WANGEELA MAARQOS 16:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Sanbanni erga darbee, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoob, Salomeenis dhaqanii dhagna Yesus dibuudhaaf urgooftuu bitan*.

2Jalqaba torbanii, [gaafa Sanbata guddaa], ganama barii ka'anii akkuma aduun baateen awwaalicha bira ga'an.

3Karaatti immoo, ?Eenyutu dhagicha balbala awwaalichaattii nuuf gara galcha?? waliin jechaa turan.

4Dhagichi baay'ee guddaa ture; itti hiiqanii yommuu ilaalan immoo dhagichi balbala awwaalichaattii gara galfamee argan.

5Awwaalichatti akkuma ol lixaniin dargaggeessa tokko, uffata gad dheeraa adii uffatee bukkee gara mirgaatiin taa'ee argan; isaan yommus na'anii in dinqifatan.

6Inni immoo, ?Naatanii hin dinqifatinaa! Isin Yesus nama Naazireet isa fannifamee ture barbaaddu; innoo ka'eera, as hin jiru, ilaa, iddoo isaan isa ciibsanii turan iyyuu!

7Garuu dhaqaa! Bartoota isaatti Phexrosittis, ?Inni isin dura Galiilaa in dhaqa, akkuma isinitti himes achitti isa in argitu? jedhaatii himaa!? isaaniin jedhe*.

8Isaan rom'anii of wallaalanii waan turaniif, achi keessaa ba'anii awwaalicha biraa baqatan; waan sodaataniifis nama tokkotti iyyuu waa hin himne.[123]

9Yesus jalqaba torbanii, [guyyaa Sanbata guddaa] ganama barii yommuu du'aa ka'e, dura Maariyaam ishee Magdalaatti mul'ate; Maariyaam kun ishee inni hafuurota hamoota torba keessaa baasee turee dha*.

10Isheen gara warra isaa wajjin turanii, gadduu fi boo'uutti jiranii, dhaqxee kana isaanitti himte*.

11Isaan garuu akka inni jiraataa ta'e, akka isheen isa argites, yommuu ishee irraa dhaga'an kana hin amanne*.[124]

12Kana booddee jarreen lama diida utuu dhaqanii Yesus bifa biraatiin isaanitti mul'ate.

13Jarreen kun deebi'anii warra kaanitti himan; isaan garuu dubbii isaan kanaas hin amanne.

14Ergasii immoo Yesus, bartoota kudha tokko warra maaddiitti taa'anitti mul'ate. Warri isa du'aa ka'e kana argan, yommuu isaanitti himan, waan bartoonni kun hin amaniniif amanti-dhabina isaaniitiif mata-jabina isaaniitti dheekkame*.

15Inni, ?Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis wangeela lallabaa!

16Namni amane namni cuuphames in fayya; namni hin amanne garuu itti in faradama*.

17Warra anatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu*.

18Bofa yoo qaban yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa'u, isaanis in fayyu? isaaniin jedhe*.[125]

19Yesus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa'e*.

20Ergasii bartoonni dhaqanii iddoo halletti lallaban; gooftaan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas milikkitoota argamaniin in cimse*.[126]

cle>