1Yesus dubbii kana hundumaa erga raawwatee bartoota isaatiin,
2?Guyyaa lama booddee ayyaanni Faasiikaa akka dhufu isin in beektu, ilmi namaa immoo fannifamuudhaaf dabarfamee kennamuuf jira? jedhe*.
3Ergasii luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni sabaa, mana guddicha isa kan Qayyaafaa angafa lubootaatti walitti qabaman.
4Achittis walii wajjin karaa ittiin Yesusin haxxummaadhaan qabsiisanii ajjeesan in mari'atu turan;
5garuu, ?Namoota gidduutti raafamni akka hin kaaneef, kana gochuun yeroo ayyaanaatti hin ta'u? jedhu turan.
6Yesus Bitaaniyaatti mana Simoon isa lamxaa'ee ture sana keessa jiraa iyyuu,
7dubartiin tokko urgooftuu dibataa gati-jabeessa shurrubbeetti qabattee gara isaa dhufte; isheenis utuma Yesus maaddiitti taa'ee jiruu, urgooftuu sana mataa isaa irratti naqxe*.
8Bartoonni garuu yommuu kana argan hin jaallanne, ?Kun maaliif lafatti bade?
9Urgooftuun kun horii baay'eetti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu in danda'a ture? jedhan.
10Yesus garuu kana caqasee, ?Dubartii kana maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote.
11Warra hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti argattu, ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan*.
12Isheen urgooftuu kana dhagna koo irratti naquudhaan awwaalaaf na qopheessuudhaaf kana goote.
13Ani dhuguman isiniin jedha, guutummaa biyya lafaatti, iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama? isaaniin jedhe*.
14Yommus warra kudha lamaan keessaa tokko, Yihudaa nama biyya Keriyot inni jedhamu, gara luboota warra angafootaa dhaqee,
15?Isa dabarsee yoon isinitti kenne, maal anaaf laattu?? ittiin jedhe; isaan immoo meetii soddoma muraniif*.
16Yihudaan yeroo sanaa jalqabee dabarsee isa kennuudhaaf fucha in barbaada ture.
17Jalqaba ayyaana Maxinoottis bartoonni gara Yesus dhufanii, ?Hoolaa Faasiikaa akka nyaattuuf eessatti akka qopheessinu barbaadda?? jedhaniin*.
18Inni immoo deebisee, ?Mandarichatti lixaa! Gara nama akkasii tokko dhaqaatii, namichaan, ?Yeroon koo jala ga'eera, kanaaf ani bartoota koo wajjin Faasiikaa mana keettan ayyaanessa, siin jedha barsiisaan? jedhaan!? isaaniin jedhe*.
19Yommus bartoonni akkuma Yesus isaan abboome godhan, irbaata Faasiikaas in qopheessan.
20Yommuu galgalaa'e immoo bartoota isaa kudha lamaanii wajjin maaddiitti taa'e.
21Utuu isaan nyaachaa jiranii Yesus, ?Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kennuuf jira? jedhe.
22Kana irratti isaan baay'ee gaddanii, tokko tokkoon, ?Ana miti kaa gooftaa! Anaa ree?? ittiin jechuu jalqaban.
23Inni immoo deebisee, ?Inni anaa wajjin harka kaa'ee qodaa ittootti cuuphate dabarsee na kennuuf jira*.
24Ilmi namaa illee akkuma waa'ee isaaf caafametti du'uuf in dhaqa; garuu namicha ilmi namaa harka isaatiin dabarfamee kennamu sanaaf wayyoo! Namichi sun utuu hin dhalanne ta'ee in wayyaaf ture? jedhe*.
25Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf jedhes deebisee, ?Ana miti kaa, barsiisa! Anaa ree?? jedheen; inni immoo, ?Atumtuu jette kaa? ittiin jedhe.
26Utuu nyaachaa jiranii, Yesus buddeena fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kenne, ?Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhagna koo ti!? jedhe*.
27Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee, ?Hundumti keessan kanattii dhugaa!
28Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay'eetiif dhangala'a*.
29Ammaa jalqabee hamma guyyaa gaafa ani mootummaa abbaa koo keessatti isa haaraa isinii wajjin dhugutti, deebi'ee daadhii waynii kanaattii akkan hin dhugne isinittan hima? jedhe.
30Faarfannaa galataa erga faarfatanii immoo gara gaara ejersaatti ol ba'an*.
31Ergasii Yesus, ?Isin hundumti keessan edana ana mamtanii na buusuuf jirtu, ?Ani tiksee rukutee lafaan nan dha'a, hoolonni karra sanaas in bittimfamu? jedhamee caafameera*.
32Ergan du'aa kaafamee booddee garuu, isin dura Galiilaa nan dhaqa? isaaniin jedhe*.
33Phexros immoo deebisee, ?Isaan hundinuu si mamanii yoo si buusan iyyuu, ani gonkumaa si hin buusu? jedheen.
34Yesus yommus, ?Dhuguman siin jedha, halkanuma kana indaanqoon utuu hin iyyin, ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhe*.
35Phexros garuu, ?Sii wajjin du'uun yoo na irraa barbaadame illee ani matumaa si hin ganu? jedheen; bartoonni hundinuus akkasuma jedhan.
36Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, ?Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!? jedhe.
37Phexrosii fi ilmaan Zabdewos lamaan fudhatee dhaqee, gadduu fi yaadaan dhiphachuutti ka'e*.
38Yommus, ?Lubbuun koo hamma du'aatti baay'ee gaddite; isin as turaa anaa wajjinis dammaqaa!? isaaniin jedhe*.
39Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, ?Yaa abbaa ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee? jedhee kadhate*.
40Kana booddee gara bartoota sanaa dhufee, rafanii isaan arge; Phexrosiin immoo, ?Egaa isin sa'aatii tokkittiif illee anaa wajjin dammaquu hin dandeenyee?
41Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha? jedhe*.
42Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, ?Yaa abbaa ko! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu? jedhe*.
43Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge; iji isaanii itti ulfaatee ture.
44Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate*.
45Ergasii gara bartootaa dhufee, ?Amma iyyuu raftanii boqochuutti jirtuu? Kunoo, yerichi jala ga'eera, ilmi namaa immoo harka cubbamootaatti kennamuu isaa ti*.
46Ka'aa itti adeemnaa! Kunoo inni dabarsee na kennu dur dhi'aate? isaaniin jedhe*.
47Utuma Yesus kana dubbachaa jiruu, kunoo Yihudaan, warra kudha lamaan keessaa tokko, gara isaanii dhufe; isaa wajjinis tuuti sonaan baay'een, luboota warra angafoota, maanguddoota jaraa biraa ergamanii, billaadhaa fi bokkuu qabatanii dhufan.
48Inni dabarsee Yesusin kennuuf ture sun milikkitaaf, ?Inni ani dhungadhu isa, qabadhaa!? jaraan jedhee ture.
49Yihudaan akkuma Yesus bira dhufeen, ?Attam barsiisaa ko!? jedhee, isa dhudhungate.
50Yesus immoo, ?Namicha ko, maaliif as dhufte?? jedheen; yommus jarri itti adeemanii, hiixatanii, Yesusin qaban.
51Kunoo, warra Yesusii wajjin turan keessaa tokko billaa isaa but godhee luqqifatee, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa irraa kute.
52Yeroo sanatti Yesus immoo, ?Billaa kee mann'ee isaatti deebisi; warri billaa luqqifatan hundinuu billaadhaan in badu.
53Ani abbaa kootti dhageessifachuu hin danda'u sitti fakkaataa ree? Innoo ammuma ergamoota duula kudha lama irra caalan iyyuu anaaf in erga ture*.
54Silaa immoo akkas ta'uun akka isa irra jiru kan dubbatan caaffanni qulqullaa'oon attamitti raawwatamu ree?? jedheen.
55Yeroodhuma sanatti Yesus tuuta sanaan immoo, ?Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti, ana qabuudhaaf billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii? Guyyaa dhufaa darbaa mana qulqullummaa keessa taa'ee barsiisaan ture, isin immoo ana hin qabne*.
56Amma garuu caaffanni raajotaa akka raawwatamaniif kun hundinuu ta'e? jedhe; yommus bartoonni hundinuu isa dhiisanii in baqatan.
57Ergasii warri Yesusin qaban sun, iddoo barsiisonni seeraa fi maanguddoonni itti walitti qabamanitti, gara Qayyaafaa angafa lubootaatti isa geessan.
58Phexros garuu hamma oobdii mana angafa lubootaatti, irraa fagaatee Yesus duukaa adeeme; achi keessa lixes dhimma isaa ilaaluudhaaf warra eegdotaa wajjin taa'e.
59Luboonni warri angafoonni, guutummaan yaa'ii warra Yihudootaas, akka ittiin Yesusin ajjeesaniif, amansiisa sobaa isa irratti in barbaadu turan.
60Namoonni sobaan dhugaa ba'an baay'een yoo dhi'aatan iyyuu, amansiisa quufsu hin arganne. Gara booddeetti garuu namoonni lama dhufanii*,
61?Namichi kun, ?Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo jigsee guyyaa sadiitti ijaaruu nan danda'a? jedheera? jedhan*.
62Kana irratti angafni lubootaa ka'ee, ?Waan jarri kun si irratti dhugaa ba'an kanaaf deebii tokko illee hin qabduu ree?? jedhe.
63Yesus garuu calluma jedhe. Angafni lubootaa immoo, ?Hadaraa Waaqayyoo isa jiraataa ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo yoo taate nutti himi!? jedheen*.
64Yesus immoo deebisee, ?Atumtuu jette kaa; garuu ilmi namaa ammaa jalqabee mirga isa aango-qabeessaa taa'ee duumessoota waaqaa irra utuu dhufuu arguuf akka jirtan ani isinittan hima? jedheen*.
65Yommus angafni lubootaa aaree uffata isaa tarsaasee, ?Inni Waaqayyoon arrabseera, amma immoo dhuga-baatuu maalii nu barbaachisa ree? Kunoo Waaqayyoon arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniittu*.
66Maal isinitti fakkaata?? jedhe. Isaan immoo, ?Ajjeefamuun isaaf ta'a? jedhanii deebisan*.
67Yommus fuula isaatti tufanii, isa abootan; warri kaanis kakkabalanii*,
68?Ati, Kristos! Eenyutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!? jedhaniin.
69Yommus Phexros ala oobdii keessa in taa'a ture; xomboreen tokko gara isaa dhuftee, ?Atis Yesus namicha Galiilaa sanaa wajjin turte!? jette.
70Inni garuu hunduma isaanii duratti ganee, ?Waan ati jettu kana ani hin beeku? jedhe.
71Gara karra dallichaatti gad baanaan, xomboreen isheen tokko isa argitee, warra achi dhaabataniin, ?Namichi kun Yesus nama Naazireet sanaa wajjin ture? jette.
72Inni garuu ammas ganee, ?Nama kana ani hin beeku? jedhe kakate*.
73Yeroo xinnoo booddees warri achi dhaabatan ol dhufanii Phexrosiin, ?Ati dhuguma isaan keessaa tokko, akki haasaa keetii iyyuu si lafafa? jedhan.
74Yommus inni immoo, ?Namicha kana ani hin beeku? jedhee of abaaruu, kakachuuttis ka'e; achumaanis indaanqoon in iyyite.
75Phexros yommus jecha Yesus isa inni, ?Indaanqoon utuu hin iyyin ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhee ture yaadate; kanaaf inni gad ba'e mararamee boo'e*.