1Yesus iddoo sanaa ka'ee gara kutaa biyya Yihudaa fi gama Yordaanos dhaqe. Namoonni ammoo gara isaatti dachaanaan, akkuma amala isaatii inni isaan barsiise*.
2Yommus warri Fariisotaa dhufanii isa qoruudhaaf, ?Namni tokko haadha manaa isaa baasuun seeraa?? jedhanii gaafatan.
3Inni immoo deebisee, ?Museen maal isin abboome?? isaaniin jedhe.
4Yommus isaan, ?Museenoo ?Caaffata ittiin ishee hiiku kenneefii yoo hiike in ta'a? jedheera? jedhan*.
5Yesus garuu, ?Sababii mata-jabina keessaniif inni abboommii kana isiniif caafe.
6Jalqaba uumamaatti garuu, ?Waaqayyo dhiira, dubartiis in uume*;?
7?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa [haadha manaa isaattis in maxxana*]
8isaan lachanuus foon tokko in ta'u.? Egaa isaan lama miti, foon tokko malee*.
9Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!? isaaniin jedhe.
10Mana keessatti immoo bartoonni waa'ee dubbii kanaa isa gaafatan*.
11Inni immoo, ?Eenyu illee haadha manaa isaa baasee kan biraa yoo fuudhe, ejjee, isheetti yakkeera*;
12isheenis abbaa manaa ishee hiiktee kan biraatti yoo heerumte, in ejjiti? isaaniin jedhe.
13Yesus harka isaa akka isaan irra kaa'uuf namoonni tokko mucoolii gara isaatti in fidan; bartoonni immoo ifatanii isaan dhowwan.
14Yesus garuu yommuu kana arge aaree, bartoota isaatiin, ?Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'a.
15Ani dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin simanne, itti hin galu? jedhe*.
16Mucooliis ammatee harka isaas mataa isaanii irra kaa'ee isaan eebbises*.
17Yesus adeemuudhaaf karaa irra yommuu bu'utti, namichi tokko itti fiigee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, ?Yaa barsiisaa gaarii! Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?? jedhee gaafate.
18Yesus immoo, ?Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru.
19Abboommiin, ?Hin ajjeesin, hin ejjin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in, gowwoomsaadhaan hin fudhatin, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!? akka jedhu in beekta? jedheen*.
20Namichi immoo deebisee, ?Barsiisaa! Kana hundumaa ijoollummaa kootii jalqabee raawwadheera? jedheen.
21Yesus ilaalee isa jaallatee, ?Waan tokkotu si duraa hir'ata. Dhaqii, waan qabdu gurgurii, warra deegaadhaafis kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta; isa booddee immoo kottuu ana duukaa bu'i!? jedheen*.
22Namichi kana yommuu dhaga'e qabeenya guddaa qaba waan tureef, bifni isaa geddaramee, gaddees achii adeeme.
23Yesus yommus naannoo isaa ilaalee bartoota isaatiin, ?Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha!? jedhe*.
24Bartoonni isaa dubbii isaatti na'anii dinqifatan. Yesus garuu ammas, ?Ijoollee! [Warri qabeenya isaanii amanatan] mootummaa Waaqayyootti galuun attam dhiphuu dha!
25Sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba'uutu salphata? jedhe.
26Kana irratti isaan gar-malee na'anii dinqifatanii, ?Egaa eenyutu fayyuu danda'a ree?? jedhaniin.
27Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ?Namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu akkas miti; Waaqayyoof wanti hundinuu in danda'ama? jedhe*.
28Phexros kana irratti, ?Kunoo nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra? jedheen.
29Yesus immoo deebisee, ?Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mana yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis haadha, yookiis abbaa yookiis ijoollee yookiis araddaa anaa fi wangeelaaf jedhee kan dhiise,
30bara jireenya isaatti ari'atamuudhaan yoo ta'e iyyuu manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota, araddaas dachaa dhibba in argata, bara dhufuttis jireenya bara baraatti in gala.
31Garuu baay'een warra dura jiran keessaa warra hundumaa booddee kan ta'an jiru, warra hundumaa booddee jiran keessaas warra duraa kan ta'an jiru? jedhe*.
32Isaan gara Yerusaalem dhaquudhaaf karaa irra yommuu bu'an, Yesus isaan dura in adeema ture. Bartoonni na'anii dinqifachaa, warri isaan duukaa bu'anis sodaachaa in adeemu turan. Inni immoo warra kudha lamaan ammas kophaatti fuudhee, waan isatti dhufuudhaaf jiru isaanitti himutti ka'e,
33?Kunoo gara Yerusaalemitti ol ba'uu keenya! Ilmi namaa luboota warra angafootaatti, barsiisota seeraattis dabarfamee in kennama; isaan immoo yakka du'aa itti muranii, saba Waaqayyoo warra hin ta'initti dabarsanii isa in kennu;
34jarri itti in gai'su, itti in tufu, in reebu, in ajjeesus; inni immoo guyyaa sadii booddee du'aa in ka'a? jedhe*.
35Yaaqoobii fi Yohannis ilmaan Zabdewos gara Yesusitti dhi'aatanii, ?Barsiisaa! Waan nuyi si kadhannu akka nuuf gootu in barbaanna? jedhaniin.
36Inni immoo, ?Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?? isaaniin jedhe.
37Yommus isaan deebisanii, ?Ulfina keetti abbaan tokko gara mirga kee inni kaan immoo gara bitaa kee akka teenyu nuuf kenni!? jedhaniin*.
38Yesus garuu, ?Waan kadhattan hin beektan! Xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguu in dandeessuu? Cuupphaa ani ittiin cuuphamuuf jedhus cuuphamuu in dandeessuu?? isaaniin jedhe*.
39Isaan immoo, ?In dandeenya? jedhaniin. Yesus garuu, ?Xoofoo ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguuf jirtu, cuupphaa ani ittiin cuuphamus cuuphamuuf jirtu*.
40Mirga koo yookiis bitaa koo taa'uu garuu kennuun kan koo miti; taa'umsi sun warra kanaan dura qopheeffameefiif ta'a? isaaniin jedhe.
41Bartoonni warri kaan kurnan yommuu kana dhaga'an, Yaaqoobii fi Yohannisitti aaruutti ka'an.
42Yesus yommus gara isaatti isaan waamee, ?Warri saba biyya lafa kanaa abboomuutti beekaman, gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu*.
43Isin gidduutti garuu akkas hin ta'u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta'uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta'uutu isa irra jira.
44Eenyu illee isin keessaa dura ta'uu kan barbaadu, hundumaaf garbicha ta'uutu isa irra jira*.
45Ilmi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay'eetiif kennuuf dhufe malee? jedhe*.
46Ergasii isaan Yerikoo dhufan. Yeroo Yesus bartoota isaatii fi tuuta sonaan baay'ee wajjin Yerikoodhaa ba'ee adeemuuf jedhetti, Barxiimewos ilmi Ximeewos, namichi jaamaan tokko, karaa bukkee taa'ee in kadhata ture.
47Yesus nama biyya Naazireet ta'uu isaa yommuu dhaga'e, iyyee, ?Yesus! Ilma Daawit na maari!? jedhe.
48Namoonni baay'een calluma jechisiisuudhaaf isa ifatan; inni garuu ittuma caalchisee iyyee, ?Ilma Daawit, na maari!? jedhe.
49Yesus yommus dhaabatee, ?Waamaa!? jedhe. Isaan immoo namicha jaamaa sana waamanii, ?Jabaadhu, ka'i! Si waama!? jedhaniin.
50Kanaaf inni wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee ka'ee, gara Yesus dhufe.
51Yesusis, ?Maal akkan siif godhu barbaadda?? jedheen. Namichi inni jaamaan immoo deebisee, ?Agartuu koo akka anaaf deebiftu, yaa barsiisaa!? jedheen*.
52Yesus immoo, ?Karaa kee dhaqi, amantiin kee si fayyiseera!? jedhe. Achumaanis agartuun isaa deebi'eefii, karaattis isa duukaa bu'e*.