1Fariisonni yommus barsiisota seeraa Yerusaalemii dhufan tokkoo wajjin Yesus biratti walitti qabaman.
2Isaan kunis bartoota Yesus keessaa jarri tokko harka xuriitiin, innis akka seera isaaniitti harka dhiqachuudhaan utuu of hin qulleessin, akka buddeena nyaatan argan*.
3Yihudoota kan ta'an hundinuu, caalaadhumatti immoo warri Fariisotaa, barsiisa seera muka abbaa isaanii waan ulfeessaniif, harka isaanii bishaan kaballaa tokkoon utuu hin lola'atin hin nyaatan.
4Yommuu gabaadhaa galan utuu of hin qulleessin, akkasuma immoo wanta gabaadhaa dhufu utuu bishaan itti hin facaasin hin nyaatan. Isaan kana malees seerri muka abbaa isaanii kan isaan ulfeessan baay'eetu jira; qodaa itti dhugan, qodaa bishaanii, qodaa sibiila diimaa irraa hojjetaman, [sirrees] in dhiqu turan*.
5Kana irratti Fariisonnii fi barsiisonni seeraa, ?Bartoonni kee akka seera muka abbaa keenyaatti jiraachuu dhiisanii harka xuriitiin maaliif buddeena nyaatu?? jedhanii Yesusin gaafatan.
6Kanaaf Yesus deebisee, ?Isaayaas raajichi waa'ee keessan, waa'ee warra of hin arginee kanaa ba'eessa dubbate; ?Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha.
7Ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu? kan jedhu caafamee jira*.
8Isin abboommii Waaqayyoo dhiiftanii, seera muka abbootaatti qabamtan? isaaniin jedhe.
9Yesus itti fufee, ?Seera muka abbaa keessanii jabeessuudhaaf jettanii abboommii Waaqayyoo diiguudhaaf mala ba'eessa argattan.
10Museenoo, ?Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!? iddoo biraatti immoo, ?Abbaa isaatii fi haadha isaa irratti hamaa kan dubbatu haa du'u!? jedheera*.
11Isin immoo, namni abbaa isaa fi haadha isaa gargaaruuf ture tokko isaaniin, wanti na biraa isiniif kenname, waa'ee isiniif baasuuf ture, amma ?Qurbaana ta'eera?, kana jechuunis ?Waaqayyoof kennameera? yoo jedhe ?Ba'eessa godhe? jettu.
12Akkasitti inni deebi'ee abbaa isaatii fi haadha isaatiif waanuma tokko iyyuu akka hin goone karaa laattuuf.
13Kana kan fakkaatan waan baay'ee gochuudhaan, seera muka abbaa keessanii isa walitti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo busheessitu? isaaniin jedhe.
14Yesus ammoo namoota ofitti waamee, ?Isin hundumti keessan dubbii koo dhaga'aa, hubadhaas!
15Alaa kan namatti galu tokko illee danda'ee xuraa'aa nama hin godhu, wanti yaada garaa namaa keessaa ba'u garuu xuraa'aa nama godha*. [
16Gurra ittiin dhaga'u namni qabu haa dhaga'u!]? isaaniin jedhe.
17Yesus namoota dhiisee yommuu manatti gale, bartoonni isaa waa'ee fakkeenya sanaa isa gaafatan*.
18Inni yommus, ?Isin immoo akkuma warra kaanii hin hubatin jirtuu? Alaa kan namatti galu hundinuu xuraa'aa nama gochuu akka hin dandeenye hin qalbifattanii ree?
19Inni yaada garaa namaatti hin galu; mar'umaanitti galee bakkeetti akka ba'u hin beektanii ree?? isaaniin jedhe. Kanaan nyaanni hundinuu qullaa'aa akka ta'e ibse*.
20Yesus itti fufee, ?Isa yaada garaa namaa keessaa ba'utu nama xureessa.
21Yaadni hamaan hundinuu keessa yaada garaa namootaatii in ba'a; isaan immoo, halalummaa, hanna, nama ajjeechaa,
22ejjummaa, sassata, hammina, haxxumaa, gad-dhiisa, weennoo, nama salphisuu, of tuulummaa, dagattummaa.
23Wanti hamaan kun hundinuu keessa yaada garaa namaatii ba'anii xuraa'aa nama in godhu? jedhe*.
24Yesus achii adeemee naannoo mandara Xiiroos
25Si'uma sana iyyuu dubartiin, intalli ishee hafuura hamaadhaan qabamte tokko, waa'ee isaa dhageessee, dhuftee miilla isaatti kufte.
26Dubartittiin nama kutaa biyya Finiiqee Soriyaatti, afaan Griikii dubbattis turte; isheen hafuuricha hamaa intala ishee keessaa haa baasuuf Yesusin in kadhatte*.
27Yommus inni, ?Dura ijoollonni nyaatanii haa quufan, buddeena ijoollotaa fuudhanii sarootaaf darbachuun ba'eessa miti? isheedhaan jedhe.
28Isheen garuu deebiftee, ?Yaa gooftaa, saroonni iyyuu hurraa maaddii ijoollotaa irraa harca'e in nyaatu? jetteen.
29Yesus immoo, ?Sababii akkas jettee dubbatteef nagaatti dhaqi, hafuurichi hamaan intala kee keessaa ba'eera? isheedhaan jedhe.
30Kana irratti isheen gara manaatti galtee, mucaa ishee hafuurri hamaan keessaa ba'ee, siree irra ciiftee argatte.
31Kana booddee Yesus kutaa biyya Xiiroosii ka'ee, karaa Sidoon kutaa mandaroota kurnanii keessa ba'ee, ciisa bishaan Galiilaa dhaqe*.
32Jarreen tokko yommus nama gurri isaa duude, arrabni isaas dide tokko gara Yesus fidanii, akka inni harka isaa irra kaa'uuf kadhatan*.
33Inni namicha sana tuuta keessaa kophaatti baafatee, quba isaas gurra isaa keessa kaa'ee, tufee arraba namichaa in tuqe*.
34Gara waaqaatti ol ilaalee, garaa isaatti gaddeefii, ?Efaataa? ittiin jedhe; innis ?Banami!? jechuu dha*.
35Si'uma sanatti gurri isaa banamee arrabni isaas hiikamee, qajeeltoottis dubbachuutti ka'e.
36Yesus immoo kana nama tokkotti illee akka hin himne isaan abboome; isaan garuu utuma inni isaan abboomuu, itti caalchisanii labsan*.
37Isaan yommus hamma malee raajeffatanii, ?Inni waan hundumaa ba'eessa godhe; warri duudan akka dhaga'an, warri arrabni isaanii dides akka dubbatan in godha? jedhan*.