waynii isaatii erga galee booddee, waan ilmi isaa inni xinnaan isa irratti hojjete in bare;
25
26
27
28Bishaan badiisaa sun erga darbee booddee, Nohi waggaa dhibba sadii fi shantama jiraate;
29barri Nohi jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi shantama ture, kana booddees in du'e.